Jeremiah 43
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ermiyaas Gara Gibxi'ii Geessane
1Ermiyaas jecha Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaanii mara ka inni akka inni isaanitti himuuf isa erge san kolbaa maratti himee yennaa fixe, 2ilmi Hoshaa'iya'aa Azaariyaan, ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi worri kooru marti Ermiyaasiin, «Ati hin hollitta! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, ‹Achi qubatiisaaf gara biyya Gibxi'ii hin dhaqina'a› jettee akka nutti hintuuf gara keenna si hin ergine. 3Ammoo ilmi Neriiya'aa Baaruk akka nuuti harka worra Baabiloniititti dabarfannee kennannee ijjeefannuuf yookiin booji'anee gara biyya Baabilonii akka nu geessanuuf nu irratti si kakkaaseera» jedhane.
4Maarre ilmi Qaarehaa Yohaannaan, ajajjooti loltootaa martii fi kolbaan marti Mootii Waan Maraatiif ajajamanee biyyaa Yihuda'aa keessa le'iisa didane. 5Ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltoota marti ammoo, Yihudaa biyya Yihuda'aa keessa le'iisaaf gosa biyya adda addaa addee itti bittinnowane keessaa deebi'anee dhufane mara fudhatanee deemane. 6Akkasuma dhiira, dubartii, ijoolle'ee fi ijoollee mootichaa ta durraa, ta ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan harka akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaam Gedaaliya'aatitti lakkisee fi Ermiyaasii raagicha, ilma Neriiya'aa Baarukille fudhatanee deemane. 7Maarre isaan Mootii Waan Maraatiif ajajamuu didanee, biyya Gibxi'ii seenanee haga qachaa Taahafeneetii deemane.
8Qachaa Taahafeneetii keessatti jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 9«Dhakoota gugurdaa fuudhiitii, seensuma balbala mana mootumma'aa ta Fara'oonii, ta qachaa Taahafeneetii keessaatitti, adoo Yihudooti dhaggituu lafa faarri loobame itti afame jalatti awwaali. 10Achiin duuba isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan mara Dade, Waaqi Israa'elii: Ani tajaajilaa kiyya mootii Baabilonii Nebukadnezaar waamee fidee, barcumaa mootumma'aa ka isaa dhakoota amma ani asitti awwaale kana irra hin keya; innille dunkaanii mootummaa ifii dhakoota kana irratti hin dhaabata. 11Mootiin Baabilonii Nebukadnezaarii dhufee worra Gibxi'ii hin lola; worra duuti itti murante hin ijjeesa; worra boojuun itti murante hin booji'a; worra shallaaga'aan akka du'u itti murante, shallaaga'aan hin ijjeesa. 12Inni galma waaqota Gibxi'ii hin guba; waaqota isaaniille hin booji'a; akkuma tisseen woyaa irratti woyaa facaafattu, inni biyya Gibxi'ii biyya ifii irratti ede'atee nageyaan hin deema. 13Inni soodduu galma waaqota adu'uu ka Gibxii keessaa hin caccassa; mana waaqota Gibxi'iille hin guba jedha› jedhiin» jedhe.

Did you know?
Flight to Egypt and Prophecy at Tahpanhes
- When Jeremiah warned the survivors to stay in Judah, leaders such as Johanan son of Kareah and Azariah son of Hoshaiah rejected the message, accusing the prophet of lying and claiming that his secretary Baruch was turning him against them. Disobeying the divine instruction, they forced the entire remnant, including Jeremiah and Baruch, to flee to Egypt as far as Tahpanhes.Sources: the Bible text itself · Baruch · Johanan
- At Tahpanhes, God instructed Jeremiah to bury large stones in the clay of the brick pavement at the entrance of Pharaoh's palace. This prophetic act announced that King Nebuchadnezzar of Babylon would invade Egypt and place his royal throne and pavilion directly over those embedded stones.Sources: the Bible text itself · Tahpanhes
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 2, 7, 10, 11, 12, 13
- Babylon · 32.543, 44.422 · verses 3, 10
- Chaldea · 30.962, 46.104 · verse 3
- Tahpanhes · Today: Tell Defenneh · 30.861, 32.171 · verses 7, 8, 9
- Heliopolis · Today: Ain Shams · 30.129, 31.308 · verse 13
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org