Luke 23
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
1Achiin duuba worri kora murti'ii san keessa jiranu duudiin ol ka'anee, Yesuus Philaaxoos dura dhikeessane. 2Isaan, «Namichi kun kolbaa teenna jallisiisee, mootii worra Rooma'aatiif gibira gabbaruu dhooggee, ani Masiihii mooti'i ifiin jedhuun qanneerra» jedhaa isa himatiisatti ka'ane. 3Philaaxoos, «Mootiin Yihudootaa si'ii?» jedhee isa gaafate.
Yesuus deebisee, «Maarre atuu jette» jedhe. 4Achiin duuba Philaaxoos sooreyyii hayyootaatii fi gumi'iin, «Ani nama kana irratti yakkaa tokkolle hin dhaggine» jedhe. 5Isaan ammoo, «Inni biyya Yihuda'aa mara keessatti, Galiila'aa jalqabee haga asiitittille barsiisaa kolbaa teenna raasiisatti jira» jedhanee itti jabeessane.
Yesuus Heroodis Duratti Dhikeeffame
6Philaaxoos tana yennaa dhage'e, nama Galiila'aa te'uu isaa gaafate. 7Yesuus biyya Heroodis bulchu keessaa akka te'e yennaa hubate, gara Heroodisii isa erge; yennaa san Heroodis biyya Yerusaalemii keessa jira. 8Heroodis yennaa hedduu dhaggiisaaf waan barbaadaa tureeruuf, yennaa Yesuus dhagge guddoo gammade. Marroo isaa waan dhage'eeruuf, bilbaasa garii inni hujuun dhaggiisaaf addateera.
9Heroodis gaaffii hedduu isa gaafate, inni ammoo womaa hin deebinne. 10Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee achi dhaabbatanee, jabeessanee isa himatane. 11Heroodisii fi loltooti isaa Yesuus salphisanee itti taphatane. Achiin duuba woyaa dansaa itti uffisanee gara Philaaxoosii deebisanee ergane. 12Heroodisii fi Philaaxoos ka duraan wolii diina te'anee turane, gaafuma san wolii jaalomane.
Yesuusitti Du'a Murane
13Philaaxoos sooreyyii hayyootaa, sooressitootaa fi kolbaa waamee, 14«Namichi kun kolbaa jallisiisa jettanee, qaddanee gara kiyya fiddane; anille isinuma duratti isa qoree, waan isin isa himattane keessaa yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine. 15Heroodisille waan yakkaa isa irraa dhabeef deebisee nutti ergeera; akkuma dhaggitanu, waan muraa du'aatiin isa gewu tokkolle hujee hin jiru. 16Tanaaf dhaansisee isa gad lakkisa» jedhe. 17[Philaaxoos wogguma wogga'aan yennaa Jila Irra Dabaramaa worra hidhamane keessaa nama tokkocha kolba'aaf hiiku'uu male.]
18Gumiin duudiin, «Namicha kana balleessi! Barabbaa nu'uuf hiiki!» jettee itti hogitte. 19Barabbaan qachaa keessatti waan nageya booresseeruu fi nama ijjeeseeruuf mana hidha'aatitti hidhamee ture.
20Philaaxoos Yesuus hiikiisaaf fedhee, ammalle gumi'iin dubbate. 21Isaan ammoo, «Isa fannisi! Isa fannisi!» jedhanee ittuma hogisane.
22Philaaxoos sadeessoo, «Maaf? Maan balleesse? Yakkaa muraa du'aatiin isa geettu isa irratti ani hin dhaggine. Tanaaf dhaansisee isa hiika» isaaniin jedhe.
23Isaan ammoo, akka inni fannifamuuf qoonqoo guddo'oon ittuma jabeessanee kadhatane; hogaan isaaniille milkowe. 24Maarre gaaffii isaaniitiif deebii kenniisaaf, Philaaxoos muraa kenne. 25Namicha nageya booressiisaa fi nama ijjeesiisaan hidhameeru, ka kolbaan gaafatte hiikee, akka fedha isaanii Yesuus dabarsee isaanitti kenne.
Yesuus Fannifame
26Adoo Yesuus geessanuu, nama biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko baadiyya'aa galuun qabanee, muka fanno'oo ba'atee Yesuus faana akka deemuuf irra keyane.
27Gumiin guddoon Yesuus hordotte; gumii san keessa dubartooti qoma dhowataa isaaf boottulle jirti. 28Yesuus ammoo gara isaanii garagalee, «Dubartii Yerusaalemii, ifii fi ijoollee teessaniif bowa'a malee, naaf hin bowina'a! 29Sababille guyyooti isaan, ‹Maseenni, gadaamessi ijjumaa hin deyinii fi harmi hin hoosisin ka badhaadhane› jedhanu hin dhufan. 30Yennaa san isaan gaarotaan, ‹Nu irratti jiga'a!› koobotalle'een, ‹Nu dhossa'a!› hin jedhan. 31Adoo muki bisile'eetuu yoo akkasi godhane, yennaa muki goge attam godhan ree?» jedhe.
32Namoota yakkaameyyii lamaan dhibiille, ijjeesiisaaf Yesuus woliin geessane. 33Addee «Buqqii Mata'aa» jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaameyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane. 34Yesuus ammoo, «Abba'a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!» jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane. 35Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, «Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te'e ifi fayyisuu ti!» jedhane. 36Loltootille itti taphatanee, daadhii woyni'ii dhangaggoottuu isaaf kennanee, 37«Ati mootii Yihudootaa yoo teete, ifi fayyisi!» jedhane. 38Barreeffam, «Kun Mootii Yihudootaa ti» jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu. 39Yakkaameyyii achitti fannifamane keessaa tokkochi, «Ati Masiihii motii? Ifi fayyisi, nulle fayyisi!» jedhee isa arrasse. 40Yakkaamessi kuun ammoo, «Atille akkuma namicha kanaa muraa fudhatteerta, Waaqumalle hin sodaattuu ree?» jedhee isa xixe. 41Achiin duuba, «Nuuti waan hunyeef waan dhaggatiisaaf malle waan dhaggataarruuf, dhuguma nutti murame; inni ammoo womaa hin yakkine!» jedheen. 42Achiin duuba Yesuusiin, «Yesuus, mootummaa teetiin yennaa dhuttu na qaabadhu!» jedhe.
43Yesuus deebisee, «Dhugumaan ani sitti hima, adhuma na woliin addee gammadaa keessa hin jiraatta» jedheen.
Du'a Yesuusii
44Orraa gara saatii jaatitti aduun ifa waan dhaddeef, latti duudiin dukkanoottee, haga saatii sagalii turte. Gollaan Galma Waaqaalle addee lamatti tarsa'e. 46Yesuus qoonqoo guddo'oon, «Abbaa kiyya, ani ayyaana kiyya harka keetitti kennadha!» jedhe. Inni kana jedhee du'e. 47Ajajaan dhibbaa waan te'e kana yennaa dhagge, «Namichi kun dhugumaan nama balcha'a» jedhee Waaqa galateeffate. 48Gumiin ilaaliisaaf achitti wolitti qabanteertu maraa waan te'e yennaa dhaggite, gaddaan qoma ifii dhodhowataa gara mana ifii galte. 49Worri isa beekanu maraa fi dubartooti Galiilaa irraa isa hordofane ammoo fagoo dhaabbatanee, waan kana ilaaliisatti jiraniiyyu.
Yesuus Awwaalame
50Namichi dansa'aa fi balchaan, ka mootummaa Waaqaa eeggatiisatti jiru, ka biyya Yihudootaa qachaa Armaatiya'aa keessaa dhufe, ka Yoseef jedhamu tokko jira. Inni miseensa kora murti'ii te'ulle mura'aa fi hujii isaaniititti wolii hin galin ture. 52Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate. 53Achiin duuba reeffa gad buusee woyaa qoolaan maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweeru, ka nami ijjumaa itti hin awwaalamin keessatti awwaale. 54Guyyaan sun guyyaa Qophi'ii ti, Sanbatille seeniisaaf dhikaateera. 55Dubartooti Galiilaa irraa Yesuus woliin dhufane, Yoseef faana deemanee addee awwaalaatii fi akka reeffi Yesuusii itti awwaalame dhaggane. 56Achiin duuba gara manaa deebi'anee uddowa'aa fi fiqiree qopheessane. Guyyaa Sanbataa akka Seerri ajajutti foorfatane.

Did you know?
Trial, Cross, and Burial
- Pontius Pilate, identified by Easton's Bible Dictionary (1897) as the sixth Roman procurator of Judea (A.D. 26–36), kept his headquarters at Caesarea but often went up to Jerusalem. The council’s accusations in this chapter are political: that Jesus was subverting the nation, forbidding the payment of taxes to Caesar, and proclaiming himself Christ, a king.Sources: Pontius Pilate · the Bible text itself
- When Pilate learned that Jesus was a Galilean and under Herod’s jurisdiction, he sent him to Herod Antipas, a son of Herod by Malthace, who was then in Jerusalem. Herod had long wanted to see Jesus and hoped for a miracle, but Jesus did not answer his questions. After Herod and his soldiers mocked Jesus and dressed him in a fine robe, they sent him back, and that day Herod and Pilate, who had been enemies, became friends.Sources: Herod Antipas · the Bible text itself
- The place of crucifixion is called The Skull; a Latin form, Calvaria, translated the Greek Kranion, which rendered the Hebrew Gulgoleth. It probably took this name from its shape, a low, rounded, bare rise somewhat like a human skull, and Scripture nowhere calls it a hill. The crucifixion took place outside the city walls and near a public road.Sources: Skull · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Galilee · 32.760, 35.527 · verses 5, 6, 7, 49, 55
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 5, 7, 19, 28
- Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verses 5, 51
- Cyrene · 32.821, 21.851 · verse 26
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org