John 21
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Yesuus Barattoota Torbatti Mudhate
1Kanaan duuba, Yesuus qarqara abbaayaa Xiberiyaasiititti ammalle barattoota ifiititti mudhate. Akki inni itti mudhatelle akkas: 2Simoon Pheexroos, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, Naataanaa'el nami qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhibiin lamaan woliin jiraniiyyu. 3Simoon Pheexroos, «Ani qurxummii guuriisa dhaqaara» isaaniin jedhe.
Isaanille, «Nuutille si woliin dhandhaa» jedhaneen. Maarre isaan gad bayanee hoboloo yaabane. Halkan san ammoo waan tokko hin qabanne. 4Yennaa aduun baatu, Yesuus qarqara bisaanii dhaabbate; barattooti ammoo akka Yesuus te'e hin beenne. 5Achiin duuba inni isaaniin, «Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?» jedhee isaan gaafate.
Isaan, «Waawwo'o» jedhanee deebisane.
6Inni isaaniin, «Hobolo'oon gara middaatitti caccoo teessan buusa'a, hin guurattan» jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane.
7Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, «Gootta'aa be!» jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te'e yennaa dhage'e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya'aa utaale. 8Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa callaa lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee'anee, gara qarqara abbaaya'aa dhufane. 9Isaan yennaa qarqaratti bayane, daabbo'oo fi qurxummii kashila cile'ee irra jirtu achitti dhaggane. 10Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Qurxummuma amma qabattane irraa fida'a» jedhe.
11Simoon Pheexroos hoboloo yaabee, caccoo qurxummiin gugurdoon dhibbaa fi shantamii sadii keessa guutte, gara lafaa harkise; adoo qurxummiin haga kana heddattuu, caccoon hin tarsaane. 12Yesuus isaaniin, «Kowa'aa diiranteeffadha'a!» jedhe. Isaan Goottaa te'uu isaa waan beekaneef, barattoota keessaa tokkolle, «Ati eennu?» jedhee gaafatiisaaf ka itti game hin jiru. 13Maarre Yesuus dhufee, daabboo fuudhee, isaaniif kenne; qurxummiille akkasuma godhe.
14Yesuus eega du'aa ka'e, barattootatti mudhatuun isaa tun yennaa sadeesso'oo ti.
Yesuusii Fi Pheexroos
15Diiranteeffatanee ka'aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Simoonii ilma Yohaannisii, worra kana caalaa na jaalattaa?» jedhe.
Inni, «Ee, Goottaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise.
Yesuus isaan, «Ilmoolee tiyya dheedisiisi» jedhe. 16Yesuus lammeessoo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalattaa?» jedheen.
Inni, «Ee, Gootta'a, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise.
Yesuus, «Buruusoo tiyya tissi» jedheen. 17Yesuus yennaa sadeesso'oo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalatta?» jedhe.
Pheexroos waan inni sadeessoo, «Ana jaalattaa?» jedhee isa gaafateef gaddee, «Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen;
Yesuus, «Hoolee tiyya bobbaasi. 18Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriirfatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaalanne si geessa» jedheen. 19Yesuus tana jedhiisaan, Pheexroos du'a attamii du'ee Waaqa akka ulfeessu'uuf jiru mudhise. Achiin duuba Yesuus, «Na hordofi!» isaan jedhe.
Yesuusii Fi Barataa Jaalatamaa
20Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaalatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, «Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?» jedhee gaafate. 21Pheexroos yennaa isa dhagge, «Gootta'a, namichi kun maan te'a ree?» jedhee Yesuus gaafate.
22Yesuus, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe? Na hordofi» jedheen.
23Maarre oduun, «Barataan kun hin du'u» jettu worra Yesuus hordofu oddu'utti odeeffante. Yesuus ammoo, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe?» jedhe malee, inni hin du'u hin jenne. 24Ka waan kana dhugaa bayee fi ka waan kanalle barreesse baratuma kana; nuutille wonni inni dhugaa baye dhugaa akka teete hin beenna.
25Wonni Yesuus huje dhibiin heddu'utti jira. Marti isi'iituu tokko tokkoon adoo barreeffantee jiraattee, silaafuu biyyi lafaa duudiin kitaabota barreeffamanu kana dandeettee hin ba'attuuyyuu jedhee herrega.

Did you know?
Breakfast by the Sea of Tiberias
- Among those gathered by the Sea of Tiberias were Thomas, also called Didymus—the Greek equivalent of his Hebrew name, meaning “twin”—and Nathanael of Cana in Galilee, whose name means “gift of God.” Nathanael is named only in the Gospel of John, which never lists Bartholomew, and the two have been identified with each other. Also present were the sons of Zebedee, James and John, whose father was a Galilean fisherman with two boats and hired servants.Sources: the Bible text itself · Thomas · Nathanael · Zebedee
- Simon Peter, who invites the others to go fishing, had been trained to that work. Three times Jesus addresses him as “Simon son of John.” Easton's Bible Dictionary (1897) says the father’s name should be read “John,” as in the Revised Version, rather than “Jonas.”Sources: the Bible text itself · Simon Peter · Jonas
- Cana, a town of Galilee near Capernaum and Nathanael’s birthplace, is not mentioned in the Old Testament. Some have identified it with Kana el-Jelil, eight or nine miles north of Nazareth; others with Kefr Kenna, about five miles northeast of Nazareth and twelve miles in a direct line from Tiberias. Nathanael was among those to whom Jesus showed himself alive after the resurrection at the Sea of Tiberias, and the chapter calls this the third such appearance to the disciples.Sources: the Bible text itself · Cana · Nathanael
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org