Nations Bible

Luke 13

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Cubbuu Irraa Ka Hin Deebine Hin Bada

1Yennaa san namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, marroo worra Galiila'aa ka adoo Waaqaaf woreega woreegiisatti jiranuu, Philaaxoos ijjeesisee dhiiga isaanii woreega isaanii woliin makee itti himane. 2Yesuus deebisee, «Worri Galiila'aa kun, worra Galiila'aa kaan mara caalaa cubbaaleyyii waan te'aneef akkas rakkatane isinitti fakkaataa? 3Waawwoo! Ani isinitti hima, isin martinuu yoo cubbuu teessan irraa deebi'uu dhaddane, akkuma isaanii hin baddan. 4Yookiin worri kudhanii saddeeti ka Siilo'amitti xelleephoon dhaka'aa dheertuun itti jiddee fixxe, worra Yerusaalem keessa le'u mara caalaa yakkaameyyii isinitti fakkaataa? 5Waawwo'o! Ani isinitti hima; isinille cubbuu teessan irraa yoo deebitane malee, isin martinuu akkuma isaanii hin baddan» isaaniin jedhe.

Mammaassa Muka Harru'uu Ka Midhaan Hin Buunnee

6Achiin duuba Yesuus mammaassa kana isaanitti mammaakee, «Namichi fichaa ifii keessatti muka harru'uu dhaabbateeru tokko jira. Inni midhaan isii irraa barbaadatiisaaf dhaqee womaa irraa dhabe. 7Maarre inni namicha fichaa isaa hujuun, ‹Ilaa, ani muka harru'uu kana irraa midhaan barbaadatiisaaf woggaa sad dhufeera; ammoo haga ammaa womaa irraa hin dhagganne. Isii muri, maaf lafa balleessiti?› jedhe. 8Namichi sun ammoo deebisee, ‹Gootta'a, me woggaa tanaaf lakkis; jala qotee kosii jalatti naqa. 9Bara dhufu midhaan yoo buutte dansa'a! Ammoo yoo buusuu dhadde hin murta!› jedheen» jedhe.

Yesuus Guyyaa Sanbataa Dubartii Gugguutte Fayyise

10Yesuus Guyyaa Sanbataa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisiisatti jiraayyu. 11Dubartiin woggaa kudhanii saddeeti ayyaanni hamaan gugguussiseeru takkalle achi jirtiiyyu. Isiin akka malee gugguuttee qajeeltee dhaabbatuu hin dandeenne. 12Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, «Dubarti'i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta» jedhe. 13Harka ifiille isii irra keyee, isiin yennuma san qajeeltee dhaabbattee Waaqa galateeffatte. 14Sooressi mana Waaqonfannaa Yihudootaa waan Yesuus guyyaa Sanbataatiin fayyiseef aaree, kolba'aan, «Guyyooti huji'ii jaan jiran. Maarre guyyoota san kowa'aatii fayyifama'a malee, guyyaa Sanbataatiinii moti» jedhe. 15Goottaan deebisee, «Isin kijiboole'e, isin keessaa guyyaa Sanbataatiin qotiyyoo yookiin harree addee hidha'aatii hiikee geessee ka bisaan hin obaanne eennu? 16Amma dubartiin sanyii Abrahaamii teetu tun, ta woggaa kudhanii saddeeti Seexanaan hidhantee turte, guyyaa Sanbataatiin hiikamu'uu hin mallee ree?» jedheen. 17Dubbii tana yennaa inni dubbate, worri isa mormu mara qaanowe; kolbaan ammoo kancira inni huje maratti gammadde.

Mammaassa Midhaan Sanaafici'ii

18Achiin duuba Yesuus «‹Mootummaan Waaqaa maan fakkaatti? Maaniin isii wol fakkeessina?› jedhee gaafate. 19Isiin akka sanyii sanaafici'ii ta nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti dhaabeen guddattee muka guddaa teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii irratti mana ijaarrattuu fakkaatti» jedhe.

Mammaassa Uuko'oo

20Yesuus ammalle, «Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessa? 21Isiin akka uukoo dubartiin takka fuutee bullaa guddo'oon mattee, uukoon sun isii mara bukeessituu fakkaatti» jedhe.

Balbala Dhiphoo

22Yesuus gara Yerusaalemii adoo dhaquu, qachootaa fi olloota keessatti kolbaa barsiisaa dabare. 23Nami tokko, «Gootta'a, ka fayyu kolbaa diqqo'oo?» jedhee gaafate. 24Yesuus deebisee, «Balbala dhipho'oon seeniisaaf mixiixxadha'a; ani isinitti hima; namooti hedduun seeniisaaf wodhaanan; ammoo hin dande'anu. 25Abbaan manaa ka'ee balbala cufeen duuba, isin ala dhaabbatanee balbala dhodhowaa, ‹Goottaa keenna balbala nu'uuf bani!› jettanee hin waantan; inni ammoo deebisee, ‹Isin eessaa akka dhuttane ani hin beeku› isiniin jedha.

26«Achiin duuba isin deebittanee, ‹Si woliin nyaannee unneerra; karaa keenna irralle'etti barsiitteerta› jettan. 27Inni ammoo, ‹Eessaa akka isin dhuttane ani hin beeku; isin dabaaleyyiin martinuu ila tiyya duraa deema'a!› jedha. 28Mootummaa Waaqaa keessatti, Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi raagota mara dhaggitanee, isin alatti yennaa gatantane, achitti bowaa ilkaan qartan. 29Kolbaan gara aduun baatuu fi aduun seentuun, olii fi gadiin dhuttee mootummaa Waaqaa keessa teettee hin nyaatti. 30Worri amma duuba jiru, worra duraa hin te'a; worri amma dura jiru worra duubaa hin te'a» jedhe.

Heroodis Yesuus Ijjeesiisaaf Barbaade

31Yennaa san worra Fariisaayotaa keessaa namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, «Heroodis waan si ijjeesiisaaf barbaaduuf asii deemi, addee dhibii dhaqi!» jedhaneen. 32Yesuus deebisee, «Dhaqa'aatii jeedala saniin, Ani adhaa fi boru durriisota hin baasa, worra dhibamaalle hin fayyisa, guyyaa sadeesso'ootitti hujii tiyya hin hobbaasa. 33Te'uu malee, ani adhaa fi boru, ittaanille garuma duraa deemuu male; sababille raagaan tokko Yerusaalem keessatti malee, addee dhibi'itti ijjeefamuu hin malle» isaaniin jedhe.

Yesuus Yerusaalemiif Gadde

34«E! Yerusaalem, Yerusaalem! Ati raagota ka ijjeettu, ergantoota gara keeti ergante ka dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade, isin ammoo didattane. 35Ilaa, manni keessan ona hin te'a. Ani isinitti hima, ‹Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebbifame› haga jettanutti deebitanee na hin dhaggitanu» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Repentance on the Way to Jerusalem

  • Pontius Pilate was the sixth Roman procurator of Judea, from A.D. 26 to 36. His headquarters were at Caesarea, though he often went up to Jerusalem. Luke 13 opens with the report that he had mixed the blood of some Galileans with their sacrifices; Jesus replies that this does not show they were worse sinners than the other Galileans, and that unless his hearers repent they too will all perish.Sources: Pontius Pilate · the Bible text itself
  • Jesus also asks whether the eighteen who were killed when the tower of Siloam collapsed were more sinful than all the others living in Jerusalem, and again says that unless his hearers repent they too will all perish. Siloam, meaning “sent” or “sending,” has been identified with the Birket Silwan in the lower Tyropoeon valley, southeast of the hill of Zion. Water reaches that pool intermittently through a winding underground channel from the Fountain of the Virgin, and John’s Gospel records that Jesus gave sight to a blind man there.Sources: Siloam · the Bible text itself
  • While he travels through the towns and villages toward Jerusalem, Jesus laments the city that kills the prophets and stones those sent to her. It is described as a mountain city set on a stronghold; its name, in the dual form, means “possession of peace” or “foundation of peace,” probably referring to Zion and Moriah, the two mountains on which it was built, or, as some suppose, to the upper and lower city. He says he has often longed to gather its children as a hen gathers her chicks under her wings, and Easton's Bible Dictionary (1897) notes that this familiar bird is mentioned only in this lament and in Matthew 23:37.Sources: the Bible text itself · Jerusalem · Josiah

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Galilee · 32.760, 35.527 · verses 1, 2
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 4, 22, 33, 34
  • Siloam · Today: Pool of Siloam · 31.771, 35.235 · verse 4

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.