Job 12
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Iyoob
1Iyoob deebisee,
2«Dhuguma isin qaroole'ee motii ree!
Yennaa duutanulle
qarummaan isin woliin duutii motii ree!
3Ani ammoo akkuma keessan
hubantii qaba;
ani isinii gadii moti;
waan akkasii kana
eentu wollaala ree?
4«Waaqa daadimadhee
yennaan inni naaf deebise jirtiiyyu;
amma ani waan jaaloti tiyya itti kollitu te'eera.
Ani nami balchaan komii hin qanne
waan nami duudiin itti kollu te'eera.
5Worri itti tolte
rakkinna nama rakkatee tuffatiis kaso'o;
nama jigiisaaf tintimu hin darban.
6Dunkaaniin worra saantotaa nageyaan jirti;
worri Waaqa tuttuqee aarsu,
worri Waaqa waan toowatu ifi seyu
nageyaan le'a.
7«Me bineensota gaafadhu;
Isaan si barsiisan.
Sinbirrootalle gaafadhu
isaan sitti hin himan.
8Yookiin lafa gaafadhu;
isiin si hin barsiitti;
yookiin qurxummiin abbaaya'aa
sitti hin hinti.
9Harki Waaqaa akka isaan dade
isaan kana duudii keessaa
ka hin beenne eennu ree?
10Jiruun waan duudi'iitii fi
hafuurri nama duudi'ii harka Waaqaa jiran.
11Akkuma arrabi sagalee addaan baasee beeku,
gurrille dubbii addaan hin baasa.
12Qarummaa maanguddootatti qabaa motii ree?
Hubantiille worra woggaa dheertuu
le'etti qabaa motii ree?
13«Qarumma'aa fi hunni ta Waaqaa ti;
gorsaa fi hubantiille tama isaa ti.
14Waan inni diige,
nami tokkolle deebisee ijaaruu hin dande'u.
Nama inni balbala itti cufe,
nami tokkolle banuu hin dande'u.
15Yoo inni bokkeya dhooggate
oola'atti te'a;
yoo inni bokkeya gad lakkise,
lolaan lafa balleessa.
16Jabeennii fi qarummaan ta isaa ti;
ka sobuu fi ka sobamulle
isaan lamaanuu baallii isaa jala jiran.
17Inni gorsitoota mootichaa
miila duwwaa akka booji'amanu hin godha;
abbootii mura'aalle hin gowwoonsa.
18Inni mootota
barcumaa mootumma'aa irraa buusee,
hidhantoota isaan godha.
19Inni hayyoota irraa baallii isaanii mulqee,
worra hunnaameyyiille hin fonqolcha.
20Worra addatame cadhi godha;
jaarsoleelle qarummaa hin dhoogga.
21Inni qondaaltota hin salphisa;
hidhata worra jajjabaa hin hiika.
22Inni dhossaa dukkana keessaa hin mudhisa;
dukkana dimma gara ifaa hin jijjiira.
23Inni gosa biyya adda addaa
hunnaameyyii hin godha; hin balleessalle'e;
inni gosa biyya adda addaa hin baceessa;
hin bittinnessalle'e.
24Inni sooreyyii irraa hubantii isaanii hin mulqa;
goomolee daandii hin qanne keessalle
hin joonjisiisa.
25Isaan ifa malee,
dukkana keessa qaqqabataa akka ideemanu,
akka nama machoweelle
akka titimisanu hin godha.

Did you know?
Job’s Defense and the Sovereignty of God
- Job opens his reply with sharp irony, sarcastically suggesting that wisdom will die with his companions. He asserts that basic knowledge of God's power is not a specialized secret held only by them, but is visible even to animals, birds, fish, and the earth itself.Sources: the Bible text itself
- In this chapter, Job describes God's absolute authority over human institutions and rulers. He notes that God dismantles established power by stripping away the discernment of elders, leading counselors and priests away barefoot, and overthrowing kings, judges, and entire nations.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org