Jeremiah 24
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Kollonjoo Lama Ta Midhaan Harru'uu Qaddu
1Mootiin biyya Baabilonii Nebukadnezaar, mootii Yihuda'aa Yekoniyaa ilma Yehoyaaqiimii, qondaaltota Yihuda'aa, worra hujii harkaa hujuu fi worra sibiila tumu Yerusaalem keessaa booji'ee gara biyya Baabilonii geesseen duuba, Mootiin Waan Maraa kollonjoo lama ta midhaan harru'uu qaddu, ta Galma Mootii Waan Maraa dura keyane natti mudhise. 2Kollonjoon takkaan midhaan muka harru'uu dansaa ka dursee bilchaate fakkaatu qaddi; ta lammeesso'oo ammoo midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeenne qaddi. 3Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee, Ermiyaas, maan dhaggiisatti jirta?» jedhe; anille deebisee, «Midhaan muka harru'uu dhaggiisatti jira; midhaan sun dansaan guddoo dansa'a; hamaan ammoo akka malee hamaa ka nami nyaatuu hin dandeenne» jedheen.
4Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 5«Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Worra biyya Yihuda'aa keessaa booji'amee gara biyya Baabilonii akka dhaqanu godhe kana akkuma midhaan muka harru'uu dansaa kanaa isaan hin ilaala. 6Ani akka isaan hin miidhanne isaan eegee gara lafa tanaa akka isaan deebi'anu hin godha; ani isaan hin ijaara malee hin diigu; hin dhaaba malee hin buqqisu; 7ani qalbii isaan ittiin ani Mootii Waan Maraa akka te'e beekanu isaaniif hin kenna; gadhaa tokkochaan gara kiyya waan deebi'anuuf, isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaaniif hin te'a.
8«‹Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaa, worra lubbu'uun hafee Yerusaalem keessa yookiin biyya Gibxi'ii keessa le'u akkuma midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeennee san hin godha. 9Ani mootummoota biyya lafa maraa duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; addee ani itti isaan bittinneesse maratti akka namooti itti mammaakanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaan abaaranu hin godha. 10Lafa ani isaanii fi abbootii isaaniitii kenne keessaa haga isaan badanutti shallaagaa, beelaa fi balaa isaanitti hin erga› jedha» jedhe.

Did you know?
The Two Baskets of Figs
- Jeremiah received this vision after King Nebuchadnezzar of Babylon deported King Jeconiah (also called Jehoiachin), along with the officials, craftsmen, and metalsmiths of Jerusalem. Nebuchadnezzar subsequently installed Zedekiah as king over the remaining population in Judah.Sources: the Bible text itself · Jehoiachin · Zedekiah · Nebuchadnezzar
- In the vision set before the temple, the basket of prime, early-ripening figs symbolizes the exiles carried off to Babylon. The Lord promises to preserve them, give them a heart to know him, and restore them to their land.Sources: the Bible text itself
- In contrast, the basket of rotten, inedible figs symbolizes King Zedekiah, his leaders, and the remnant staying in Judah or fleeing to Egypt. Instead of finding security, they are warned of disaster, famine, disease, and derision among the nations.Sources: the Bible text itself · Zedekiah · Egypt
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Babylon · 32.543, 44.422 · verse 1
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 8
- Chaldea · 30.962, 46.104 · verse 5
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 8
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org