Nations Bible

Leviticus 7

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Kennansa Sababa Yakka'aatiif Dhikaatu

1« ‹Seerri irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko ka te'e, ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu asii gad jira: 2Adduma kennansi gubamu itti qalamutti kennansi sababa yakka'aatiif dhikaatulle qalamuu ti; dhiigi isaalle cinaa addee ciinca'aa maratti fiffixamuu ti. 3Coomi duma isaatii fi moorri meya gadha'aa gollu, 4kalattiin lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin kennansaaf dhikaatanuu ti. 5Kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatanu waan te'aneef, hayyichi akka kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu addee ciinca'aa irratti gubuu ti. 6Maatii hayyichaa keessaa dhiirti martinuu nyaattuu ti; kennansi kun ka irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, addee woyyitti'itti nyaatamuu ti.

7« ‹Kennansi araara cubbu'uutiif dhikaatu akkuma kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu waan te'eef, seerri isaanii tokkuma; foon kennansaaf dhikaate sun hayyicha gumaa tolchuuf te'uu ti. 8Hayyichi horii nami kennansa gubamuuf fide san gubu, gogaa horii kennansa gubamuuf dhikaatee san ifiif fudhatuu ti. 9Kennansi midhaanii ka barbada ibiddaa irratti woddame yookiin ka okkote'etti iffeelame yookiin ka eelee sibiilaatitti akowame sun hayyicha kennansa dhikeesse saniif kennamuu ti. 10Kennansi midhaanii ka zayiti'iin sukkuumame yookiin ka zayitii hin qanne marti ilmaan Aaronii maraaf wol qixa qoodamuu ti.

Kennansa Tokkumma'aa

11« ‹Seerri kennansa tokkumma'aa ka Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu ka asii gad jiru: 12Nami tokko kennansa galataa yoo dhikeesse, kennansa galataa san woliin bixee bullaa dansaa uukoo hin qanne ta zayiti'iin sukkuumante, bixee hephellittii uukoo hin qanne ta zayitiin irra dibamee fi zayiti'iin sukkuumante dhikeessuu ti. 13Kennansa galataa ka tokkumma'aa kana woliin daabboo uukoo qaddu kennansa dhikeessuu qaba. 14Gosa daabboo kennansaaf dhikaatte tokko tokkooyyuu irraa tokko tokko fuudhee ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee, kennansa dhikeessee, hayyicha dhiiga kennansa tokkumma'aaf dhikaatu fiffixu saniif kennuu ti. 15Foon kennansa galataa ka tokkumma'aa sun guyyuma kennansaaf dhikaate san nyaatamuutii malee, ijjumaa hin bulin.

16« ‹Kennansi sun kennansa woreegaa yookiin kennansa fedhi'iin kennamu yoo te'elle, guyyuma dhikaate san nyaatamuu ti; wonni irraa hafe ammoo guyyaa itti aanu nyaatamuu ti. 17Foon kennansaaf dhikaate san irraa hafee haga guyyaa sadii ture ibiddaan gubamuu qaba. 18Foon kennansa tokkumma'aa sun guyyaa sadeesso'oo yoo nyaatame, kennansi namichaa fudhatama hin qabu; hin laakkowamuufille'e; battii waan te'eef, nami isa nyaate itti hin gaafatama.

19« ‹Foon aadaa dhugeeffanna'aatiin waan battii te'e tuqe marti gubamuutii malee hin nyaatamin. Foon qulqulluu te'e ammoo nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu ti. 20Nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'in foon kennansa tokkumma'aa ka ana Mootii Waan Maraa dhikaate irraa yoo nyaate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti. 21Eennulle nama batticha yookiin horii batticha yookiin waan battii te'e mara tuqee, foon kennansa tokkumma'aa ka ana Mootii Waan Maraa dhikaate san yoo nyaate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti› jedhi» jedhe.

Mooraa fi Dhiiga Nyaatiis Dhooggame

22Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 23«Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Moora loonii, moora re'e'ee yookiin moora hoole'ee hin nyaatina'a! 24Moora horii ifiin du'ee yookiin ka bineensi ijjeesee hujii dhibi'iif itti fayyadama'a malee hin nyaatina'a. 25Nami moora horii kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamee dhikaatuu san nyaatu, kolbaa ifii keessaa bawuu ti. 26Addee leetanu maratti dhiiga maraayyuu ka sinbirre'ee yookiin ka bineensaalle yoo te'e hin nyaatina'a. 27Eennulle dhiiga yoo nyaate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti› jedhi» jedhe.

Qooda Hayyichaaf Kennamu

28Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, 29«Kolbaa Israa'elootaatiin, ‹Nami kennansa tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessu, kennansuma san irraa fuudhee kennansa naaf dhikeessuu ti. 30Inni kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu harkuma ifiitiin dhikeessuu ti; moora cormii woliin fiduu ti; kennansa tachoofamuuf ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. 31Hayyichi moora san addee ciinca'aa irratti gubuu ti; cormiin ammoo Aaronii fi ilmaan isaatiif kennamuu ti. 32Kennansa tokkumma'aaf dhikaate luka gara middaa hayyichaaf kenna'a. 33Ilmaan Aaronii keessaa dhiiga fi moora kennansa tokkumma'aa san ciinca'aaf ka dhikeesse, luka gara middaa ifiif fudhatuu ti. 34Ani kennansa Israa'elootaa ka tokkumma'aa irraa, cormii tachoofantee fi luka ol fuudhante fuudhee, yennaa mara qooda isaanii akka te'u, Aaronii hayyichaa fi ilmaan isaatiif kenneera. Kun seera yennaa maraa ti. 35Aaronii fi ilmaan isaa guyyaa hayyuu te'anee ana Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf muudamane, kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaate irraa qoodi isaaniif kenname kana. 36Guyyaa isaan muudamane, Israa'elooti dhalootaa haga dhalootaatitti yennaa mara qooda isaanii akka te'u godhanee akka kennanu ani Mootiin Waan Maraa ajajeera› jedhiin» jedhe.

37Seerri kennansa gubamuu, seerri kennansa midhaanii, seerri kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu, seerri kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu, seerri kennansa muudama hayyootaatiif dhikaatuu fi seerri kennansa tokkumma'aa kana. 38Kun goomolee Siina'aa keessatti, Israa'elooti kennansa ifii akka Mootii Waan Maraatiif kennanu guyyaa ajaje, gaara Siina'aa irratti seera Mootiin Waan Maraa Muuse'eef kenne.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Sacrificial Portions and Instructions

  • The sacrificial laws detailed specific portions reserved to sustain the priests, including the animal skins from burnt offerings, certain grain offerings, and the breast and right thigh from peace offerings given to Aaron and his descendants.Sources: the Bible text itself · Aaron
  • The Israelites were strictly forbidden from consuming the fat of sacrificial animals (oxen, sheep, and goats) as well as the blood of any bird or animal, with violators facing the penalty of being cut off from their people.Sources: the Bible text itself
  • Leviticus 7 concludes a major section of ritual laws by noting that the Lord delivered these instructions for the various offerings to Moses on Mount Sinai while the community was encamped in the Wilderness of Sinai.Sources: the Bible text itself · Sinai · Moses

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Wilderness of Sinai · Today: about 50 km around Jebel Musa · 28.540, 33.973 · verse 38

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.