Leviticus 12
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Deyaan Duuba Qulqulloomiisa Dubartootaa
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Israa'elootaan, ‹Dubartiin ulfoottee ilma yennaa deettu, akkuma xuriin isi'ii ji'uma ji'aan yennaa dhutte battoottu, akka aadaa dhugeeffanna'aatitti guyyaa torbaaf battii hin teeti. 3Guyyaa saddeeteso'ootitti mucaan haqanqabaa qabatuu ti. 4Achiin duuba dubartittiin haga xurii ifii irraa qulqulloontutti, guyyaa soddomii sad eegattuu ti. Haga guyyaan qulqulloomiisa isi'ii muummowutti waan woyyuu te'e hin tuqin yookiin gara addee woyyitti'ii hin dhaqin. 5Yoo durra deette akkuma yennaa xurii isi'ii haga torbaan lamaa battii hin teeti. Achiin duuba isiin xurii ifii irraa qulqulloomiisaaf, guyyaa jaatamii jaa eegattuu ti.
6« ‹Dubartittiin ilma yookiin intala deettee yennaan qulqulloomiisa isi'ii yennaa muummotte, isiin kennansa gubamuuf buruusoo hoole'ee ka woggaa tokkoo, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu maddoo yookiin saphaliisa seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti gara hayyichaa fidduu ti. 7Innille cubbuu isi'iitiif gumaa tolchiisaaf fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. Isiille akka aadaa dhugeeffanna'aatitti dhiiga isii irraa dhangala'u irraa hin qulqulloonti. Seerri yennaa dubartiin ilma yookiin intala deettee kana.
8« ‹Isiin buruusoo hoole'ee dhikeessuu yoo hin dandeenne, saphaliisa lama yookiin maddoo lama takkattii kennansa gubamuuf, takkattii araara cubbu'uutiif dhikeessituu ti; akka kanaan hayyichi cubbuu isi'iitiif gumaa tolchee, isiin hin qulqulloonti› jedhiin» jedhe.

Did you know?
Purification after Childbirth
- Leviticus specifies distinct periods of ceremonial purification following childbirth: forty days total for a male child (seven days plus thirty-three days) and eighty days total for a female child (fourteen days plus sixty-six days). During this time, the mother was prohibited from touching sacred objects or entering the sanctuary.Sources: the Bible text itself
- At the conclusion of the purification period, the mother was instructed to bring a burnt offering and a sin offering to the priest at the Tent of Meeting. If she could not afford a lamb, the law explicitly allowed an alternative offering of two turtledoves or two young pigeons.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org