Nations Bible

Leviticus 10

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Du'a Naadaabii fi Abiihu'uu

1Ilmaan Aaronii, Naadaabii fi Abiihuun girgiraa ifii fudhatanee, ibidda itti naqanee, hixaanalle itti naqane; ibidda inni hin ajajin Mootii Waan Maraa dura dhikeessane. 2Maarre ibiddi Mootii Waan Maraa biraa dhufee, gubee isaan fixe; isaanille Mootii Waan Maraa duratti du'ane. 3Achiin duuba Muuseen Aaroniin, «Kun waan Mootiin Waan Maraa qara yennaa dubbate,

«‹Ani worra gara kiyya dhikaatu oddu'utti

woyyummaa tiyya hin mudhisa;

kolbaa mara duratti

ulfinna hin dhaggadha› jedheera» jedhe.

Aaron garuu womaa hin dubbanne.

4Muuseen Miishaa'elii fi Elzaafaan ilmaan Uzii'elii abbaa diqqaa Aaronii waamee, «Kowa'aatii reeffa ilmaan obboleessa keessanii addee woyyittii tana irraa fageessa'aatii, addee quttumaatiin alatti baasa'a» jedhe. 5Maarre isaanille dhufanee akkuma muuseen isaan ajajetti, akkuma isaan qoloo haga miilaa dheerattu uffatane saniin reeffa isaanii ba'atanee addee quttumaatiin alatti baasane.

6Achiin duuba Muuseen Aaronii fi ilmaan Aaronii Ele'azaarii fi Itaamaariin, «Isin akka hin duuneef, Mootiin Waan Maraa kolba'atti akka hin mufanne, gadditanee rifeensa mataa keessanii filatiisa hin dhabina'a! Woyaa teessanille hin tarsaafatina'a! Garuu obboleeyyan teessan ta Mootiin Waan Maraa ibiddaan fixe saniif firri keessan Israa'elooti marti bowuu hin dande'an. 7Mootiin Waan Maraa zayitii muudaa ta ifiitiin waan isin muudeeruuf, akka hin duuneef seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duraa hin deemina'a» jedhe. Isaanille akkuma Muuseen isaan ajaje godhane.

Seerata Hayyootaaf Kenname.

8Mootiin Waan Maraa Aaroniin, 9«Akka hin duuneef atii fi ilmaan teeti Dunkaanii Woldeenna'aa yennaa seentanu daadhii woyni'ii yookiin untoo nama macheessitu hin unina'a. Kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. 10Isin waan woyyuu te'ee fi waan woyyuu hin te'in, waan aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'inii fi waan qulqulluu te'e gargar baasa'aa beeka'a. 11Seerata ani Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kenne mara kolbaa Israa'elii barsiisa'a!» jedhe.

12Muuseen Aaronii fi ilmaan Aaronii worra hafe Ele'azaarii fi Itaamaaniin, «Kennansi midhaanii ka kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatu irraa hafe sun kennansa irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, fuudha'aatii, uukoo malee bukeessa'aatii, addee ciinca'aa biratti nyaadha'a. 13Kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa kun qooda keetii fi qooda ilmaan teetii waan te'eef, addee woyyitti'itti isa nyaadha'a! Ani tana ajajameera. 14Atii fi ilmaan teeti, durri teetille cormii tachoofantee fi luka ol fuudhante san nyaadha'a. Kun kennansa tokkumma'aa ka Israa'elooti dhikeessitu keessaa qooda keetii fi ijoollee teetii waan te'eef, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu teetetti nyaadha'a. 15Luki ol fuudhantee fi cormiin kennansa tachoofamuuf dhikaatte sun, moora kennansa ibiddaan gubamuuf dhikaate, ka kennansa tachoofamuuf Mootii Waan Maraatiif akka dhikaatu kenname woliin dhikaatuu ti. Kun akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti haga bara baraa qooda keetii fi qooda ijoollee teetii hin te'a» jedhe.

16Muuseen korbeessa re'e'ee ka kennansa araara cubbu'uutiif dhikaate san yennaa jabeessee iyyaafate, akka inni gubameeru beekee, ilmaan Aaronii worra hafe, Ele'azaarii fi Itaamaaritti aaree, 17«Kennansi araara cubbu'uutiif dhikaate sun kennansa irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, isin maaf addee woyyitti'itti nyaatuu dhaddane? Mootiin Waan Maraa akka isin fuula isaa duratti gumaa kennitanee kolbaa irraa yakkaa akka balleessitanu isiniif kenneeyyu. 18Dhiigi korbeessaa sun gara addee woyyitti'ii waan seenuu dhabeef, akkuma ani isin ajajetti silaa isin korbeessa san addee woyyitti'itti nyaatuu qaddaniiyyu» jedhe.

19Aaronille deebisee Muuse'een, «Kunoo, isaan adha kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa gubamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessaneeran; wonni akkasii kun analle dhaqqaddeerti; ani adha kennansa araara cubbu'uutiif dhikaate kana adoo nyaadhee jiraadhee silaa Mootiin Waan Maraa natti hin gammadaa ree?» jedhe. 20Muuseelle dubbii tana yennaa dhage'e gammade.

Did you know?

Unauthorized Fire and Priestly Conduct

  • Nadab and Abihu, the eldest sons of Aaron, offered unauthorized fire contrary to God's command and died before the sanctuary. Moses then summoned their cousins Mishael and Elzaphan, the sons of Aaron's uncle Uzziel, to carry the bodies outside the camp while still dressed in their priestly tunics.Sources: the Bible text itself · Nadab · Abihu · Uzziel
  • Moses commanded Aaron and his surviving sons, Eleazar and Ithamar, not to tear their garments, dishevel their hair, or leave the entrance of the Tent of Meeting to mourn, because the Lord's anointing oil was upon them.Sources: the Bible text itself · Eleazar · Ithamar
  • God directly commanded Aaron that priests must refrain from drinking wine or fermented drink when entering the Tent of Meeting. This restriction ensured they remained clear-minded to distinguish between the sacred and the common, and between the clean and the unclean.Sources: the Bible text itself · Aaron

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.