Nations Bible

Job 14

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

1«Barri nama foon uffatee gabaaba'a;

sunuu rakko'oon ka guutame.

2Inni akka daraara'aa mudhatee,

yoosuma hin qoora;

akka gaaddisaa adoo hin turin hin dabara.

3Ati nama akkasii kana ilaaltaa ree?

Mura'aaf ifi duratti na dhikeessitaa ree?

4Waan qulqulluu hin te'in keessaa,

waan qulqulluu baasuu ka dande'u eennu?

Nami tokkolle hin dande'u.

5Barri namaa ka murtaye;

ji'i inni le'uulle si biratti ka laakkowame.

Bara ati isaaf murteessite irra

ka dabaru hin jiru.

6Nami qaxaramee huju

hujii ifii yennaa fixu akkuma gammadu,

namille bara dadhabbii ifii keessa

akka gammadu ossiif.

7«Muki yoo murame

deebi'ee waan latuu fi

damee waan baafatuuf addii qaba.

8Hiddi isaa lafa keessatti dulloomulle,

jirmi isaalle biyyee keessatti gogulle,

9foolee bisaaniitiin deebi'ee hin quunxa;

akka biqiltuu reef lattuulle

damee hin baafata.

10Nami ammoo du'ee hin bada;

eega du'e deebi'ee hin dhaggamu.

11Akkuma bisaan abbaayaa keessaa ol fiilee dhabamuutii fi

akka bisaan laga keessaa goguu,

12akkasuma nami du'e

deebi'ee hin ka'u;

ol-gubbaan haga dabartutti hin dammaqu;

yookiin hirriiba irraa hin ka'u.

13«Mufiin teeti haga dabartutti

addee worra du'eetitti adoo na dhossitee

guyyaa murteessitee

adoo na qaabatte hin fedhaayyu!

14Nami eega du'e deebi'ee hin jiraataa ree?

Haga foorri naa dhufutti,

bara dadhabbi'iin lafa irra le'u duudii

ossaan hin eegadha'a.

15Ati na hin waanta;

anille hin owwaadha;

ati hujii harka keetii na hin dharraata.

16Achiin duuba tarkaaffii tiyya duudii hin laakkotta;

cubbuu tiyya ammoo natti hin heddu.

17Akka huura subba keessa keyamee gatamuu,

balleessaa tiyya duudii na irraa hin gatta;

cubbuu tiyyalle hin balleessita.

18Akkuma gaarri sigigaatee jijjigu,

akkuma rassaalle addee ifii irraa ka'u,

19akkuma bisaan dhakaa qoqqotu

akkuma lolaan biyyee haru,

atille akkasuma addii namaa hin balleessita.

20Hunni teeti haga bara baraa

isa irratti hin jabaatti;

innille hin du'a.

Bifa isaalle jijjiirtee

ifi duraa hin balleessita.

21Ilmaan isaa yoo ulfinna dhaggatanu,

inni hin beeku.

Yoo isaan salphatanulle

inni hin dhaggu.

22Dhibee nafa isaa qofatti itti dhage'ama;

inni ifi qofaaf bowa» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Frailty of Life and the Hope of Renewal

  • In this speech, Job contrasts the fate of mortals with that of a tree. While a felled tree can sprout new shoots at the scent of water even after its stump seems dead, a human being dies, lies down, and does not rise again to life on earth.Sources: the Bible text itself
  • Job contemplates Sheol as a potential hiding place where he might be sheltered until divine anger passes, imagining a longing in which God would seal his transgressions in a bag and call upon the work of His hands.Sources: the Bible text itself
  • To capture the brevity and decay of human existence, the chapter draws upon natural metaphors of erosion and transience, comparing human life to a fleeting shadow, a withered flower, and rocks worn down by water.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.