Judges 5
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Faaruu Debora'aatii Fi Baaraaqii
1Guyyaa san Debora'aa fi ilmi Abiino'aamii Baaraaqi faaruu asii gad jirtu faarfatanee,
2«Sooressitooti Israa'eloota waan sooressaneef,
kolbaalle fedhii ifiitiin
duuliisaaf waan murteeffatteef
Mootii Waan Maraa galateeffadha'a!
3«Isin Mootoleen, dhage'a'a!
Isin sooreyyiin, caqasa'a!
Ani Mootii Waan Maraatiif hin faarsa!
Mootii Waan Maraa
Waaqa Israa'elii hin leellifadha.
4«Ee Mootii Waan Maraa,
yennaa ati gaara Se'iirii irraa kaate,
yennaa ati biyya Edoomii keessa deente
latti tachootee,
ol-gubbaan bisaan dhangalaatte;
duumensille bokkeya roobisiise.
5Gaaroti Mootii Waan Maraa
Waaqa Siina'aa duratti,
fuula Mootii Waan Maraa
Waaqa Israa'elii duratti tacho'ane.
6«Bara Shamgaarii ilma Anaatii,
bara Yaa'elii
karaan guddaan one;
worri karaa deemulle
karaa miliffataatiin deemaniiyyu.
7Haga guyyaa ani Deboraan
Israa'eliif akka haadhaa te'ee ka'etti,
qachaan Israa'elii oneera.
8Achiin duuba Israa'elooti
waaqota dur hin beenne yennaa filatane,
lolli gara karra qacha'aa dhufe;
Israa'eloota kuma afurtama oddu'utti,
wonteen yookiin eboon hin dhagganne.
9Gadhaan kiyya
dura aantota worra woraanaa ka Israa'elii,
ka fedhii ifiitiin duuliisaaf murteeffate bira jira.
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
10«Isin worri harree adaadii irraa teettanu,
worri gilaasii seefante irra teettanu,
worri karaa irralle deddeentanu,
marroo waan kanaa hima'a.
11Qeexala worra heddu'uu
ka adaala boolla bisaaniitii dhage'amu dhage'a'a;
qeexalli sun injifachaa Mootii Waan Maraa,
injifachaa kolbaa Israa'eliille hima.
«Achiin duuba kolbaan Mootii Waan Maraa
gara karra qacha'aa gad buute.
12Debora'a, ka'i, Ka'i!
Ka'i, ka'iitii faarfadhu!
Baaraaqii ilma Abiino'aamii,
atille ka'i!
Worra boojite qabadhuu deemi.
13«Achiin duuba worri hafe
gara qondaaltotaa gad bu'ane.
Kolbaan Mootii Waan Maraa marroo tiyyaaf
worra hunnaameyyii loliisaaf dhutte.
14Worri dhufelle, sanyii Efreemii keessaa gariin
addee dur worri Amaaleqootaa le'u irraa dhufane.
Worri dhibiille sanyii Beniyaamii keessaa dhufane.
Sanyii Maakiirii keessaa
dura aantoti worra woraanaa,
sanyii Zebuloon keessaa
worri ulee bokku'uu qabatu dhufane.
15Sooressitooti sanyii Yisaakorii
Deboraa woliin dhufane;
Baaraaqille sanyii Yisaakorii woliin dhufee,
gara dhooqaa isa gula ori'e.
Sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadanee
murteeffatiisa hin dandeenne.
16Maaf odduu gooree hoole'ee teettane?
Madha hoole'ee dhage'iisaafii?
Eeti'i, sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadanee
murteeffatiisa hin dandeenne.
17Sanyiin Giil'aad laga Yordaanosii irraa
gara aduun baatutti turte;
sanyiin Daanii maaf hoboloo guddittii keessa turte?
Sanyiin Asheerii qarqara abbaaya'aa,
addee buufata hobolo'oo turte.
18Sanyiin Zebuloonii du'aaf ifi dabarsitee kennite.
Sanyiin Niftaalemille
koobota woraanaa irratti akkasuma goote.
19«Moototi dhufanee lolane;
yennaa san mootota Kana'aanii
qachaa Ta'ana'aatitti
bisaan Megidoo biratti lolane
ammoo meetii takkaalle,
waan dhibiille hin saanne.
20Urjooti ol-gubbaa irra,
daandii ifii irra deemaa Siiseraa lolte.
21Lagi Qiisonii ka durii durii sun,
isaan haree dabare.
Lubbuu tiyya,
jabaadhuu deem!
22Fardoon Kotte'een hididditte;
gulufaa gulufaa
gara fardoo jajjaba Siisaara'aa dhaxxe.
23Ergamaan Mootii Waan Maraa,
‹Qachaa Merozii abaara'a!
Worri qachaa san keessa le'u,
Worra hunnaameyyii loliisaan,
Mootii Waan Maraa qarqaariisaaf
waan hin dhufiniif, akka malee abaara'a› jedhe.
24«Niitiin Heberii Qenichaa Yaa'el,
dubartoota mara caalaa
ta hiree dansaa qaddu teetuu ti;
dubartoota dunkaanii keessa leetu caalaa
ta hiree dansaa qaddu teetuu ti.
25Siiseraan, bisaan kadhate;
isiin ammoo aanan isaaf kennite;
qodaa goottole'eetitti itittuu dhikeessiteef.
26Isiin harka tokkoon
togaa dunkaanaa qabattee,
harka middaatiin
burrisa hojjattootaa qabattee,
Siiseraa dhoottee mataa butuchitee,
shikaala san guunaa gurra isaatitti dhoottee
jalaa fullaache.
27Inni laafee,
miila isi'ii jalatti jige;
Adduma jige sanitti du'e.
28«Haati Siisera'aa
karaa foddaa manaatiin gad ilaaltee,
iyyitee, ‹Garreettaan fardaan harkifamu
ka mucaa kiyyaa maaf ture?
hididdeettiin kottee fardaa
maaf hin dhage'anne?› jette.
29Dubartooti tajaajiltooti isi'ii qarooleen,
gaaffii isi'iitiif deebii kennane;
isiin ifumaan ifiin dubbattee,
30‹Isaan boojuu booji'anee,
dubartii tokko tokko yookiin lama lama
loltoota tokko tokkoofuu,
Siisera'aaf woyaa kuula adda addaatiin seefante,
morma worra booji'eetiif
woyaa kuula adda addaatiin seefante
qoodamiisatti jiranii motii?› jette.
31«Ee Mootii Waan Maraa,
diinoti keeti marti badanuu ti.
Worri si jaalatu ammoo,
akka aduun ganamaa akka malee issitu,
issanuu ti» jette.
Achiin duuba biyya sanitti woggaa afurtama nageenni te'e.

Did you know?
The Song of Deborah and Barak
- The poetic victory song highlights the varied responses of the Israelite tribes during the crisis. While groups like Zebulun, Naphtali, and Issachar risked their lives in the battle, others such as Reuben, Dan, Asher, and the inhabitants of Gilead stayed behind among their flocks, ships, and coastal harbors.Sources: the Bible text itself · Zebulun · Gilead
- The decisive conflict took place near Taanach by the waters of Megiddo, an area along the Jezreel plain where the overflowing torrent of the Kishon River swept away the opposing forces.Sources: the Bible text itself · Taanach · Barak
- The poem creates a vivid literary contrast between two women: Jael, the tent-dwelling Kenite who brought down the commander Sisera, and Sisera's aristocratic mother, who peered through a lattice window awaiting plunder and a son who would never return.Sources: the Bible text itself · Jael · Sisera (army captain)
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Edom · 30.746, 35.604 · verse 4
- Mount Tabor · Today: Jebel et Tur · 32.686, 35.393 · verse 13
- Amalek · 30.648, 34.422 · verse 14
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 17
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 17
- Canaan · 32.767, 35.333 · verse 19
- Megiddo · Today: Tel Megiddo · 32.585, 35.184 · verse 19
- Taanach · Today: Tell Ta’anakh · 32.522, 35.219 · verse 19
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org