Nations Bible

Luke 10

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Yesuus Nama Torbaatamii Lama Erge

1Kanaan duuba Goottaan nama torbaatamii lamaan dhibii filatee, gara qacha'aa fi addee ifii dhaqu'uuf jiruu mara lamaan lamaaniin ifiin dura erge. 2Inni isaaniin, «Midhaan haamamu gudda'aa, worri haamu ammoo diqqa'a; abbaan midhaanii worra haamu gara ficha'aa akka erguuf daadimadha'a. 3Amma beena'a! Kunoo ani akka ilmoolee hoole'ee yayyii odduu isin erga. 4Korojoo yookiin subba yookiin kophee hin qabatina'a; eennulle nageya fuudhiisaaf kara'atti hin dhaabbatina'a. 5Mana tokko yennaa seentane duraan dursa'aatii, ‹Nageenni mana kanaaf te'uu!› jedha'a. 6Yoo nami nageya jaalatu achi jiraate, nageenni keessan nama saniif te'uu ti; yoo hin jiraanne, nageenni keessan isinii deebi'a. 7Manuma san keessa tura'a; hojjataa tokkoof mindaan barbaachisaa waan te'eef, waan isaan isiniif kennanu maraa nyaadha'aa una'a. Manaa gara manaa hin labina'a! 8Yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatane maraa, waan isiniif kennanu sooradha'a; 9qachaa san keessatti dhibamaa fayyisa'a; kolbaa achi jirtulle'een, ‹Mootummaan Waaqaa isinitti dhikaateerti› jedha'a. 10Ammoo yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatiisa dhabane mara, kara'atti baya'aatii, 11isaaniin ‹Bukuu qachaa keessanii ka miila keennatti qabattelle ifi irraa hin haxowanna; ammoo mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka'a!› jedha'a. 12Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa saniitiin irra worra Sodoomiitiif kaso'o» jedhe.

Qachoota Hin Dhugeeffanne

13Yesuus ede'ee, «Aannee si'iif, Koraaziin! Aannee si'iif, Betsayida'a! Bilbaasi Waaqaa ka si keessatti godhame, adoo Xiiroosii fi Sidoonaa keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan uffana gaddaa uffattee, daadhaa keessa teetee duruu araara galteertiiyyu. 14Guyyaa mura'aa isin caalaa Xiiroosii fi Sidooniif kasoo teeti. 15Qifirnaahoom ati haga ol-gubba'aa ifi ol qabuu barbaaddaa? Maarre gara boolla qile'ee gad gatanta.

16«Ka isin dhage'u na dhage'a; ka isin didu na dida; ka ana didu ka ana erge dida» jedhe.

Worri Torbaatamii Lamaan Addee Dhaqanee Deebi'ane

17Worri torbaatamii lamaan gammada gudda'aan deebi'anee dhufanee, «Goottaa, yennaa nuuti maqaa keetiin ajajne durriisotille nu'uuf ajajamane» jedhaneen.

18Yesuus deebisee, «Seexanni akka balaqqeetti'ii ol-gubba'aa bu'uun dhagge. 19Ani akka isin dhudhuufa'aa fi makka irra ideentanu, hunna diinotaa maralle akka injifattanu baallii isiniif kenneera; womaa isin hin miidhu. 20Te'uu malee, maqaan keessan ol-gubba'atti waan barreeffameef gammada'a malee, ayyaanni hamaan waan isiniif ajajameef hin gammadina'a» isaaniin jedhe.

Yesuus Gammade

21Yennuma sanitti, Yesuus gammada Ayyaana Woyyichaatiin guutamee, «Abbaa kiyya, Goottaa ol-gubba'aatii fi lafaa! Waan kana worra qaroole'ee fi beettota dhossitee worra wo hin beenneef waan mudhitteef si galateeffadha. Ee, Abbaa, wonni sun akka teetuuf waan ati itti gammadde.

22«Abbaan kiyya waan mara dabarsee natti kenneera. Abbaa isaa qofattuu beeka malee, ilmi eennu akka te'e ka beeku hin jiru; Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisuu barbaadettuu abbaa beeka malee, abbaan eennu akka te'e ka beeku hin jiru» jedhe. 23Achiin duuba gara barattoota ifii garagalee qofii isaaniititti, «Ilti waan isin dhaggitanu dhaggitu ta eebbifante. 24Raagotaa fi moototi hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo akka hin dhaggin yookiin hin dhage'in isinitti hima» jedheen.

Mammaassa Namicha Samaariya'aa

25Beekaan seera Muuse'ee tokko Yesuus waan jedhu ilaaliisaaf ol ka'ee, «Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf maan godhuu na barbaachisa?» jedhe. 26Yesuus deebisee, «Seera Muuse'ee keessatti maanti barreeffameera? Attamitti dubbittee hiitta?» jedhe. 27Namichille, «Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaaladhu; akkuma ifi jaalattu ollaa keetille jaaladhu» jedhe.

28Yesuus, «Sirri'itti deebiteerta; yoo tana goote jiruu bara baraa hin dhaggatta» jedhe.

29Beekkichi Seera Muuse'ee ammoo akka waan nama balchaa te'ee ifi mudhisiisa barbaadee, «Ollaan kiyya kam inni?» jedhee gaafate.

30Yesuus deebisee, «Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko'oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme. 31Hayyuun tokko karaa san adoo dabaruu, yennaa namicha dhagge ammoo, irraa goree dabare. 32Nami gosa Lewwi'ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare. 33Nami Samaariya'aa tokko ammoo, ka karaa san deemu irra dhufee, yennaa isa dhagge nayeef. 34Itti hiiqee, madaa isaatitti zayiti'ii fi daadhii woyni'ii naqee hidheef; achiin duuba geejjiba ifii gubbaa teessisee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti qarqaare. 35Guyyaa itti aanu dinaara lama fuudhee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi'u, kana caalaalle yoo baatteef, si'iif hin kenna› jedheen» jedhe. 36Achiin duuba Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu'e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?» jedheen. 37Beekaan Seera Muuse'ee, «Ka marareef» jedhee deebise.

Yesuus isaan, «Atille dhaqii, akkasuma tolchi» jedhe.

Yesuus Mana Maarta'aatii Fi Maariyaamiititti

38Yesuus barattoota ifii woliin ideemaatuma gara ollaa tokkoo yennaa dhufe, dubartiin Maartaa jedhantu takka mana ifiititti isa fudhate. 39Isiin obboleettii Maariyaam jedhantu takka qaddi; Maariyaamiin sun miila Yesuusii jala teettee dubbii isaa caqasiisatti jirtiiyyu. 40Maartaan ammoo hujiin mana keessaa waan itti heddatteef, gara isaa dhuttee, «Gootta'a, obboleettiin tiyya akka ani callaan hujuuf yennaa isiin qofuu na lakkittu cadhittee ilaalta? Akka isiin dhuttee na gargaartuuf itti himi» jette. 41Goottaan deebisee «Maarta'a, Maarta'a! Ati waan hedduu yaadaa rakkata, 42ka barbaachisu ammoo waan tokkocha calla'a. Maariyaamiin waan dansaa filatteerti, isii irralle'ee hin fudhatamu» isi'iin jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The mission, the towns, and Martha and Mary

  • Easton's Bible Dictionary (1897) identifies Chorazin, named in this chapter's woes along with Bethsaida and Capernaum, with Kerazeh, about two and a half miles up the Wady Kerazeh from Capernaum. It says that after Jesus was expelled from Nazareth, Capernaum became his own city. The chapter compares those towns with Tyre and Sidon; the dictionary calls Sidon the first home of the Phoenicians on the coast of Palestine and the mother city of Tyre, about twenty-five miles north of Tyre.Sources: the Bible text itself · Chorazin · Capernaum · Sidon
  • Easton's Bible Dictionary (1897) gives the name Martha as meaning bitterness, and says that she, her sister Mary, and their brother Lazarus lived at Bethany, with Martha probably the eldest. Because this passage calls the house hers, the dictionary notes that some have supposed she was a widow and that her brother and sister lodged with her. It describes her as anxious and bustling in caring for her guest, unlike Mary, who sat at Jesus' feet and listened.Sources: the Bible text itself · Martha · Mary (sister of Lazarus)
  • The Lord appoints seventy-two others and sends them two by two ahead of him, and an event chronology dates that sending to AD 29. When they return, rejoicing that even the demons submit in his name, he says he saw Satan fall like lightning from heaven. Easton's Bible Dictionary (1897) explains the name Satan as adversary or accuser, and notes that the New Testament uses it interchangeably with the devil more than thirty times.Sources: the Bible text itself · 70 Sent Out · Satan

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verses 13, 14
  • Tyre · 33.271, 35.196 · verses 13, 14
  • Jericho · Today: Tell el Alayiq · 31.852, 35.436 · verse 30
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 30, 38

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.