Nations Bible

Joshua 8

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Diigamiisa Qachaa Aayii

1Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Hin sodaatin! Gadhaa hin guurin! Loltoota teeti duudii fudhadhuutii gara qachaa Aayii ol bayi; kunoo ani mootii qachaa Aayii, kolbaa isaa, qachaa isaatii fi lafa isaa harka keetitti dabarsee kennaara. 2Akkuma qachaa Yeriko'ootii fi mootii qachaa Yeriko'oo goote, qachaa Aayiitii fi mootii qachaa saniille akkasuma hin goota; ammoo hori'ii fi waan qachaa keessaa boojitu ifiif fudhadhu; loltoota teeti keessaa garii qachaa duubaan kushee qabachiisi» jedhe.

3Maarre Iyaasuun loltoota ifii duudii woliin qachaa Aayii loliisaaf ka'e. Inni loltoota ifii worra irra jajjabaa kuma soddoma filee halkaniin ergee, 4isaan ajajee, «Miidhassa'aa caqasa'a. Qacha'aan duubatti kushee qabadha'aatii loliisaaf qophowa'a malee, irraa guddoo hin fagaatina'a. 5Anii fi namooti na woliin jiranu qacha'atti hin dhikaanna. Yennaa isaan akkuma durii nu loliisaaf bayanu, isaan duraa hin baqanna. 6Isaan ‹Akkuma durii nu duraa baqataaran› jedhanee, qachaa keessaa haga isaan fageessinutti nu ari'an. 7Achiin duuba kushee keessaa baya'aatii, qachaa qabadha'a. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan qachaa san dabarsee isiniif hin kenna. 8Qachaa qabattaneen duuba guba'a. Akkuma Waaqi ajaje godha'a; kunoo, ani isinitti himeera» jedhe. 9Maarre Iyaasuun erge; isaanille addee san dhaqanee, qachaa Aayii irraa gara aduun seentuun qachaa Aayiitii fi Bet'elii oddu'utti riphanee eegane; Iyaasuun ammoo halkan san loltoota hafane kaan bira bule.

10Iyaasuun barii halkaniin ka'ee, loltoota ifii gogeessatti galche. Achiin duuba innii fi sooreyyiin Israa'elii worra duulu gara qachaa Aayii sooressane. 11Loltooti isa woliin jiranu duudiin ol bayanee, qachaa Aayiitiin dura gara kaabaatitti qubatane; isaanii fi qachaa Aayi odduu dhooqatti jiraayyu. 12Iyaasuun namoota gara kuma shanii fuudhee, akka isaan riphanee eeganuuf qachaa Aayii irraa gara aduun seentutti Bet'elii fi Aayi odduu keye. 13Loltoota garii qachaa irraa gara kaabaatitti, ka hafane gara aduun seentutti addee qabachiisane. Iyaasuun ammoo halkan san dhooqa keessa bule. 14Mootiin Aayii tana yennaa dhagge, innii fi namooti qachaa keessa jiranu duudiin barii halkaniin ariifatanee, kolbaa Israa'elii loliisaaf gara fuullee Arabaayiititti gad bayane. Mootichi ammoo akka namooti qacha'aan duubatti riphanee eegiisatti jiranu hin beenne. 15Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin waan injifatamane ifi fakkeessanee gara goomole'ee baqatane. 16Namooti qachaa Aayii duudiin akka isaan ari'anuuf waamamane; isaanille adoo Iyaasuu ari'anuu qachaa irraa fagaatane. 17Nami Israa'eloota ari'iisaaf qachaa Aayiitii fi Bet'elii keessaa hin bayin hin jiruuyyu. Isaan qachaa eeddoo malee lakkisanee kolbaa Israa'elii ari'ane.

18Achiin duuba Waaqi Iyaasu'uun, «Eboo teeti gara qachaa Aayii qabi; ani qachaa kana harka keetitti dabarsee kennaara» jedhe; Iyaasuulle eboo ifii gara qachaa Aayii qabe. 19Akkuma inni harka ifii ol kaaseen, loltooti riphaneeranu ariiti'iin ka'anee gara qacha'aa fiiganee qachaa san qabatanee, yoosuma ibidda itti qassiisane. 20Worri qachaa Aayii garagalee yennaa ilaalu, aarri qachaa keessaa ol ka'uun dhagge. Kolbaan Israa'elii ta gara goomole'ee baqataa turte, worra isaan ari'u loliisaaf waan itti garagalteef, worri ari'u karaa miliqu dhabe. 21Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin, worri kushee qabatee riphe akka qachaa qabatee fi aarri qachaa keessaa akka ol ka'e yennaa dhaggane, garagalanee worra qachaa Aayii adhane. 22Worri qachaa qabate sun qachaa keessaa bayee loliisaaf gad dhufe; maarre Israa'elooti worra qachaa Aayii marsanee, nami tokkolle adoo hin hafin yookiin hin miliqin ijjeesanee fixane. 23Mooticha qachaa Aayii ammoo booji'anee gara Iyaasu'uu geessane.

24Worri Israa'elii, namoota qachaa Aayii worra isaan ari'uu dhaqe duudii goomolee keessatti nami tokkolle adoo hin hafin shallaaga'aan ijjeesanee fixane. Achiin duuba gara qachaa Aayii deebi'anee worra achi keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane. 25Gaafa san kolbaan qachaa Aayii marti dhiiraa fi dubartiin kuma kudhanii lamaa dhumate. 26Worri qachaa Aayii keessa jiru duudiin haga dhumatutti, Iyaasuun harka ifii ka ittiin eboo qacha'atti qabe gad hin buufanne. 27Worri Israa'elii ammoo akkuma Waaqi Iyaasuu ajajetti, hori'ii fi waan qachaa keessaa booji'ane fudhatane. 28Maarre Iyaasuun qachaa Aayii gubee, akka tuulamu godhe. Qachaan sun haga adha akkasuma jira. 29Iyaasuun mooticha qachaa Aayi muka irratti fannisee, haga galgalaa achitti lakkise; yennaa aduun seentu reeffa muka irraa buusanee, seensuma karra qacha'aatitti akka gatanu ajaje. Isaan tuulaa dhaka'aa guddoo itti tuulane; tuulaan sun haga adhaa achi jirti.

30Achiin duuba Iyaasuun gaara Ebaalii irratti Goottaa Waaqa Israa'eliitiif addee ciinca'aa huje. 31Iyaasuun akka Muuseen tajaajilaan Waaqaa kolbaa Israa'elootaa ajajee fi akka kitaaba Seera Muuse'ee keessatti barreeffantetti, dhakaa hin bocaminii fi ka mey sibiilaa hin tuqin irraa addee ciinca'aa huje. Isaan achi irratti ciinca'aa fi woreega tokkumma'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessane. 32Achitti inni Israa'elootaa duratti, seera Muuseen barreesse irraa dhakoota irratti barreesse. 33Kolbaan Israa'elii duudiin, jaarsolee isaanii, qondaaltotaa fi abbootii mura'aa ta isaaniitii fi orma isaan woliin jiru wolille'een Saanduqa Gondooro'oo garanaa fi gara kaaniin Lewwoota worra hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atane dura dhaabbattane; Muuseen tajaajilaan Waaqaa kolbaa Israa'elii akka eebbisanu dursee akkuma isaan ajajetti worri gariin gara gaara Geriiziimiititti, worri gamisi gara gaara Ebaalititti garagalee dhaabbate. 34Achiin duuba Iyaasuun Seera duudii, eebbaa fi abaarsa, akkuma kitaaba Seeraa keessatti barreeffame qoonqoo guddo'oon dubbise. 35Dubbii Muuseen ajaje duudii keessaa, wonni Iyaasuun wolde'a Israa'elii dubartoota, ijoolle'ee fi worra orma isaan woliin jiru duudi'itti hin dubbisin hafe hin jiru.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Fall of Ai and the Covenant at Mount Ebal

  • Ai was the second Canaanite city captured by Israel, located east of Bethel. Joshua used the rugged terrain to set an ambush of troops between Bethel and Ai, feigning a retreat to draw out the defenders before signaling his men to seize and burn the city.Sources: Ai · Bethel (of Palestine) · the Bible text itself
  • Following the battle, Joshua built an altar of uncut stones on Mount Ebal, precisely following instructions written in the Law of Moses that forbade using iron tools on altar stones. Burnt offerings and peace offerings were sacrificed there, and a copy of the law was inscribed on the stones.Sources: Mount Ebal · Moses · the Bible text itself
  • The entire community of Israel—including native citizens, resident foreigners, women, and children—gathered in the valley between Mount Ebal and Mount Gerizim. Positioned on either side of the Ark of the Covenant, they listened as Joshua read all the blessings and curses of the law.Sources: Mount Ebal · Mount Gerizim · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jericho · Today: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · verse 2
  • Arabah · 30.417, 35.151 · verse 14
  • Mount Ebal · 32.234, 35.273 · verses 30, 33
  • Mount Gerizim · 32.199, 35.273 · verse 33

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.