Nations Bible

Luke 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa

1Xiberyoos mooticha te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, Phonxoos Philaaxoos bulchaa biyya Yihuda'aa, Heroodis biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Ixuriya'aatii fi Xuraakonixiititti, Lisaaniyaasille biyya Abiliinya'aatitti bulchitoota biyyaa te'ane. 2Yennaa Haannaasii fi Qayyaaffaan Yihudootaaf hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, Yohaannisiin ilmi Zakaariyaasii goomolee keessa jiruun dubbiin Waaqaa itti dhutte. 3Yohaannis adaala biyya Yordaanosii duudii keessa ideemee, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii cuuphama'a; Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhee lallabe. 4Isaayaasiin raagichi marroo Yohaannisiitiif, «Nami tokko goomolee keessatti, ‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!

5«‹Baleen martinuu guutantuu ti, koobii fi gaarri martinuu diriiruu ti. Karaan daddabaan qajeelee, daandiin kattattaan wol qixxoottuu ti. 6Nami duudiin fayyisiisa Waaqaa hin dhagga› » jedhee barreesseera.

7Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamiisaaf gara isaa dhutteen, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime? 8Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisatti hin ka'ina'a. Waaqi dhakoota kana keessaa fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima. 9Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera. Muki midhaan dansaa hin buunne maraa muramee ibiddatti hin gatama» jedhe. 10Jennaan kolbaan, «Yoona nuuti maan tolchinu ree?» jettee Yohaannis gaafatte 11Inni deebisee, «Nami uffana lamaan qabu ka womaa hin qanneef kennuu ti; ka sagalee qabulle worra hin qanne woliin qoodamuu ti» jedhe. 12Worri qaraxa guuranu cuuphamiisaaf dhufanee, «Barsiisa'a, nuuti maan tolchinu?» jedhanee isa gaafatane. 13Yohaannis isaaniin, «Ka seeraan murame caalchittanee hin guurina'a» jedhe 14Loltooti gariin, «Nuuti hore? Maan goona?» jedhanee isa gaafatane. Innille isaaniin, «Hunnaan namuu irraa beesee hin guurina'a, eennulle dharaan hin himatina'a, mindaan keessan isiniif gewuu ti» jedhe. 15Kolbaan hedduun dhufa Kiristoosii eegiisatti waan jirtuuf, «Yohaannis Masiihii te'innaa?» jettee mante. 16Yohaannis, «Ani amma bisaaniin isin cuupha, ka na caalu ammoo na duubaan dhufaara. Ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille nama te'uu moti. Inni Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. 17Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf wobanee harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; huura ammoo ibidda hin dhaanneen guba» jedhe. 18Yohaannis karaa adda addaa heddu'uun gorsa isaaniif kennaa, Oduu Gammadaa isaanitti lallabe. 19Heroodisiin bulchaan, Heroodiyaas niitii obboleessa ifii fuudhee, waan badduu hedduu dhibiille waan hujeeruuf Yohaannis isa xixe. 20Heroodis waan badduu ittuma dabalee, Yohaannis mana hidha'aatitti galche.

Cuuphamiisa Yesuusii

21Kolbaan mara cuuphanteen duuba Yesuusille cuuphame. Adoo inni daadimatiisatti jiruu ol-gubbaan banantee, 22Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'e. Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya jaalatama'a. Ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante.

Hidda Dhaloota Yesuusii

23Yesuus yennaa hujii jalqabu, dhalatee gara woggaa soddomaa ti. Kolbaan, ilma Yoseefii Eli'ii isa seete. 24Eliin ka Maataa'aa, Maataan ka Lewwi'ii, Lewwiin ka Malki'ii, Malkiin ka Yaanaayii, Yaanaayii ka Yoseefii, 25Yoseef ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Amosii, Amos ka Naahomii, Naahom ka Eslii, Esliin ka Naagee, 26Naageen ka Maa'aatii, Maa'aat ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Seeme'ii, Seeme'i ka Yoose'ee, Yooseen ka Yooda'aa, 27Yoodaan ka Yo'anaanii, Yo'anaan ka Resaa, Resaan ka Zarubaabelii, Zarubaabel ka Salaati'elii, Salaati'el ka Neerii 28Neeri ka Melkii, Melkiin ka Adii, Adiin ka Qosaamii, Qosaam ka Elmaadaamii, Elmaadaam ka Eerii, 29Eer ka Yoshu'aa, Yoshu'aan ka Elii'ezaarii, Elii'ezaar ka Yoraamii, Yoraam ka Maataatii, Maataat ka Lewwii, 30Lewwiin ka Simi'oonii, Simi'oon ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yoseefii, Yoseef ka Yoonaamii, Yoonaam ka Eliyaaqimii, 31Eliyaaqim ka Meleyaa, Meleyaan ka Maayinaanii, Maayinaan ka Maaxaataa, Maaxaataan ka Naataanii, Naataan ka Daawitii, 32Daawiti ka Iseyii, Isey ka Yoobeedii, Yoobeed ka Bo'azii, Bo'az ka Salmoonii, Salmoon ka Nahasoonii, 33Nahasoon ka Aminaadaabii, Aminaadaab ka Aaramii, Aaram ka Arnii, Arni ka Hesromii, Hesrom ka Faaresii, Faares ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yaaqoobii, 34Yaaqoob ka Yisihaqii, Yisihaq ka Abrahaamii, Abrahaam ka Taara'aa, Taaraan ka Naahorii, Naahor ka Seruugii, 35Seruug ka Raagaawuu, Raagaawu ka Felegii, Feleg ka Ebeerii, Ebeer ka Shala'aa, Shalaan ka Qayinaanii, 36Qayinaan ka Arfaaksaadii, Arfaaksaad ka Seemii, Seem ka Nohii, Nohi ka Laamekii, Laamek ka Matusaala'aa, 37Matusaalaan ka Heenokii, Heenoki ka Yaaredii, Yaared ka Mahalalelii, Mahalalel ka Qayinaanii, Qayinaan ka Enoshii, 38Enoshi ka Sheetii, Sheeti ka Addaamii, Addaam ka Waaqaa ti.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

John the Baptist prepares the way

  • Luke sets John's preaching in the fifteenth year of Tiberius Caesar, the stepson of Augustus, who succeeded him in A.D. 14 and died in A.D. 37. Easton's Bible Dictionary (1897) notes that John began his public ministry in that year, and that Pontius Pilate, the sixth Roman procurator of Judea from A.D. 26 to 36, kept his headquarters at Caesarea during a term that covered the ministries of John and Jesus. Herod Antipas, a son of Herod, was then tetrarch of Galilee.Sources: the Bible text itself · Tiberius · Pontius Pilate · Herod Antipas
  • The chapter dates these events during the high priesthood of both Annas and Caiaphas. Easton's Bible Dictionary (1897) records that Annas was high priest from A.D. 7 to 14 and was deposed by the Roman procurator, and that Caiaphas, who had married Annas's daughter, was raised to that office in A.D. 25. The same entry suggests that the Jews may still have regarded Annas as the lawful high priest, since Mosaic law held the office for life, and that he probably served with Caiaphas as president of the Sanhedrin or as the high priest's deputy.Sources: the Bible text itself · Annas
  • John, son of Zechariah, was of priestly descent: his father was a priest of the course of Abia, and his mother, Elizabeth, belonged to the daughters of Aaron. Easton's Bible Dictionary (1897) notes that his mission was the subject of prophecy, including Isaiah's voice crying in the wilderness, and that his birth came six months before the birth of Jesus. In this chapter he preaches a baptism of repentance throughout the region around the Jordan, and Herod the tetrarch later imprisons him after John rebukes him over Herodias.Sources: the Bible text itself · John the Baptist

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Abilene · 33.627, 36.106 · verse 1
  • Galilee · 32.760, 35.527 · verses 1, 19
  • Ituraea · 33.400, 35.850 · verse 1
  • Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verse 1
  • Trachonitis · Today: Lajat · 32.969, 36.455 · verse 1
  • Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 3

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.