Nations Bible

Job 4

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Eliifaaz Iyoobitti Dubbate

1Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii deebisee,

2«Iyoob, yoo nami si woliin dubbatiisaaf sitti game

hin ossattuu ree?

Ammoo eentu dubbatuu lakkisaa ree?

3Ati namoota hedduu barsiitteerta;

worra dadhabaa harka qaddee jajjabeessiteerta.

4Dubbiin teeti worra jigu utuddeerti;

worra jilbi isaanii laafelle jabeessiteerta.

5Amma ammoo rakkoon sitti dhuttee,

addii kutatteerta;

waan sitti jabaattelle'eef,

jajjabeenna dhaddeerta.

6Waaqa sodaatiis keeti,

isatti addatiisa keeti

qajeelummaan teetille

addii teetii motiiyyuu ree?

7«Me yaadadhu:

nami balleessaa hin qanne,

yookiin nami balchaan badee beekaa ree?

8Akka ani dhaggetti

worri waan hantuu qotuu fi

rakkinna facaasu

waanuma san haammata.

9Isaan hafuura Waaqi isaanitti baafatuun

hin badan;

qilleensa aarii isaatille'een hin dhumatan.

10Worri hamaan akka neenqaa dhangaa dhowa;

qoonqoolle ol qabatee iyya;

Waaqi ammoo

ilkaan isaanii hin caccassa.

11Akkuma neenqa waan adansee nyaatu dhabee du'uu

isaanille hin du'an.

Akkuma ilmeen neenqa dhala'aa bittinnoottu,

ijoolleen isaaniille hin bittinnootti.

12«Gaafa tokko ergaan takka gara kiyya dhuttee,

gurri kiyyalle hasaassaa san dhage'e.

13Halkan yennaa kolbaan hirriiba hamaa keessa jirtu,

ani mudhii na sodaachittu dhaggee,

14sodaadhee bararaqee,

lafeen tiyya duudiin hollatte.

15Qilleensi fuula na dhowee,

nafi kiyya suugajjaye.

16Achitti wonni takka dhaabbattuun dhagge;

ammoo maan akka teete beekuu hin dandeenne.

Achiin duuba cadheessa keessa,

qoonqoo takka:

17‹Waaqa caalaa nami balchaa te'uu dande'aa?

Yookiin ka isa dade duratti

qulqulluu te'uu dande'aa?

18Waaqi tajaajiltoota ifiituu

ka hin addanne eega teete,

ergantoota ifii ta ol-gubba'aa irralle'etti dokonkora ka dhaggu eega teete,

19worra mana biyyee faaraa irraa hujamee,

ta hundeen isaa biyyee keessa jirtu

ka adoo qu'een hin nyaatin caccabu keessa le'anutti

attam addata ree?

20Isaan ganamaa haga galgalaatitti hin badan;

adoo nami itti hin yaadatin

haga bara baraa hin badan.

21Isaan akka dongoraa dunkaani'ii ka buqa'uu,

qarooma malee hin du'an› jettu dhage'e.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Eliphaz's First Speech

  • Eliphaz the Temanite is the first of Job's companions to respond, breaking their week of silence. He acknowledges Job's past reputation for comforting and strengthening the distressed before questioning why Job cannot apply that same endurance to his own suffering.Sources: the Bible text itself · Eliphaz
  • Eliphaz introduces the traditional principle of retribution, arguing that the innocent never perish and that individuals reap what they sow in life.Sources: the Bible text itself
  • To support his theological claim, Eliphaz describes a chilling night vision where a mysterious spirit stood before him in the dark, declaring that fragile mortals dwelling in houses of clay cannot be more righteous or pure than their Maker.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.