Luke 17
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Namoota Gufachiisuu Irraa Ifi Eeggachuu
1Yesuus barattoota ifiitiin, «Wonni kolbaa gufachiisu dhufuu hin dhaddu; ammoo nama gufachiisu saniif aanne'e! 2Worra didiqqaa kana keessaa tokkocha gufachiisu'uu mannaa, dhakaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee abbaaya'atti adoo gatamee isaaf woyya. 3Maarre isin ifi eeggadha'a; obboleessi keeti yoo si yakke, jabeessii gorsi; yoo inni yakkaa ifii irraa deebi'e isaaf araaram. 4Guyya'atti yennaa torba si yakkee, guyya'atti yennaa torba deebi'ee gara keeti dhufee, ‹Ani yakkaa irraa deebi'eera› yoo si'iin jedhe isaaf araaram» jedhe.
Dhugeeffannaa
5Ergantooti Gootta'aan, «Dhugeeffannaa teenna ede'i» jedhane. 6Goottaan deebisee, «Dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii geettu adoo qabaattanee, qilxaa kanaan, ‹Hiddaan buqqa'ii abbaayaa keessatti dhaabami!› yoo jettane, innille isiniif hin ajajama» jedheen.
Waan Tajaajilaa Irraa Barbaadamu
7Yesuus, «Isin keessaa nami tokko tajaajilaa qotii qotu yookiin hoolee tissu yoo qabaate, tajaajilaan sun addee huji'iitii yennaa galu, ‹Koy as tee'ii sagalee nyaadhu!› hin jedhanii? 8Addee tana jedhu, ‹Sagalee naaf qopheessii, haga ani nyaadhee unutti woyaa teeti marxifadhuu naaf ergami! Achiin duuba atille hin nyaata hin unta› hin jedhanii motii? 9Inni, tajaajilaa kana waan inni isa ajaje waan muummesseef hin galateeffataa? 10Maarre isinille waan ajajantane maraa yennaa muummessitane, ‹Nuuti tajaajiltoota woy hin baane; nuuti waan tolchu'uu malle callaa tolchine› jedha'a!» isaaniin jedhe.
Yesuus Nama Kudhan Fayyise
11Yesuus adoo Yerusaalem dhaquu, meessaa Samaariya'aatii fi Galiila'aatiin dabare. 12Adoo inni gara ollaa tokkoo seeniisatti jiruu, namooti kudhan ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibamaneeranu tokko itti dhufane. Isaan fagoo dhaabbatanee, 13qoonqoo guddo'oon, «Yesuus! Gootta'a! Nuu nayi!» jedhaneen. 14Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, «Dhaqa'aatii hayyootatti ifi mudhisa'a!» jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane. 15Isaan keessaa tokkochi akka fayye yennaa dhagge, qoonqoo guddo'oon Waaqa galateessaa, deebi'ee dhufe. 16Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya'aa ti. 17Yesuus, «Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meet ree? 18Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi'e hin jiruu?» jedhee gaafate. 19Achiin duuba Yesuus namichaan, «Ol ka'ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedhe.
Dhufiisa Mootummaa Waaqaa
20Worri Fariisaayotaa gariin mootummaan Waaqaa yoom akka dhuttu Yesuus gaafatane. Inni deebisee, «Mootummaan Waaqaa karaa nami eeguun hin dhuttu. 21Eennulle, ‹Ilaa, as jirti!› yookiin, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababille, mootummaan Waaqaa isin keessa jirti» jedhe. 22Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Yennaan isin guyyoota Ilma Namaa keessaa, guyyaa tokko dhaggiisaaf halchitanu hin dhutti, ammoo hin dhaggitanu. 23Namooti isiniin, ‹Kuunnoo achi jirti!› yookiin ‹Kunoo asi jirti!› hin jedhan. Isin ammoo hin dhaqina'a; faanalle hin fiigina'a! 24Akkuma balaqqeettiin gubba'aa balaqqittee gara tokkoo haga gara kaaniititti issitu, guyyaa Ilmi Namaa dhufu akkasuma hin te'a. 25Ammoo kanaan dura, Ilmi Namaa dhaloota kanaan guddoo rakkatu'uu fi jibbamuu qaba.
26«Bara Nohiititti akkuma te'ee, bara Ilma Namaatittille akkasuma hin te'a. 27Haga guyyaa Nohi hoboloo guddo'otti galuutitti, kolbaan nyaataa unaa, fuudhaa heerumaa turte, bisaan badi'iille dhufee isaan maraa balleesse. 28Bara Looxiille akkuma kana te'e; kolbaan nyaataa unaa, bitataa gurgurataa, midhaan dhaabaa, ijaarrataa turte. 29Guyyaa Loox Sodoomii baye ammoo, ibiddii fi dhakaan bobe'u ol-gubba'aa roobee isaan maraa fixe. 30Guyyaa Ilmi Namaa mudhatuttille akkasuma hin te'a.
31«Guyyaa san nami mana gubbaa jiru, ka mey isaa mana keessa jiru, fudhatiisaaf gad bu'ee gara manaa hin deebi'in. 32Haadha manaa ta Looxii qaabadha'a! 33Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin dhaba; nami jiruu ifii dhabu ammoo jiruu ifii hin fayyifata. 34Ani isinitti hima, halkan san nami lamaan taqee takkattii irra hin rafa, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa. 35Dubartiin lamaan woliin daakuu daatti, takkattiin hin fudhatanti, tuun ammoo hin hatti. 36[Nami lamaan fichaa tokko keessa hin jiraata, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa]» jedhe. 37Barattooti isaa, «Gootta'a, eessatti?» jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, «Addee reeffi jirutti allaatiin yaati» jedhe.

Did you know?
Ten lepers and the day of the Son of Man
- Luke says that, on the way to Jerusalem, Jesus was passing between Samaria and Galilee when ten lepers met him as he entered a village. Easton's Bible Dictionary (1897) traces the name Samaria to Shomeron, a hill in the mountains of Israel that King Omri bought from Shemer and where he built his capital, and explains Galilee, meaning “circuit,” as a land long occupied by its original inhabitants and so called “Galilee of the Gentiles.” Of the ten who were healed, only a Samaritan returned, and Jesus called him a foreigner.Sources: the Bible text itself · Samaria · Galilee
- Jesus says that the day of the Son of Man will be like the days of Noah, when people were eating and drinking, marrying and being given in marriage, until Noah entered the ark and the flood destroyed them all. Easton's Bible Dictionary (1897) explains the name Noah as “rest” and identifies him as the son of Lamech and the father of Shem, Ham, and Japheth.Sources: the Bible text itself · Noah
- Jesus also recalls the days of Lot, when people were eating and drinking, buying and selling, planting and building, until the day Lot left Sodom and fire and sulfur rained down from heaven. Easton's Bible Dictionary (1897) explains the name Sodom as “burning” or “the walled” and places the city in the vale of Siddim, where it says fire from heaven destroyed it. In the same warning, Jesus tells anyone on a housetop or in a field not to turn back for possessions, and adds, “Remember Lot's wife!”Sources: the Bible text itself · Sodom
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Galilee · 32.760, 35.527 · verse 11
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 11
- Samaria · Today: Samaria 2 · 32.276, 35.195 · verse 11
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org