Nations Bible

Matthew 11

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Worra Yohaannisiin Cuuphaan Erge

1Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan ajaja itti kennee hobbaaseen duuba, addee san lakkisee qachaa adaala sanii keessa lallabiisaa fi barsiisiisaaf dhaqe.

2Yohaannisiin cuuphaan adoo mana hidha'aa keessa jiruu, waan Kiristoos hujiisatti jiru dhage'ee, barattoota ifii keessaa garii ergee, 3«Ka hin dhufa jedhame sun si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedheen.

4Yesuus deebisee, «Deebi'a'aatii waan dhageettanee fi waan dhaggitane Yohaannisitti hima'a: 5Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaalle hiyyeeyyi'iif hin lallabanti. 6Nami marroo tiyya mama hin qabaanne attam attam gammada» jedheen.

7Barattooti Yohaannisii akkuma ideemaneen, Yesuus marroo Yohaannisii kolba'atti akkana dubbatee, «Goomolee keessatti yennaa gara Yohaannisii dhaxxane, isin maan ilaaliisaaf baatane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu? 8Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffana dadansaa uffatu mana moototaa keessa jiran! 9Maan ilaaliisaaf baatane ree? Raagaa tokko ilaaliisaafii? Ee, ani isinitti hima, isin ammoo ka guddoo raagaa caalu dhaggitane. 10Inniin kun, ka Barreeffam Woyyichi,

«‹Karaa keeti akka si'iin duratti qopheessu,

ani ergamaa kiyya si'iin dura erga› jedhee dubbateeru.

11«Ani dhugaa isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannisii cuuphaa caaleeru eennulle hin jiru; Mootummaa ol-gubba'aa keessatti ammoo, ka mara caalaa diqqaatu isa hin caala. 12Bara Yohaannisiin cuuphaan barsiisuu jalqabe irraa ka'ee haga ammaa mootummaan ol-gubba'aa hunnaan dhiibatiisatti jirti; worri itti galiisaaf dhiibatu hin fudhatan. 13Raagoti duudi'ii fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganeeran. 14Yoo dubbii isaanii fudhatiisa feetane, Yohaannisiin kun, Eliyaasii hin dhufa jedhame san. 15Nami gurra qabu dhage'uuti.

16«Dhaloota kana maaniin wol fakkeessina? Isaan akka ijoollee lafa dikko'oo keessa teteettee woliin, 17‹Suusullee isinii afuunne, isin hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine, isin hin gaddine› jedhanu fakkaattan. 18Yohaannis adoo sagalee hin nyaatinii fi daadhii woyni'ii hin unin yennaa dhufe, ‹Inni durriisa qaba› jedhane. 19Ilmi Namaa nyaataa unaa yennaa dhufe, isaan ‹Ilaa, gadhito'oo fi machowaa, lansa worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jedhaneen. Te'uu malee, qarummaan Waaqaa, hujii ifiitiin mirkanootteerti» jedhe.

Qachoota Hin Dhugeeffanne

20Achiin duuba Yesuus worra qachoota bilbaasota ifii inni irra caalaa keessatti huje keessa le'anu, waan isaan cubbuu irraa deebi'uu didaneef komate. 21«Aanne'e si'iif, Koraaziin! Aanne'e si'iif, Betsayida'a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera'aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu. 22Ani ammoo isinitti hima, guyyaa mura'aa isin caalaa Xiiroosii fi Sidooniif irra kasoo teeti. 23Atille Qifirnaahoom, haga gubba'aa ol ifi fuudhuu barbaaddee? Gara qile'ee gad buuta. Bilbaasoti si keessatti godhame, adoo Sodoom keessatti godhamee jiraatee, isiin haga guyyaa adhaa hin turtiiyyu. 24Maarre ani sitti hima, guyyaa mura'aa san si caalaa worra Sodoomiitiif irra kasoo teeti» jedhe.

Gara Kiyya Kowa'aa Foorfadha'a

25Yennaa san Yesuus, «Abba'a, Goottaa ol-gubba'aa fi lafaa! Waan kana mara beekkole'ee fi qaroolee dhossitee, ijoollota didiqqo'otti waan mudhitteef ani si galateeffadha. 26Ee, Abba'a, waan kanatti gammaddeerta. 27Abbaan kiyya waan mara dabarse natti kenneera; Abbaa qofattuu beeka malee, Ilma ka beeku tokkolle hin jiru, akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutti Abbaa beeka malee, Abbaa ka beeku tokkolle hin jiru» jedhe. 28«Isin worri ba'aa ulfaattuu ba'atee dadhabe marti, gara kiyya kowa'a, ani isin foorfachiisa. 29Waanjoo kiyya fuudha'aatii ba'adha'a, ana irralle'ee baradha'a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan. 30Waanjoon kiyya kaso'o, ba'aan tiyya sallo'o» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

John's question and the cities that did not repent

  • From prison, John sent his disciples to ask whether Jesus was the one who was to come. Jesus told the crowds that John was more than a prophet—the messenger sent ahead to prepare the way—and, if they were willing to accept it, the Elijah who was to come. A Bible dictionary calls John the forerunner and says his mission was already the subject of prophecy, citing Isaiah 40:3 and Malachi 3:1; it also introduces Elijah as the Elias of the New Testament.Sources: the Bible text itself · John the Baptist · Elijah
  • Jesus then denounced Chorazin, Bethsaida, and Capernaum, where most of his miracles had been performed, because they did not repent. A dictionary identifies Chorazin with modern Kerazeh, about two and a half miles up the Wady Kerazeh from Capernaum, and says that Capernaum, absent from the Old Testament, became Jesus' own city after he left Nazareth. It places Bethsaida on the east side of the lake, two miles up the Jordan in Gaulonitis, enlarged by Philip the tetrarch and named Julias after the emperor's daughter, though some have supposed there was only one Bethsaida, near where the Jordan enters the lake.Sources: the Bible text itself · Chorazin · Capernaum · Bethsaida
  • He set those cities against Tyre and Sidon, which he said would have repented long ago in sackcloth and ashes, and against Sodom, which he said would have remained to this day. Sidon, on the Mediterranean coast about twenty-five miles north of Tyre, was the oldest Phoenician city there and the mother city of Tyre. A dictionary says the commerce of the whole world was gathered into Tyre's warehouses, and that Sodom, in the vale of Siddim, was destroyed by fire from heaven so completely that no trace of it has been found.Sources: the Bible text itself · Sidon · Tyre · Sodom

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Galilee · 32.760, 35.527 · verse 1
  • Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verses 21, 22
  • Tyre · 33.271, 35.196 · verses 21, 22

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.