Jonah 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Aarii Yoonaasiitii Fi Marartii Waaqaa
1Yoonaas ammoo marroo waan kanaa guddoo gaddee aare. 2Inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, «Mootii Waan Maraa kiyya, adoo biyya tiyya jiruu, wonni ani dubbadhe tanumaa motii ree? Ani tanaaf dafee gara biyya Tarshiishii baqadhe. Ati Waaqa arjaa, mararaa, ka aari'iif hin ariifannee fi ka jaalala bara baraa guddaa qaddu, waan hantuu fidiisaaf murteeffattelle ka lakkittu akka teete beekeera. 3Amma Mootii Waan Maraa kiyya, lubbuu tiyya fudhadhu. Jiraatu'uu mannaa du'uu naa woyya» jedhe.
4Mootiin Waan Maraa ammoo deebisee, «Aariis keeti sirri'ii?» jedheen.
5Yoonaas qachaa keessaa bayee gara aduun baatutti tee'e. Achitti gosee midhaaffattee, waan qachaan sun te'u dhaggiisaaf gaaddisa jala tee'e. 6Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka Yoonaas aarii ifii caffatu buqqii lachisiisee, isaan gubba'atti gaaddisa godheef. Yoonaasille buqqii latte sanitti guddoo gammade. 7Boruyyaa ammoo gara ganamaatitti, Waaqi akka corroxxi buqqii san nyaattu ajaje; buqqiille godde. 8Yennaa aduun baate, Waaqi qilleensa o'aa ka gara aduun baatuu erge; o'i adu'uulle mataa Yoonaasii waan gubeef gaggabe. Maarre inni, «Jiraatu'uu manna du'uu naa woyya» jedhee du'u halche.
9Waaqi ammoo Yoonaasiin, «Ati marroo buqqi'iitiif aariis keeti sirri'ii?» jennaan,
Inni deebisee, «Ani haga du'aatitti aariisa qaba» jedhe.
10Mootiin Waan Maraa ammoo, «Ati buqqii itti dadhaddee hin guddisin, ta halkan tokkotti guddattee, halkan tokkotti godde saniif gadditeerta. 11Qachaa guddaa Nanawwe'ee ka namooti kuma dhibba tokkoo fi diddam, ka middaa fi bitaa ifii addaan hin beenne, horiin hedduulle keessa ka le'u kanaaf guddoo nayuu hin qabu ree?» jedhe.

Did you know?
Jonah's Anger and God's Compassion
- Jonah admits that he originally attempted to flee toward Tarshish precisely because he knew God is gracious, compassionate, slow to anger, and relents from sending disaster. His distress arose when God chose to spare Nineveh rather than destroy it.Sources: the Bible text itself · Tarshish
- Nineveh, the flourishing capital of the Assyrian empire, is described at the conclusion of the book as home to more than 120,000 people who cannot discern between their right and left hand, along with many cattle. God highlights this massive population to contrast divine compassion with Jonah's concern for a single withered plant.Sources: the Bible text itself · Nineveh
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Nineveh · 36.359, 43.153 · verse 11
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org