Jeremiah 41
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ishimaa'el Gedaaliyaa Ijjeese
1Wogguma san keessatti ji'a torbeesso'oo sanyii moototaa keessaa, ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ka te'e, akaakoon Eliishaama'aa ilmi Netaaniya'aa Ishimaa'el, namoota kudhan woliin gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii Miisphaa dhufe; isaan Miispha'atti wolitti qabamanee nyaatiisatti adoo jiranuu, 2ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'elii fi namooti kudhan ka isa woliin jiranu akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa ka mootiin Baabilonii Yihudaa irratti bulchaa godhe san shallaaga'aan ijjeesane. 3Ishimaa'el Yihudoota worra Gedaaliyaa woliin Miisphaa jiranu mara, loltoota Baabilonii ta achi jirtulle ijjeese.
4Gedaaliyaan akka ijjeefame nami tokkolle adoo hin beekin, boruyyaa ganama, 5namooti saddeettam gaddaan areeda haadatanee, woyaa ifii tarsaasanee, nafa ifii mummuranee Sheekem, Shiilo'oo fi Samaariyaa irraa kennansa midhaaniitii fi hixaana qabatanee, gara Galma Waaqaa dhufane. 6Ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el Miispha'aa ka'ee isaan qophatiisaaf, bowaa gara isaanii dhufe; inni yennaa isaan bira geye, «Gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii kowa'a» isaaniin jedhe. 7Isaan yennaa qachaa seenane ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'elii fi namooti isa woliin jiranu isaan ijjeesanee boolla bisaaniititti gatane.
8Namoota saddeettama san keessaa nami kudhan ammoo Ishimaa'eliin, «Nuuti qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi damma fichaa keessatti dhoffanneerra; maganne'e nu hin ijjeesin» jedhane; maarre inni worra kaan woliin isaan hin ijjeenne. 9Boolli bisaanii guddoon ta Ishimaa'el reeffa namoota shallaaga'aan ijjeesee keessa buuse sun ta mootiin Yihuda'aa Aasaan mootii Israa'elii Baashaan woliin yennaa lole qochisiise; ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el reeffa worra ijjeesee boolla sanitti guute. 10Achiin duuba Ishimaa'el kolbaa Miisphaa keessatti hafane mara: ijoollee durraa ta mootichaatii fi worra Miispha'atti hafane ka Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eeganuu, akka ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan isaan bulchu godhe san mara booji'ee, gara biyya Amoonotaa fudhatee deeme.
11Ilmi Qaareha'aa Yohaannaanii fi ajajjooti loltootaa ta isa woliin jirtu marti yakkaa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el huje mara yennaa dhage'ane, 12loltoota ifii wolitti qabatanee ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el loliisaaf dhaqane; isaan baleessa guddaa ka Giibe'on keessaa biratti isa dhaqqabane. 13Kolbaan Ishimaa'el woliin jirtu marti ilma Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjoota loltootaa ta isa woliin jirtu yennaa dhaggane gammadane; 14kolbaan Ishimaa'el Miishipa'aa booji'e marti deebi'anee gara Yohaannaanii ilma Qaarehaa deemane. 15Ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el ammoo namoota saddeeti woliin isa jalaa miliqanee gara biyya Amoonotaa baqatane.
16Achiin duuba ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltootaa ta isa woliin jirtu mara woliin, namoota worra ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa Miishipa'atti yennaa ijjeese san worra booji'ee Giibe'on keessaa fide mara: loltoota, dubartoota, ijoolle'ee fi worra mana mootichaa keessa hujanu mara deebifatane. 17Jarri tun Worra Baabilonii jalaa miliqiisaaf ka'anee Betlihem bira Kiimhaa qubatane; achii ka'anee gara biyya Gibxi'ii deemiisaaf qophowane; 18Sababa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa, ka mootiin Baabilonii bulchaa godhe ijjeeseef, isaan worra Baabilonii waan sodaataneef, gara biyya Gibxi'ii baqatane.

Did you know?
The Assassination of Gedaliah and Flight from Mizpah
- Ishmael son of Nethaniah was a member of the royal family who opposed Babylonian rule. He came with ten men to Mizpah under the guise of sharing a meal, where he assassinated Gedaliah, the governor appointed by the king of Babylon, along with his Judean and Chaldean associates.Sources: Ishmael · Gedaliah · the Bible text itself
- The cistern where Ishmael dumped the bodies of the murdered pilgrims from Shechem, Shiloh, and Samaria had historical military origins. It had been constructed centuries earlier by King Asa of Judah for defense against King Baasha of Israel.Sources: Asa · Baasha · the Bible text itself
- After Ishmael seized the survivors at Mizpah to take them to Ammon, Johanan son of Kareah intercepted him at the great pool in Gibeon and freed the captives. Fearing Babylonian retaliation for the murder of the governor, Johanan and the remaining Judeans prepared to flee to Egypt.Sources: Johanan · Gibeon · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Babylon · 32.543, 44.422 · verses 2, 18
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 5
- Samaria · 32.276, 35.195 · verse 5
- Shechem · Today: Tell Balatah · 32.214, 35.282 · verse 5
- Shiloh · Today: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · verse 5
- Ammon · 31.955, 35.934 · verses 10, 15
- Gibeon · Today: El Jib · 31.847, 35.183 · verses 12, 16
- Bethlehem · 31.704, 35.208 · verse 17
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 17
- Geruth Chimham · Today: within 5 km of Bethlehem · 31.704, 35.208 · verse 17
- Chaldea · 30.962, 46.104 · verse 18
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org