Leviticus 17
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Addee Ciincaa Itti Dhikeessanu
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Ati Aaronii fi ilmaan isaatitti, Israa'eloota maralle'etti, waan ani Mootiin Waan Maraa ajaje kana himi! 3Isaaniin, ‹Israa'elootaa keessaa nami addee quttumaatitti yookiin addee quttumaatiin alatti dardara, buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee qalee, 4fuula Dunkaanii Woyyittii tiyyaa duratti ana Mootii Waan Maraatiif kennansa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa yoo hin fidin, nami sun yakkaan dhiiga dhangalaasiisaa itti muramuu ti; inni dhiiga waan dhangalaaseef kolbaa ifii keessaa bawuu ti. 5Tanaaf kolbaan Israa'elii ciincaa diida keessatti Mootii Waan Maraatiif dhikeessite seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti gara hayyichaa fiddi; kennansa dhikaate san hayyichi kennansa tokkumma'aa godhee Mootii Waan Maraatiif dhikeessa. 6Hayyichi dhiiga san addee ciinca'aa ta seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duraatitti fiffixuu ti; cooma san ka foolee dansaa qabu, ka Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee gubuu ti. 7Haganaa achi kolbaan Israa'elii Mootii Waan Maraatiif addatamuu lakkittee, waaqota dharaa ka fakkii re'e'ee waaqonfatiisaan sagaagaltee, ciincaa hin dhikeessin; kun dhaloota dhufu mara keessatti seerata bara baraa isaaniif te'uu ti› jedhi.
8«Ati isaaniin, ‹Isin Israa'eloota keessaa yookiin nama ormaa ka isin odduu jiru keessaa nami kennansa gubamu yookiin ciincaa dhibii dhikeessu tokko, 9Mootii Waan Maraatiif ciincaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa yoo hin fidin kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
Seera Marroo Dhiigaa
10« ‹Isin Israa'eloota keessaa yookiin orma isin odduu jiru keessaa nami tokko dhiiga yoo une yookiin foon dhiiga qabu yoo nyaate, ani diina itti hin te'a; nama san kolbaa keessaa hin baasa› jedhi. 11Lubbuun dada maraa dhiiga keessa waan jirtuuf, gumaa lubbu'uulle ka te'u dhiiga waan te'eef, addee ciinca'aa irratti gumaa lubbuu teessanii akka te'u ani Mootiin Waan Maraa dhiiga isiniif kenneera. 12Tanaaf ani, ‹Isin kolbaan Israa'elii dhiiga hin unina'a; ormi isin odduu le'ulle dhiiga hin unin› jedhe.
13«Isin Israa'eloota keessaa yookiin orma isin odduu jiru keessaa nami tokko bineensa yookiin sinbirree nyaatamanu mara keessaa adansee yoo qabate dhiiga keessaa jissee biyye'een golluu ti. 14Lubbuun dada maraa dhiiga keessa waan jirtuuf, ani kolbaa Israa'eliitiin, ‹Dhiiga dada maraa hin unina'a; nami dhiiga san unu marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
15« ‹Isin Israa'eloota keessa yookiin orma isin odduu jiru keessaa foon waan ifiin du'ee yookiin ka bineensi dhibiin qabee ijjeese nami nyaate, woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille dhiqatuu ti; garuu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti haga galgalaa battii hin te'a; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a. 16Woyaa ifiitii fi nafa ifiille bisaaniin yoo hin dhiqatin yakkaa ifiitiif itti hin gaafatama› jedhi» jedhe.

Did you know?
Sacrificial Slaughter and the Sacredness of Blood
- Leviticus mandates that domestic animals such as oxen, lambs, and goats be brought directly to the entrance of the Tent of Meeting rather than slaughtered in open fields. This rule ensured sacrifices were presented exclusively as peace offerings to the LORD and halted illicit sacrifices to goat demons.Sources: the Bible text itself
- Both native Israelites and resident foreigners were strictly prohibited from eating blood, on penalty of being cut off from the community. The text grounds this law in the theological principle that the life of the flesh is in the blood, which God appointed specifically for making atonement upon the altar.Sources: the Bible text itself
- When Israelites or resident aliens hunted wild animals or birds that were clean for food, they were commanded to drain the blood upon the ground and cover it with dirt. This instruction reinforced that life belongs to God and preserved the sanctity of blood outside the sacrificial sanctuary.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org