Job 6
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Iyoob Deebii Kenne
1Achiin duuba Iyoob deebisee,
2«Farri tiyya adoo madaalantee,
gaargalli kiyya duudiin
madaallii irra adoo keyamee jiraatee,
3maansa irga abbaaya'aa caalaa ulfaataayyu;
tanaaf jarjariisaan dubbatiis kiyya
si hin baaseffachiittu.
4Waaqi waan mara dande'u
daaya ifiitiin na woraanee,
hadhaan isaalle
nafa keessa na faca'eera.
Bararaqiisi Waaqaa na marseera.
5Harreen diidaa yennaa marra dheeddu,
Yookiin qotiyyoon yennaa okeya nyaattu
hin baroodii ree?
6Sagalee hin mi'oonne
soodda malee nyaatanii ree?
Yookiin bisaan quupha'aa
hin mi'owaa ree?
7Ani sagalee akkasii tuqiisalle hin jibba;
yoo nyaadhelle akka dhibamu na gooti.
8«Maaloo waan gaafadhe
adoo dhaggadhee,
Waaqi halchaa tiyya
adoo naaf guutee!
9Fedha isaa teetee adoo na caccassee,
harka ifii diriirsee adoo na balleessee,
10tun silaa naaf jajjabeenna.
Ani jecha Waaqa woyyichaa
waan hin mormatiniif,
dhibeen natti fakkantulle
ani silaa gammadaan hin utaalaayyu.
11«Jiru'uun le'iisaaf
jabeenna maan qaba ree?
Eega addii hin qabaatinii
maaf le'a ree?
12Jabeenni kiyya jabeenna dhaka'aatii ree?
Foon kiyya sageettu'uu ree?
13Dhugumaan ifi qarqaariisaaf hunna hin qabu;
hunni tiyya duudiin na irraa fudhatanteerti.
14«Nami jaala ifii ka rakkatteef marartii dhabu,
Waaqa waan mara dande'u sodaatiisa lakkiseera.
15Isin obboleeyyan tiyya ammoo,
akka laga yennaa roobi hin jirree goguu
na soddane.
16Lagi sun ji'a gannaa
dhakaa roobaatiin guutama.
17Yennaa o'aa ammoo lagi sun hin dhabama;
yennaa bonaa hin goga.
18Daldaltooti bisaan barbaadata karaa irraa miliqanee,
goomolee keessa daaqaa badan.
19Daldaltooti Teema'aa
bisaan hin barbaadatan;
daldaltooti Sheebaalle bisaan
dhaggatiisaaf addii godhatan.
20Lagi isaan addatanu waan gogeef
addii hin kutatan;
addee san yennaa geyanu
hin bilinjoyan.
21Isinille akkuma laga goge sanii
natti teetane;
farra tiyya dhaggitanee sodaattane.
22Ani ‹Woy naaf kenna'a!
Karra teessaniin na woda'a!
23Yookiin harka diinaa jalaa na baasa'a;
yookiin harka worra na cunqursuu jalaa
na woda'a!› jedheeraa?
24«Ani hin cadhisa,
isin na barsiisa'a;
dokonkora kiyyalle natti hima'a.
25Dubbiin dhuga'aa
attam attam hunnaametti'i!
Komiin teessan ammoo bu'aa hin qaddu.
26Isin dubbii tiyya
sirreessuu barbaaddanii?
Dubbii ana nama addii kutateelle
akka qilleensaatitti laakkottanii ree?
27Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne irratti,
hixaa buufattan;
jaalota teessanille gurguriisaaf gadhassiittan.
28«Amma ammoo, maganne'ee gara kiyya ilaala'a!
Ani fuula keessan duratti dhara hin dubbadhaa?
29Deebi'a'a; worra muraa dharaa muru hin te'ina'a;
ammalle deebi'a'a;
ani dhugaa irra jira.
30Arraba kiyya irra dokonkorri hin jiraa?
afaan kiyya waan hantuu
addaan baasuu hin dande'uu ree?

Did you know?
Job's Anguish and Unreliable Friends
- Job compares his unsupportive companions to seasonal desert streams that overflow with melted ice and snow during cold weather, but completely vanish during the heat of the dry season when water is needed most.Sources: the Bible text itself
- The passage references merchant caravans from Tema in northern Arabia and travelers from Sheba in southern Arabia. Job describes these desert traders searching hopefully for water in seasonal streambeds, only to suffer bitter disappointment when the channels are dry.Sources: the Bible text itself · Tema · Sheba
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org