Nations Bible

Job 39

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1«Yennaa godaan gaaraa dhalu beettaa?

Gadansi dhaluun dhaggitee beettaa?

2Ji'a meeqa rimeyaan turanee,

yoom akka dhalanu hin beettaa?

3Isaan quphananee dhalan;

foolata ifii irralle'ee hin furatan.

4Ilmeen isaanii baddaa keessatti guddattee jabaatti;

bayanee deemaneen duuba,

gara haadha ifii hin deebi'anu.

5«Harreen diidaa gara feete akka deentu

ka lakkise eennu?

Hidhaana irraa ka isii hiike eennu?

6Ani lafa goomole'ee mana isaanii,

dirree sooddaalle

addee isaan le'anu godhee kenneef.

7Isaan qachaa hoga'aa irraa fagaatanee le'an;

nami isaan leenjisee hujisiisulle hin jiru.

8Isaan dheedaaf gaarotatti bobba'an;

waan magariisa mara barbaadatan.

9«Gafarsi si tajaajiliisaaf fedhii hin qabaataa?

Moonaa teeti keessalle hin bulaa?

10Gafarsa waanjoo itti hiitee

moofara harkisaa akka qotu godhuu dandeettaa?

11Jabeenni isaa guddaa waan te'eef

isatti hin addattaa?

Hujii teeti ulfaattuu isatti hin lakkittaa?

12Inni midhaan keeti wolitti qabee

gara eeddummee teetii akka si'iif fidu hin addattaa?

13«Guchiin gammadaan koola ifii hargufatti;

koollii isi'ii ammoo akka koola qonga'aatii moti.

14Guchiin quuphaa ifii lafatti buutti;

biyyeen akka itti o'ituufille achumatti lakkitti.

15Isiin miilli akka caccassu,

bineensotille akka irra ijjatanu hin yaadattu.

16Akka waan ta isi'ii hin te'inii,

cuucuu ifiititti gadhaa jabaatti;

eloon isi'ii baddulle hin qortu.

17Ka qarummaa isii dhoogge,

ka hubantiille isi'iif hin kennin ana Waaqa.

18Yennaa rukkisiisa jalqaddu

fardaa fi abbaa fardaatitti hin kolliti.

19«Iyoob, fardaaf jabeenna ka kenne si'ii?

Yookiin morma isaatitti

gama dhedheeraa ka uffise si'ii?

20Akka korophiisaa kuruphisaa fooqqisaa

akka inni nama bararassu ka godhu si'ii?

21Fardi jabeenna ifiititti addatiisaan

kotte'een lafa qotaa himimmisee,

loliisaaf hin baya.

22Inni soda'atti kolla; womaa hin sodaatu;

shallaagaa irralle'ee duubatti hin deebi'u.

23Eboon balaqqittuu fi marcaan

subba daayaa woliin

cinaacha isaatitti bubbu'ee qilillisa.

24Fardi hollatee worraaqatee xinniqa;

yennaa tultullaan afuufamu hin sawwaanata.

25Inni yennaa tultullaan afuufamu hin fooqqisa;

dhaadata abbootii duulaa,

hoga'aa fi lola fago'ottuu foolee fuudha.

26«Cululleen qarummaa teetiin koolaan kaatee

gara kibbaatitti koola ifii badhifattii?

27Risaan ajaja keetiin gubbaa irra ka'aa?

Allaattiin ajaja keetiin

mana ifii gaara irratti ijaarrattii?

28Isiin rassaa ol ka'e irra le'aa

achitti mana ijaarratti;

rassaan sun kushee isi'ii ti.

29Isiin achi jiraattee waan nyaattu dooyatti;

ilti isi'iille fago'otti waan gaadattu dhaggiti.

30Ilmeen isi'ii dhiiga xuuxatti;

isiille addee raqi jirutti dhagganti» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

God’s Care and Design in the Animal Kingdom

  • The divine speech challenges Job regarding the untamable nature of wild animals such as the wild donkey and the wild ox. Unlike domesticated livestock used for farming and threshing, these creatures dwell freely in the wilderness and salt flats, completely independent of human authority and labor.Sources: the Bible text itself
  • The text highlights the ostrich’s peculiar nesting habits, describing how it leaves its eggs in the sand without the protective care seen in other birds, yet outruns horses when fleeing across open ground.Sources: the Bible text itself
  • The vivid portrait of the warhorse describes its fearlessness, strength, and eagerness in the face of weapons and battle horns, emphasizing that its courage and nature are bestowed by God rather than human mastery.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.