Jeremiah 8
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1«‹Mootiin Waan Maraa, «Yennaa san lafee moototaa fi qondaaltota Yihuda'aa, lafee hayyootaatii fi raagotaa, lafee kolbaa Yerusaalemiille boolla awwaalaa keessaa hin baasan. 2Lafeen sun aduu, ji'aa fi urjoota ol-gubba'aa, worra dur jaalatane, worra dur tajaajilane, worra dur hordofane, worra dur gorsa irraa fudhatanee fi worra dur waaqonfatane mara duratti hin xeeraman malee wolitti hin qabamanu yookiin hin awwaalamanu; ammoo akka cego'oo lafatti hin gataman. 3Kolbaa hantuu tana keessaa worri jiru'uun hafe marti addee ani isaan ari'e maratti jiruu irra du'a hin filatan» jedha.
Adabbii Cubbuun Fidde
4«‹Mootiin Waan Maraa: Nami yoo jige,
deebi'ee hin ka'uu ree?
Nami karaa irraa yoo gore, kara'atti hin deebi'uu ree?
5Kolbaan tun maaf gara duubaa deebiti ree?
Maaf Yerusaalem yennaa mara gara duubaa deebiti ree?
Isaan soba jabeessanee qabataneeran;
isaan deebi'iisa didaneeran.
6Ani miidhassee isaan caqaseera;
isaan ammoo waan sirrii te'e hin dubbatanu.
Eennulle: Ani maan hujeera jedhee,
hammeenna ifii irraa ka deebi'u hin jiru;
akka farda lolaaf qophowe tokkoo
tokko tokkoon isaanii karaa ifii fiigan.
7Qongaanuu yennaa ifii beeka;
Saphaliisi, risa'aa fi cuquliis
yennaa itti godaananu hin beekan.
Kolbaan tiyya ammoo seera kiyya hin beettu.
8«‹Worri feenii sobaatiin barreessu eega jiraatee,
isin: Seera Mootii Waan Maraa waan qannuuf,
nuuti qaroole'e attam jedhuu dandeettan ree?
9Worri qarooleen hin fokkifatan; hin salphatan;
tiyyoolle'een hin qabaman.
Jecha Mootii Waan Maraa eega lakkisanee
qarummaa attamii qabaatan ree?
10Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa
niitota isaanii namoota dhibi'iif hin kenna.
Fichaa isaaniille ormaaf hin kenna.
Diqqaa irraa kaasee haga guddaa isaaniititti,
marti isaanii bu'aa isaanii hin malleef joljolan;
raagotii fi hayyooti akkasuma marti isaanii nama soban.
11Madaa kolbaa tiyyaa akka waan salpha'aatitti laakkowanee,
akka maltetti hin cidhoomanu.
Nageenni adoo hin jiraatin:
Nageya! Nageya! jedhan.
12Waan battii yennaa hujanu fokkifataneeraniiyyuu?
Waawwo'o ijjumaa hin fokkifanne;
isaan attam akka salphatanu hin beekanu;
Tanaaf worra jige oddu'utti hin jigan;
yennaa ani isaan adabulle hin salphatan.
13«‹Mootiin Waan Maraa:
Ani waan isaan galfatanu mara hin balleessa;
muka woyni'ii irra midhaan woyni'ii,
muka harru'uu irra midhaan harru'uu hin jiraatu;
koolli isaaniille hin qoora;
wonni ani isaaniif kenne marti
isaan irraa hin fudhatama› jedha» jedhe.
14Kolbaan sun deebittee, «Nuuti Mootii Waan Maraa
Waaqa keenna duratti cubbuu waan hunyeef,
inni bisaan hadhaa qabu nu obaasee akka bannu nu godheera;
nuuti maaf as teenna ree?
Wolitti qabannee gara qachaa dalleya dhaka'aa qabuu baqannee,
achitti banuu ti.
15Nuuti ‹Nageenni hin te'a› jennee addanne;
ammoo wonni dansaan hin teene.
‹Yennaa fayyinnaatitti te'a› jennee addanne;
ammoo bararaqatti te'e.
16Fooqqisiisi fardoo diinotaa biyya Daanii irraa dhage'ame;
yennaa isaan himimmisanu latti marti tachoote.
Isaan lafaa fi waan isii keessa jiru mara
qacha'aa fi worra isii keessa le'anu liqinsiisaaf dhufane» jetti.
17Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani dhudhuufaa hadhaa qabu
ka worri xanoo xanu dhooggee hin dandeenne,
odduu teessanitti hin erga;
isaanille isin hin iddan» jedha.
Ermiyaas Kolbaa Ifiitiif Gadde
18Gaddi hamaan na dhaqqabeera;
ani gaggabeera.
19Iyya kolbaan tiyya biyya fago'oo irraa,
«Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessa hin jiruu?
Mootiin isi'ii achi keessa hin jiruu?» jettu dhage'i.
Waaqi ammoo, «Isaan fakki'ii fi waaqota dharaa ka ormaa
waaqonfatiisaan maaf na aarsan» jedha.
20Kolbaan, «Yennaa midhaan galfatanu dabarte;
bonni dhumate; nuuti rakkoo keessaa hin baane» jetti.
21Kolbaan tiyya waan miidhanteef anille miidhameera;
ani bowe, sodaadheelle bowe.
22Giil'aad keessa qorsi dibatanu hin jiruu?
Cidheessi achi hin jiruu?
Madaan kolbaa tiyyaa maaf hin fayyine ree?

Did you know?
Judgment, Deception, and the Balm of Gilead
- Jeremiah contrasts the natural instincts of migrating birds, such as storks, turtledoves, swifts, and thrushes, with the behavior of the people of Jerusalem. While birds instinctively know their appointed seasons and migration times, the people stubbornly refuse to turn back to God.Sources: the Bible text itself · Jerusalem
- The warning that the snorting of enemy warhorses is heard from Dan points to an invasion entering from the far north. Dan was located in the northernmost territory of the land, indicating that the destructive foreign army was already sweeping inward.Sources: the Bible text itself · Dan
- The prophet's cry, 'Is there no balm in Gilead?', evokes Gilead, a mountainous region situated east of the Jordan River. Jeremiah uses imagery of physicians and medicinal remedies from this region to lament the untreated moral and physical collapse of his nation.Sources: the Bible text itself · Gilead
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 5
- Dan · Today: Tel Dan · 33.249, 35.652 · verse 16
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 19
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 22
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org