Jeremiah 12
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Gaaffii Ermiyaas Waaqa Gaafate
1Ee Mootii Waan Maraa,
yennaa ani haajaa kiyya si duratti dhikeeffadhu,
ati yennaa mara balcha'a;
ani haajaa kiyya si dura dhikeeffadha;
te'uu malee marroo muraa haqaa waan si gaafadhu qaba.
Worri hamooleen maaf qananooman?
Worri hin addatanne maaf milkowan?
2Ati isaan dhaaddeerta; isaanille hidda yaafataneeran;
isaan guddatanee midhaan buusaneeran;
Isaan afaan ifiitiin ulfinna si'iif kennan;
gadhaa ifiitiin ammoo si irraa fagoo jiran.
3Ee Mootii Waan Maraa! Ati ammoo na hin beetta;
na hin dhaggitalle'e; yaada ani si'iif qabu hin qorqorta.
Worra hamoolee kana akka hoolee qalmaaf oofanuu,
isaan harkisii baasiitii,
guyyaa qalmaatiif adda baasi.
4Latti haga yoomii goddi?
Marri diida maraa haga yoomii qoora?
Sababa worra hamoolee lafa san keessa le'uutiif,
sababa isaan,
«Waan nu irratti te'u kana Waaqi hin dhaggu» jedhaneef,
bineensotii fi sinbirrooti dhumataneeran.
5Mootiin Waan Maraa deebisee,
«Ee Ermiyaas, ati worra miilaan rukkisu woliin rukkittee,
eega isaan si dadhassiisanee,
abbootii fardaa woliin attam doggomuu dandeetta ree?
Ati lafa qaaleyaatitti eega jiddee,
Gongomaa Yordaanosii keessatti attam teeta ree?
6Obboleeyyan teetii fi maatiin teetiiyyuu sitti malaneeran;
isaan qoonqoo guddo'oon sitti iyyiisatti jiran;
waan dansaa sitti dubbatanulle, isaan hin addatin.
Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifiititti Gadde
7Ani kolbaa tiyya Israa'el lakkiseera;
kolbaa tiyya ta jaaladhu
harka diinota isaaniititti dabarsee kenneera.
8Kolbaan tiyya akka neenqa gongomaa keessaa
natti teeteerti;
isaan dhangaa natti dhowane;
anille isaan jibbe.
9Kolbaan tiyya akka sinbirree
jajju'uun marfante teetee motii ree?
Dhaqa'aatii bineensota mara wolitti qaba'a;
isaan dhufanee kolbaa tiyya nyaatanuu ti.
10Tissitooti hedduun fichaa muka woynii tiyyaa balleessiteerti.
Fichaa kiyyalle irra sirbiteerti;
fichaa kiyya ka na gammachiisu goomolee duwwaa godhaneeran.
11Isaan fichaa san goomolee duwwaa waan godhaneef
na duratti gogee oneera.
Nami isi'iif haajamu waan hin jirreef,
Latti duudiin goomolee teeteerti.
12Shallaagaan Mootii Waan Maraa qaccee lafaa
gara tokkoo kaasee,
haga qaccee taaniititti waan balleessuuf,
worri lafa balleessu
koobota godduu mara hin qabatan;
nami nageyaan hafu tokkolle hin jiru.
13Isaan qamadii hin facaafatan; ammoo qoree haammatan.
Isaan hin elowan; ammoo womaa hin dhaggatanu.
Sababa aarii Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeetuutiif,
midhaan isaan galfatanu waan badeef,
hin qaanowan» jedhe.
Mootiin Waan Maraa Olloota Israa'eliitiif Waadaa Gale
14Mootiin Waan Maraa, «Olloota kiyya worra hamaa ka lafa ani kolbaa tiyya Israa'eliif kenne qabatanu mara, ani lafa isaanii irraa isaan hin buqqisa; kolbaa Yihuda'aalle odduu isaaniitii buqqisee hin baasa. 15Isaan buqqiseen duuba ammoo deebi'ee isaaniif hin marara; tokko tokkoo isaanii gara lafa isaaniitii fi gara biyya isaaniititti isaan hin deebisa. 16Isaan akka kolbaan tiyya itti leetu le'iisa akka dansaa yoo baratane, akkuma kolbaa tiyya maqaa Ba'aaliitiin kakatiisa barsiisane, amma ammoo deebi'anee kolbaa tiyya woliin, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa Ka jiraataa te'ee› jedhanee kakatiisa yoo baratane, isaan kolbaa tiyya odduu hin le'an. 17Kolbaa na hin dhageenne ammoo ijjumaa buqqisee hin balleessa» jedha.

Did you know?
Jeremiah's Complaint and the Nations
- Jeremiah wrestles with the difficult question of why the wicked prosper and live at ease while speaking of God with their lips but keeping him far from their hearts. The prophet's distress is deeply personal, as even the members of his own father's household had betrayed him and spoken against him.Sources: the Bible text itself
- God responds to Jeremiah's complaint by asking how he will compete with horses if racing with footmen tires him, and how he will manage in the thickets of the Jordan if he stumbles in a peaceful land. The Jordan River cuts through low valleys and dense, difficult terrain along its banks.Sources: the Bible text itself · Jordan
- The chapter extends hope even to hostile neighboring nations that had once taught Judah to swear by Baal, the principal male deity of the Phoenicians. If these nations turn and learn to swear by the name of the Lord, God promises to build them up among his people.Sources: the Bible text itself · Baal
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 5
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org