Jonah 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daadimata Yoonaasii
1Yoonaas gadhaa qurxummi'ii keessaa Goottaa Waaqa ifii daadimatee, 2«Rakkoo tiyya hantuu keessatti Mootii Waan Maraa kiyya ani si waammadhe,
atille naa deebitte.
Qilee awwaalaa jalaa ani sitti iyyadhe,
atille naa dhageette.
3Ati gara gadhaa abbaaya'aa,
qilee keessatti,
addee bisaan na marsetti na gatte;
hunni guddoon danbalii teetiille na gubbaa yaate.
4Yoos, ‹Ani fuula keeti duraa gatameera;
deebi'ee Galma woyyicha keetii
hin dhaggaa laati?› jedhee yaadadhe.
5Bisaan na irra yaa'ee na lixxisiiseera;
Abbaayaan ijjuma na buxxeerti;
marri bisaan keessaalle mataa kiyyatti marame.
6Ani gaarota jalatti,
lafa balbalti haga bara baraa
natti cufantetti gad bu'e.
Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya ati ammoo,
jiru'uun qilee keessaa na baatte.
7Yennaa jiruun tiyya na dadhaddetti,
Mootii Waan Maraa kiyya,
ani gara keeti daadimadhe;
Galma woyyicha keeti keessalle'ee
daadimata kiyya naa dhageette.
8Worri waaqota dharaa waaqonsu
badhaadha dhaggatiisaaf malane hin dhaban.
9Ani ammoo faaruu leellisaatiin;
ciincaa si'iif hin dhikeessa.
Waan waadaa si'iif galelle hin godha.
Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe.
10Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka qurxummiin Yoonaas tuttuuf ajaje; qurxummiille lafa bisaan hin jirre irratti isa tutte.

Did you know?
Jonah's Prayer and Deliverance
- Jonah's prayer uses ancient poetic imagery to describe his near-death experience, portraying the watery depths as the 'belly of Sheol' where he sank down to the 'roots of the mountains' with seaweed wrapped around his head.Sources: the Bible text itself
- Even while submerged in the ocean depths inside the fish, Jonah repeatedly sets his focus on God's holy temple, promising to fulfill vows and offer sacrifices of thanksgiving.Sources: the Bible text itself
- According to biblical records, the prophet Jonah was the son of Amittai from Gath-hepher and ministered during the reign of King Jeroboam II of Israel.Sources: Jonah
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org