Job 36
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Eliihuun ammalle ede'ee Iyoobiin,
2«Ani ammalle marroo Waaqaatiif
waan dubbadhu waan qabuuf,
diqqoo naa ossadhu.
3Ani beekkumsa kiyya fagoo irraa hin fida;
Waaqi na dade balchaa akka te'e
ani hin mudhisa.
4Dhugumaan dubbiin tiyya dharaa moti;
ani nami si woliin jiru
beekkumsa dhidhinna hin qanne akka qabu beeki.
5«Dhugumaan Waaqi hunnaamessa;
Inni eennulle hin tuffatu;
hunni hubantii isaa guddoo jaddu'u.
6Inni worra hamaa jiru'uun hin leesisu;
worra cunqurfameef ammoo haqa isaanii hin kenna.
7Inni ila ifii balchoota irraa hin kaasu;
mootota woliin
barcumaa mootumma'aa irra isaan hin teessisa;
haga bara baraalle ol ol isaan hin qaba.
8Namooti wodaroo sibiilaatiin yoo hidhamane
yookiin wodaroo rakkinnaatiin yoo qabamane,
9balleessaa isaan koora ifiitiin hujane
inni isaanitti hima.
10Qajeelfama akka dhage'anuuf
gurra isaanii hin bana;
cubbuu ifii irralle'ee akka deebi'anuuf
isaan hin ajaja.
11Isaan Waaqaaf ajajamanee isa yoo tajaajilane
bara isaanii ka hafe
durumma'aa fi gammadaan fixatan.
12Isa dhage'uu yoo didane ammoo,
shallaaga'aan hin badan;
Waaqa beekiisa waan didaneef hin du'an.
13«Worri Waaqa malee le'u
aarii gadha'atti qabatan;
yennaa inni isaan adabulle
qarqaarsa dhaggatiisaaf hin daadimatanu.
14Isaan dhiira Galma Waaqaa keessatti
wol bukkoonsitu oddu'utti
ijoollumma'aanuu du'an.
15Waaqi worra rakkatanu rakkoo keessaa hin baasa;
inni akka isaan rakkatanu godhaa isaan barsiisa.
16«Inni ammalle farra hantuu keessaa,
gara addee badhoo wol rakkisuun hin jiretti si baasa;
qoriin teetille sagalee dansa'aan hin guutanti.
17Amma ammoo muraan nama hama'aaf malte
waan sitti muranteef,
adabbii si'iif malte fudhatiisatti jirta.
18Eennulle durumma'aan akka si hin sonne,
Safuu guddoolle'een akka hin sobanne ifi eegadhu.
19Karri teeti yookiin jabeenni hunna teetii
rakkinna hamaa keessaa si baasuu dande'anii ree?
20Ati halkan kolbaan addee ifii irraa baddu
akka dhufu hin halchin.
21Farriisaan irra hantuu hujiisa waan filatteef,
gara hammeennaa akka hin deebine ifi eegadhu.
22«Kunoo, Waaqi hunna ifiitiin ol ol jedheera;
barsiisaan akka isaa eennu ree?
23Waan Waaqi huju eentu itti himuu dande'a?
yookiin eentu, ‹Ati dokonkorteerta› isaan jedha ree?
24Hujii isaa ta nami faaru'uun leellifatu
atille akka leellifattu yaadadhu.
25Nami duudiin hujii isaa dhaggeera;
nami martinuu fagoo irraa daaw'ata.
26Dhugumaan Waaqi gudda'a;
inni hubantii teennaan oli;
laakkossi bara isaalle qorqoramuu hin dande'u.
27«Bisaan lafa irraa ol fuudhee
gara copha bokkeyaa ka deebisu Waaqa.
28Inni bokkeya duumensa keessaa gad hin roobisiisa;
namoota irralle'etti hin danbalaasa.
29Inni attam akka duumensa diriirsu
galma guddaa ifii keessaa attam akka mandi'u
eentu hubatuu dande'a ree?
30Kunoo, Waaqi adaala ifiititti
balaqqeettii attam akka bittinneessu
hundee abbaaya'aalle dukkanaan akka gollu ilaali.
31Inni akka kanaan gosa biyya adda addaa bulcha;
sagalee bacaalle isaaniif kenna.
32Inni balaqqeettii harkatti qabatee
lafa itti murteessetti akka dhoottu hin ajaja.
33Mandiisuun bokkeenni bubbe'ee akka dhufaaru beessitti;
horiille dhufiisa isi'ii hin beekan.

Did you know?
Elihu Proclaims God’s Justice and Power
- Elihu presents suffering as a form of divine discipline, arguing that God binds people in affliction to expose their pride, open their ears to correction, and turn them away from wrongdoing.Sources: Elihu · the Bible text itself
- Toward the end of the chapter, Elihu points to the natural world to illustrate God's unsearchable majesty, describing how God draws up drops of water to produce rain from mist and commands clouds, thunder, and lightning across the sky.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org