Nations Bible

John 15

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Yesuus Muka Woyni'ii Dhugicha

1Yesuus, «Muki woyni'ii dhugichi Ana; ka dhaabee guddisu Abbaa kiyya. 2Damee natti jirtu ta midhaan hin buunne mara inni muree hin gata; dameen midhaan buuttu ammoo caalchitte akka midhaan buuttuuf, qaccee kutee qulqulleessa. 3Jecha ani isinitti dubbadheen isin ammumaayyuu qulqulloontaneertan. 4Anaan jiraadha'a, anille isiniin hin jiraadha. Dameeleen ifumaan midhaan buuttee hin dandeettu; muka woyni'iititti yoo jiraatte qofa midhaan buutti. Akkasuma isinille yoo anaan hin jiraatin midhaan buusuu hin dandeettanu.

5«Ani muka woyni'ii ti, isin dameele'e. Ka anaan jiraatu, ka anille isaan jiraadhu, inni midhaan hedduu hin buusa; anaan malee womaa godhuu hin dandeettanu. 6Ka anaan hin jiraanne mara akka dameele'ee gatamee goga; dameeleen akkasii wolitti qabantee ibiddatti gatantee gubanti. 7Isin yoo anaan jiraattane, jechi kiyyalle isin keessa yoo jiraate, waan feetane mara yoo gaafattane hin dhaggattan. 8Midhaan hedduu isin buuttanuun Abbaan kiyya ulfaata; barattoota tiyya te'uu keessanille mudhittan. 9Akkuma Abbaan kiyya na jaalate anille isin jaaladhe; jaalala kiyyaan jiraadha'a. 10Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegadhe jaalala isaatiin jiraadhu, isinille ajaja kiyya yoo eegattane, jaalala kiyyaan hin jiraattan.

11«Gammadi kiyya isin keessa akka jiraatuuf, gammadi keessanille guutuu akka te'uuf tana dubbadhe. 12Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha'a. 13Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu. 14Waan ani isin ajaje yoo gootane isin jaalota tiyya. 15Haganaa achi garboota tiyya isiniin hin jedhu, sababille garbichi waan goottaan isaa godhu hin beeku. Ani waan Abbaa kiyya irraa dhage'e mara waan isinitti himeeruuf, jaalota tiyya isiniin jedheera. 16Anatti isin filate malee, isin na hin filanne. Isin dhaxxanee midhaan jiraatu hedduu akka buuttanu, ani isin muudeera. Maarre waan maqaa kiyyaan gaafattane mara Abbaan kiyya isiniif hin kenna. 17Eegasuu ani akka isin wol jaalattanuuf isin ajaja» jedhe.

Jibbansa Biyya Lafaa

18«Biyyi lafaa yoo isin jibbite, isiniin duraa akka na jibbiteertu beeka'a. 19Isin ka biyya lafaa adoo teetanee, biyyi lafaa ka isi'ii ka te'e silaa hin jaalattiiyyu. Isin ka biyya lafaa waan hin te'inii fi waan ani biyya lafaa tana keessaa isin filadheef biyyi lafaa isin jibbiti. 20Jecha ani, ‹Garbichi goottaa ifii hin caalu› jedhee isinitti hime qaabadha'a. Na miidhanee yoo jiraatane, isinille hin miidhan; Jecha kiyyaaf ajajamanee yoo jiraatane, jecha keessanille'eef hin ajajaman. 21Isaan ka na erge waan hin beenneef, isinille kiyya waan teetaneef, kana mara isin irratti godhan. 22Adoo ani dhufee isaanitti hin dubbatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu. Amma ammoo cubbuu ifiitiif sababa dhikeeffatanu hin qabanu. 23Nami na jibbu Abbaa kiyyalle hin jibba. 24Adoo hujii nami dhibiin ijjumaa hujee hin beenne odduu isaaniititti hin hujatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu; amma ammoo isaan waan ani huje adoo dhagganeeranuu, anaa fi Abbaa kiyyalle jibbane. 25Kunille, ‹Sababuma malee na jibbane› jedhamee jechi Seera isaanii keessatti barreeffame akka muummowuuf te'e.

26«Ani Ayyaana dhuga'aa Jajjabeessaa, ka Abbaa biraa dhufu, isiniif hin erga. Inni naaf dhugaa hin baya. 27Isinille jalqabaa jalqaddanee na woliin waan jirtanuuf, dhugaa hin baatan» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The True Vine, Friendship, and the World

  • In this chapter Jesus calls himself the true vine and his Father the keeper of the vineyard. Branches that bear no fruit are cut off, while branches that do bear fruit are pruned so they become even more fruitful. He says no branch can bear fruit unless it remains in the vine, and that apart from him his hearers can do nothing.Sources: the Bible text itself
  • Jesus tells his hearers that he no longer calls them servants, because a servant does not understand what his master is doing. He calls them friends, because he has made known to them everything he learned from the Father. He also says they did not choose him; he chose them and appointed them to bear fruit that will remain.Sources: the Bible text itself
  • Jesus says the world hates those he has chosen out of the world, and that it hated him first. He recalls a word he had already spoken, “No servant is greater than his master,” and says this hatred fulfills what is written in their Law: “They hated Me without reason.” He also promises the Advocate, the Spirit of truth who proceeds from the Father, who will testify about him.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.