Nations Bible

Leviticus 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Kennansa Tokkumma'aa

1«Nami tokko kennansa tokkummma'aa loon keessaa yoo kennu te'e, korma yookiin sa'a fafa hin qanne Mootii Waan Maraa duratti dhikeessuu ti. 2Inni harka ifii mataa horii kennansa dhikeessee san irra keyee, seensuma Dunkaanii woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga san cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaasanuu ti. 3Kennansa tokkumma'aa kana irraa, ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, moora meya gadha'aatitti marateeru maraa fi ka meya gadha'aa wolitti hidheeru mara, 4kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin baasuu ti. 5Achiin duuba ilmaan Aaronii addee ciinca'aa irratti, qoraan kennansa gubamuuf bobe'u irratti, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhanee gubanuu ti.

6«Kennansi tokkumma'aaf kennamu karra hoole'ee yookiin re'e'ee keessaa yoo te'e, korbeessa yookiin dhaltuu fafa hin qanne te'uu ti. 7Nami tokko buruusoo hoole'ee yoo kenne, fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. 8Harka ifii mataa horii kennansa dhikeessee san irra keyee Dunkaanii Woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii dhiiga san cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaasanuu ti. 9Kennansa tokkumma'aa kana irraa, ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, duma hoole'ee irraa baasee, moora meya gadha'aatitti marateeruu fi meya gadha'aa wolitti hidheeru mara, 10kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin dhikeessuu ti. 11Akka kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatuutitti, hayyichi isaan kana addee ciinca'aa irratti gubuu ti.

12«Kennansi isaa re'ee yoo te'e, fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. 13Harka ifii mataa isi'ii irra keyee Dunkaanii Woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii dhiiga isi'ii cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaasuu ti. 14Kennansa kana irraa, ka ibiddaan gubamee dhikaatu, moora meya gadha'aatitti marateeru maraa fi moora meya gadha'aa wolitti hidheeru mara, 15kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uulle dhikeessuu ti. 16Coomi martinuu kiyya waan te'eef, kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, hayyichi addee ciinca'aa irratti ibiddaan gubuu ti.

17«Isin cooma mara, dhiiga maralle hin nyaatina'a! Kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Regulations for the Peace Offering

  • The peace offering could be taken from the herd or flock, including cattle, sheep, or goats. Unlike certain other sacrifices, the animal offered could be either male or female, as long as it was without blemish.Sources: the Bible text itself
  • The worshiper participated directly in the ritual by laying a hand on the animal's head and slaughtering it at the entrance of the Tent of Meeting. Aaron's sons, serving as priests, then splashed the blood on all sides of the altar and burned selected internal fat portions, the kidneys, and the lobe of the liver.Sources: the Bible text itself · Aaron
  • The instructions conclude with a permanent statute for all generations: the Israelites were strictly forbidden from eating any fat or blood, establishing that all sacrificial fat belonged to the Lord.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.