Judges 7
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Boruyyaa ganama Giidewon ka, «Yiruub-Ba'aal» jedhamee fi worri isa woliin jiru marti barii ganama ka'anee, madda Haarodii bira qubatane; worri Miidiyaanii ammoo, addee isaan qubatane irraa gara kaabaatitti, kooba Mooree bira dhooqa keessa qubatane.
2Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Worra Miidiyaanii harka isaaniititti dabarsee akka hin kennine, worri si woliin jiru heddu'u; Israa'elooti, ‹Hunnuma teennaan injifanne› jedhanee akka na irratti hin koorre, 3‹Eennulle ka sodaatee sheephisu yoo jiraate, gaara Giil'aadii irraa ka'ee, gara mana ifii deebi'uu ti› jedhii lallabi» jedhe; tanaaf namooti kum diddamii lama gara manaa deebi'anee, namooti kum kudhan achitti hafane.
4Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Ammalle namooti si woliin jiranu akka malee heddu'u; isaan gara bisaanii gad geessi; anille achitti gargar siif hin fowa. Nami ani, ‹Inni si woliin deemuu ti› jedhu, deemuu ti; nami ani, ‹Inni si woliin hin deemin› jedhu, hin deemin» jedhe. 5Giidewon namoota gara bisaanii geesse; Mootiin Waan Maraalle, «Nama akka sare'ee arraba ifiitiin bisaan laccisuu fi nama jilbiiffatee, bisaan unu gargar baasi» jedhe. 6Laakkossi worra ooboo harka ifiitiin bisaan unee dhibba sad; worri hafe marti ammoo jilbiiffatee une. 7Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Namoota dhibba sad, worra ooboo harka ifiitiin bisaan uneetiin, ani isin hin baasa; worra Miidiyaanii harka keessanitti dabarsee hin kenna; worri hafe marti gara mana ifii deebi'uu ti» jedhe. 8Tanaaf Giidewon, galaa isaaniitii fi tultullaa isaanii irraa fuudhee gara mana isaanii isaan deebise; namoota dhibba sad san ammoo, ifi biratti hamburate; yennaa san worri Miidiyaanii isaaniin jala dhooqa keessatti qubateeraayyu.
9Halkanuma san Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Ani worra Miidiyaanii harka keetitti dabarsee waan kennuuf, ka'iitii quttuma isaanii san loli. 10Loliisa yoo sodaatte ammoo, tajaajilaa keeti Phuraa woliin gara quttumaa gad bu'i. 11Ati waan isaan jedhanu dhageetteen duuba, quttuma san loliisaaf jajjabeenna hin dhaggatta» jedhe. Achiin duuba Giidewon tajaajilaa ifii Phuraa woliin, gara qarqara quttuma sanii gad dhaqane. 12Worri Miidiyaanii, worri Amaaleqiitii fi kolbaan gara lafa baya adu'uu marti, akka heechaa awwaannisaa heddatanee, dhooqa keessa qubataneeraniiyyu; bacinni gaalota isaaniille akka maansa qarqara abbaaya'aa ka hin laakkowannee ti.
13Yennaa Giidewon achi geye, nami tokko oojjuu oojjate takka, jaala ifiititti himiisatti jiraayyu. Inni, «Ani oojju'uun daabboon garbu'uu gara quttuma keennaa konkolaattee, gara dunkaanaa dhuttee dhoottee garagalchite; dunkaaniille jidde» jedhe.
14Jaalli isaa deebisee, «Hiikkaan oojjuu tanaa shallaagaa Giidewonii ilma Yo'aasii nama Israa'elii ti malee, waan dhibi'itti hin hiikantu; Waaqi worra Miidiyaaniitii fi loltoota isaanii duudii harka isaatitti dabarsee kenneera» jedhe.
15Giidewon oojju'uu fi hiikkaa isi'ii yennaa dhage'e, jilbiiffatee Mootii Waan Maraatiif sagade. Achiin duuba gara quttuma Israa'elootaa deebi'ee, «Loltoota worra Miidiyaanii, Mootiin Waan Maraa harka keessanitti dabarsee waan kenneef, ka'a'a!» jedheen. 16Inni namoota dhibba sad san golii saditti qoodee, tultulla'aa fi okkotee duwwaa xassaa ifi keessaa qaddu, tokko tokkoo isaaniitiif kenne. 17Inni isaaniin, «Na ilaala'aatii, waan ani godhu godha'a; yennaa ani qarqara quttumaa gewu, akkuma ani godhu isinille godha'a. 18Anii fi worri na woliin jiru tultullaa yennaa afuunnu, isinille adaala quttumaa maratti afuufaa, ‹Mootii Waan Maraatii fi Giidewoniif lola'a!› jedha'aatii iyya'a» jedhe.
19Giidewonii fi namooti dhibbi tokko worri isa woliin jiru, halkan wodhakka'aan dura, worri eeddotaa ka halkan kutaa lammeesso'oo keessa eegu, jijjiiramaneen duuba dhufane; isaan tultullaa afuufanee, okkotoota harkatti qabataneeranu caccassane. 20Maarre goliin sadiinuu tultullaa ifii afuuttee, okkotee san caccassitee, harka ifii bitaachatti xassaa, harka ifii middichatti tultullaa qabattee, «Mootii Waan Maraatii fi Giidewoniif hin lolla» jedhaa iyyite. 21Nami tokko tokkonuu adaala quttumaa maratti addee qabatee waan dhaabbateef, worri Miidiyaanii ka quttuma keessaa marti iyyaa iyyaa baqatane. 22Namooti Giidewonii dhibbi sadiin sun tultullaa ifii yennaa afuufane, Mootiin Waan Maraa loltooti Miidiyaanii shallaaga'aan akka wolitti ka'anu godhe; isaan shallaaga'aan wol lolanee, gara qachaa Zereera'aatitti fuula galane gara qachaa Bet-shitaahititti, achille'een haga meessaa qachaa Abeel-meholaa ka Xabaat bira jiruutitti baqatane.
23Israa'elootille gosa Niftaalemii, gosa Asheeriitii fi gosa Minaase'ee duudii keessaa waamamanee, worra Miidiyaanii ari'ane. 24Giidewon worra biyya koobittii Efreemii gubbaa le'u maratti namoota ergee, «Gara worra Miidiyaanii gad bu'a'aatii isaan lola'aatii, laga Yordaanosii haga Bet-baraatii adoo isaan hin qabatin dura qabadha'a» jedhe. Tanaaf namooti Efreemii marti waamamanee, laga Yordaanosii haga Bet-bara'aatitti qabatane. 25Isaan sooreyyii Miidiyaanii lamaan, Oreebii fi Ze'eeb booji'anee, Oreeb addee rassaa maqaa isaatiin, «Oreeb» jedhamee moggaafametti, Ze'eebille addee Cunfaa woyni'ii ta maqaa isaatiin, «Ze'eeb» jedhantee moggaafantetti ijjeesane; mataa Oreebiitii fi mataa Ze'eebii kutanee, gara Giidewonii, ka laga Yordaanosiitiin gama gara lafa baya adu'uu jirutti geessane.

Did you know?
Gideon's Three Hundred
- Before the battle, Gideon's force of 32,000 men was drastically reduced to just 300 at the spring of Harod. First, 22,000 fearful men were permitted to return home, and the remaining 10,000 were sifted by how they drank water from the spring, leaving only those who brought water to their mouths with their hands.Sources: the Bible text itself · Harod
- Gideon used night tactics and psychological shock by dividing his 300 men into three companies armed only with rams' horns, torches, and clay jars. Surrounding the vast camp of Midianites and allied eastern nomads near the hill of Moreh during the night watch, the sudden sound of shattering jars and blowing horns caused the enemy to turn on one another in the dark.Sources: the Bible text itself · Moreh (little Hermon) · East
- As the Midianites fled toward the Jordan River, the tribe of Ephraim was summoned to cut off their retreat at the river crossings. The Ephraimites captured and executed two Midianite leaders, Oreb (meaning 'raven') and Zeeb (meaning 'wolf').Sources: the Bible text itself · Oreb · Zeeb · Ephraim
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Midian · 28.495, 35.012 · verses 1, 2, 7, 8, 12, 13, 14, 15, 23, 24, 25
- Amalek · 30.648, 34.422 · verse 12
- East · Today: region around Amman · 31.955, 35.934 · verse 12
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verses 24, 25
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org