Leviticus 23
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Jila Akka Itti Jilifatanu
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: jilti ana Mootii Waan Maraatiif filante, ta yaa'ii woyyittii isin itti lassitanu ta asii gad jirtu;
3« ‹Guyyooti jaa ka isin hujii hujjanu; guyyaan torbeesso'oo ammoo Sanbata fooraa, guyyaa yaa'ii ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome; guyyaa sanbataa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome waan te'eef, addee leetanu maratti hujii hin hujina'a› jedha» jedhiin.
Jila Irra Dabaramaatii fi Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee
4Itti dabalee, «Yennaan jilaa ta ana Mootiin Waan Maraatiif filante, ta yaa'ii woyyittii isin itti lassitanu: 5Jilti irra dabaramaa, ta Mootii Waan Maraa, ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii afurfeesso'ootitti galgala dimimmisa jilifanti. 6Jilti irra dabaramaa ta Mootii Waan Maraa ta daabboo uukoo hin qannee guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti jalqabanti. Guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a. 7Guyyoota kana keessaa guyyaa tokkeesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a; ijjumaa hujii hin hujina'a. 8Guyyaa torba kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a; guyyaa torbeesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee, ijjumaa hujii hin hujina'a» jedhe.
9Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 10«Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa ani isiniif kennu sanitti galtanee midhaan yennaa galfattanu laddee matoomaa hayyichaaf kenna'a. 11Laddeen sun akka isiniif fudhatama qabaattu, hayyichi ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosee kennansa tachoofamu dhikeessuu ti. Hayyichi laddee san guyyaa Sanbatatti aanu dhikeessuu ti. 12Guyyaa laddee san kennansa tachoofamu dhikeessitanu, buruusoo korbeessa hoole'ee ka fafa hin qannee fi ka woggaa tokkoo kennansa gubamu, ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. 13Bullaa dansaalle kiiloogiraama lama ta zayitii ejersaa gara litirii tokkootiin sukkuumante ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittu, daadhii woyni'iille litirii tokko woliin dhikeessa'a. 14Kennansa kana ana Waaqa keessaniif haga dhikeessitanutti, shawwee midhaan kanaa, akum'ee yookiin daabboo isaa hujjanee hin nyaatina'a. Seerri kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti.
Jila Yennaa Midhaan Galfatnuu
15« ‹Guyyaa Sanbatatti aanu, guyyaa laddee matoomaa kennansa tachoofamu dhikeessitaneen jalqaba'aatii torbaan yennaa torba laakkowa'a! 16Sanbata torbeesso'ootiin duuba guyyaa shantameesso'oo ammalle midhaan barano'oo irraa ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessa'a! 17Addee leetanu mara keessaa daabboo xaltaa lama lama ta bullaa dansaa kiiloogiraama lama irraa hujante ta uukoo qaddu, midhaan qara bilchaate irraa kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. 18Kennansa daabbo'oo kana woliin buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba ta woggaa tokko tokkoo ta fafa hin qanne, dardara tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee lama kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a! Kun kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii woliin kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisuu te'anee dhikeeffamanuu ti. 19Achiin duuba korbeessa re'e'ee tokko ciincaa araara cubbu'uutiif, buruusoo korbeeyyii hoole'ee lama ta woggaa tokko tokkoo kennansa tokkumma'aatiif dhikeessa'a. 20Hayyichi daabboo midhaan qara bilchaatee san buruusoo korbeeyyii hoole'ee lamaan san woliin kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti; isaan kun kennansa Mootii Waan Maraatiif woyyoome qooda hayyichaa ti. 21Guyyaa san wol geyii woyyittii lassa'a malee hujii ijjumaa hin hujina'a! Kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf, seerata haga bara baraa te'uu ti.
22« ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; midhaan lafa teessanii yennaa galfattanu haga fichaa qarqaraatitti hin haammatina'a; woxoo midhaan galfattanu sanii hiyyeessaa fi alaga'aaf lakkisa'a› jedha» jedhiin.
Jila Yaadanno'oo
23Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 24«Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ji'a torbeesso'oo guyyaan jalqabaa guyyaa fooraa ti. Guyyaa yaadanno'oo lassiisaaf tultullaa afuufa'a; isin yaa'ii woyyittii qabaatuu qaddan. 25Guyyaa san kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a› jedha» jedhiin.
Guyyaa Gumaa Cubbu'uu
26Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, 27«Ji'a torbeesso'oo kanatti guyyaan kudhaneesso'oo, guyyaa gumaan cubbu'uu tolfamu te'uu ti. Guyyaa kana ifi gad qaba'a; yaa'ii woyyittii godhadha'a; kennansa ibiddaan gubamulle Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. 28Guyyaa gumaa cubbu'uu ka ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti, gumaan cubbu'uu isiniif tolfamu waan te'eef, ijjumaa hujii hin hujina'a. 29Nami guyyaa san gad ifi hin qanne kolbaa ifii keessaa bayuu ti. 30Nama guyyaa san hujii huju mara ani kolbaa isaa keessaa hin balleessa. 31Tanaaf guyyaa san ijjumaa hujii hin hujina'a; kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. 32Kun guyyaa Sanbataa ka itti foorfattanu isiniif te'uu ti; gad ifi qaba'aatii, ji'a san keessa galgala guyyaa sagaleesso'ootii jalqaba'aa, haga galgala guyyaa itti aanuutitti Sanbata ulfeessa'a» jedhe.
Jila Gose'ee
33Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 34«Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Maraa: Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti jilti gose'ee ana Mootii Waan Maraatiif jalqabantee, haga guyyaa torbaa turtuu ti. 35Guyyaan jalqabaa guyyaa yaa'ii woyyitti'ii ti; hujii ijjumaa hin hujina'a. 36Guyyaa torbaanuu kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. Guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'aatii kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a; guyyaan sun guyyaa yaa'ii muummessitanu waan te'eef ijjumaa hujii hin hujina'a.
37« ‹Guyyooti jilaa ka ana Mootii Waan Maraatiif filamane, ka isin kennansa gubamu, kennansa midhaanii, ciinca'aa fi kennansa daadhii woyni'ii guyyaa isaaniif murteeffametti ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan dhikeessiisaaf, yaa'ii woyyittii itti lassitanu isaan kana. 38Kennansi asii olii kun marti guyyaa Sanbata kiyyaa, guyyoota kennansa keessan ka adda addaa, kennansa waadaa galtanee fi kennansa fedhii teessanii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitanu irratti ka dabalamee dhikaatu.
39« ‹Ji'a torbeesso'oo, guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, Midhaan keessan fichaa irraa galfattaneen duuba, guyyaa torba ana Mootii Waan Maraatiif jila tana jilifadha'a. Guyyaan jalqabaa guyyaa fooraa te'uu ti; guyyaan saddeetesso'oolle guyyaa fooraa te'uu ti. 40Guyyaa jalqabaa sanitti, midhaan dadansaa, baala meexxi'ii, damee baala qadduu fi muka laga qarqaratti latu qabadha'aatii guyyaa torba ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti firinxiixa'a. 41Jila tana wogguma wogga'atti ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa torba ana Mootii Waan Maraatiif jila jilifadha'a; kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. 42Guyyaa torba gosee keessa tee'a'a; nami dhalootaan Israa'el te'e marti gosee keessa turuu ti. 43Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baase gosee keessa akka le'anu akka isaan tolche dhalooti keessan tanaan beekan jedha› jedhiin» jedhe. 44Maarre Muuseen akka kanaan guyyoota jila Mootii Waan Maraatiif filamane kolbaa Israa'eliititti beessise.

Did you know?
The Appointed Festivals of the Lord
- Leviticus 23 outlines Israel's sacred calendar, beginning with the weekly Sabbath of complete rest and detailing annual observances including Passover, the Feast of Unleavened Bread, Firstfruits, the Feast of Weeks, the Day of Atonement, and the Feast of Tabernacles.Sources: the Bible text itself
- Alongside the harvest festivals, the law instituted a regular provision for social welfare by forbidding farmers from reaping to the very edges of their fields or collecting the gleanings, reserving them for the poor and foreign residents.Sources: the Bible text itself
- During the seven-day Feast of Tabernacles, native-born Israelites were commanded to gather branches of palms, willows, and leafy trees to dwell in temporary booths, commemorating how their ancestors lived in shelters after being brought out of Egypt.Sources: the Bible text itself · Egypt
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 43
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org