Judges 20
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Israa'elooti Sanyii Beniyaaminii Lolte
1Kolbaan Israa'elii qachaa Daanii ka gara kaabaa irraa haga Bersheebaa gara kibbaa, akkasuma qachaa Giil'aadii ka gara aduun baatuu jiru duudiin, yaada tokkochaan qachaa Miispha'aatitti Mootii Waan Maraa duratti wolitti qabante. 2Sooressitooti kolbaa gosa Israa'elii duudiin, yaa'ii kolbaa Waaqaa loltoota miilaa kuma dhibba afur ta shallaagaa hidhatteertu keessatti dhaggamane. 3Sanyiin Beniyaamii gosi Israa'elii duudiin Miispha'atti akka wolitti qabamane dhage'ane.
Israa'elootille, «Wonni hantuun tun attamiin akka teete nutti hima'a» woliin jedhane. 4Namichi Lewwichi abbaan manaa, ka dubartii ijjeefantee sun deebisee, «Anii fi gursumeettiin tiyya qachaa Giibe'aa ka biyya Beniyaaminii keessaa buliisaaf dhunne. 5Halkan san namooti Giibe'aa balaa natti buusiisaaf, mana ani keessa jiru halkaniin marsanee, na ijjeesiisaaf barbaadane; gursumeettii tiyya hunnaan woliin rafanee, isiille duute. 6Isaan waan hantuu fokkisiittuu akkasii waan hujaneef, ani reeffa isi'ii fuudhee kukkutee, gara kutaa biyya gosa Israa'elii tokko tokkottuu erge. 7Maarre amma isin Israa'elooti duudiin, mari'adha'aatii murteessa'a» jedhe.
8Kolbaan duudiin yaada tokkochaan kaatee, «Nu keessaa nami tokkolle gara dunkaana ifii yookiin gara mana ifii hin deebi'in. 9Amma ammoo wonni nuuti goonu, qachaa Giibe'aa irratti hixa'aan duulla. 10Israa'el keessatti waan fokkisiittuu hujaneef, kolbaa qachaa Giibe'aa ta biyya Beniyaaminii keessaa adabiisaaf, loltoota duulanuuf galaa akka dhikeessanu, gosa Israa'elii mara keessaa namoota dhibba keessaa kudhan, kuma tokko keessaa dhibba tokko, kuma kudhan keessaa kuma tokko hin qopheessina» jedhane. 11Maarre namooti Israa'elii duudiin yaada tokkoon qachaa san loliisaaf wolitti qabamane.
12Gosi Israa'elii gara gosa Beniyaamii namoota erganee, «Wonni hantuun namooti gariin odduu teessanitti hujane kun maan? 13Amma namoota waan hantuu akkasii hujanee Giibe'aa keessa jiranu qaba'aatii nutti kenna'a; nuuti isaan ijjeennee, hujii hantuu tana Israa'el keessaa balleessina» jedhane. Worri Beniyaaminii ammoo waan Israa'elooti obboleeyyan isaanii isaanitti himane hin fudhanne. 14Worri Beniyaaminii qachoota ifii keessaa wolitti qabamanee, Israa'eloota loliisaaf gara qachaa Giibe'aa dhufane. 15Guyyaa san worri Beniyaaminii loltoota dhibba torba ka filamanee qachaa Giibe'aa keessa jiranu adoo hin dabalatin, qachoota ifii keessaa loltoota kuma diddamii jaa ka shallaagaa hidhatane wolitti qabane. 16Loltoota tana keessaa namooti dhibbi torba bitaatticha; isaan looyya'aan dhakaa rifeensa tokkotti yoo qolaansanu irraa hin qabanu. 17Israa'elooti gosa Beniyaaminii adoo hin dabalatin, loltoota kuma dhibba afur ta shallaagaa hidhatte lolaaf baasane.
Lola Gosa Beniyaaminii Irratti ka'e
18Israa'elooti gara qachaa Bet'elii ol bayanee, «Gosa Beniyaaminii loliisaaf nu keessaa gosa tamitti dura aana?» jedhanee Waaqa gaafatane. Mootiin Waan Maraa, «Gosi Yihuda'aa dura aantuu ti» jedhee deebise.
19Achiin duuba Israa'elooti boruyyaa ganama ka'anee, qachaa Giibe'aa biratti qubatane. 20Isaan loltoota Beniyaaminii loliisaaf bayanee, fuullee qachaa Giibe'aatitti addee qabatane. 21Guyyuma san loltooti Beniyaaminii qachaa keessaa bayanee, loltoota Israa'elii kuma diddamii lama ijjeesane. 22Israa'elooti ammoo wol jajjabeessanee, addee ifii ta guyyaa qaraa qabatanetti ammalle addee qabatane. 23Israa'elooti dhaqanee haga galgalaatitti Mootii Waan Maraa duratti bowanee, «Nuuti ammalle obboleeyyan teennaa Beniyaaminoota loliisaaf hin duullaa ree?» jedhanee gaafatane. Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ee, dhaqa'aatii lola'a» jedhe. 24Maarre guyyaa lammeesso'oo gosa Beniyaaminiititti duulane. 25Worri Beniyaaminiille guyyaa lammeesso'oo san isaan loliisaaf qachaa Giibe'aatii bayanee, loltoota Israa'elii keessaa loltoota shallaagaa hidhatte kuma kudhanii saddeeti ijjeesane. 26Achiin duuba kolbaan Israa'elii duudiin gara Bet'elii ol baatee, achitti Mootii Waan Maraa duratti teettee bootte; guyyaa san haga galgalaatitti laantee, ciinca'aa fi woreega nageyaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessite. 27Bara san saanduqi gondooroo Waaqaa achi waan jiruuf, akaakoon Aaronii, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas Saanduqa Gondooro'oo san dura dhaabbatee tajaajilaayyu; Israa'elootille «Obboleeyyan teenna worra Beniyaaminii loliisaaf ammalle hin dhandha moo hin lakkinna?» jedhanee Mootii Waan Maraa gaafatane. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani boru harka keessanitti dabarsee isaan waan kennuuf, dhaqa'aa lola'a» jedhe.
29Achiin duuba Israa'elooti, loltooti adaala Giibe'aatitti riphanee akka eeganu godhane. 30Guyyaa sadeesso'oo, Israa'elooti worra Beniyaaminii loliisaaf ol bayanee, akkuma qaraa fuullee qachaa Giibe'aatitti addee qabatane. 31Worri Beniyaaminiille Israa'eloota loliisaaf yennaa bayane, qachaa irraa ari'anee fageessanee, akkuma qaraa karaa gara Bet'elii ol baasuu fi gara qachaa Giibe'aa geessu irratti loluu jalqabanee, Israa'eloota soddoma diida keessatti ijjeesane. 32Worri Beniyaaminii, «Nuuti akkuma qaraa Israa'eloota injifatiisatti jirra» jedhanee yaadane.
Israa'elooti ammoo, «Gara duubaa baqatanee qachaa irraa fagaatanee kara'atti akka bayanu isaan goona» jedhane. 33Maarre loltooti Israa'elii duudiin gara duubaa addee, «Ba'aal Taamaar» jedhantutti addee qabatane; loltooti qachaa Giibe'aa gara aduun seentutti riphaneeranu ori'anee bayane. 34Israa'eloota mara keessaa loltooti kuma kudhan filamanee, qachaa Giibe'aa loliisaaf dhufane; lolli sunille lola jaba'a. Worri Beniyaaminii ammoo badiin akka isaanitti dhikaatte hin hubanne. 35Mootiin Waan Maraa Israa'elooti worra Beniyaaminii akka injifatanu godhe. Israa'elootille guyyaa san loltoota Beniyaaminii ta shallaagaa hidhatte kuma diddamii shanii fi dhibba tokko ijjeesane. 36Achiin duuba worri Beniyaaminii akka injifatame hubate.
Israa'elooti loltoota ifii worra adaala qachaa Giibe'aatitti akka riphanu goote waan addatteef, worra Beniyaaminiitiif addee lakkitte. 37Loltooti riphaneeranu ariiti'iin gara qachaa Giibe'aa ori'anee, namoota qachaa keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane. 38Worri Israa'elootaa loltoota riphane woliin qachaa keessaa beessisa duumensa aaraa akka ol kaasanu, wolii galtee godhaneeraniiyyu. 39Achiin duuba worri Israa'elii lola irraa duubatti deebi'ane; worri Beniyaaminii ammoo Israa'eloota soddoma waan ijjeesaneeranuuf, «Akkuma lola qaraa nuuti isaan injifatiisatti jirra» jedhanee yaadan. 40Te'uu malee duumensi aaraa qachaa keessaa yennaa ol ka'iisa jalqabe, worri Beniyaaminii ifiin duuba garagalanee, aarri qachaa duudi'ii gara gubba'aa ka'uun dhaggane. 41Achiin duuba Israa'elooti deebi'anee lolane; worri Beniyaaminiille badii isaanitti dhikaatte waan dhagganeef bararaqane. 42Tanaaf isaan Israa'eloota duraa gara goomole'ee gula baqatane; te'uu malee loltoota Israa'elii jalaa bayiisaaf hin dandeenne; worri qachaa keessaa gad bayiisatti jiru wodhakka'atti isaan ijjeesane. 43Loltooti Israa'elii worra Beniyaaminii marsanee, haga addee qachaa Giibe'aa irraa gara aduun baatu jirtuutitti isaan ari'ane fixane. 44Loltooti Beniyaaminii worri jajjabaan marti kum kudhanii saddeeti ijjeefamane. 45Yennaa isaan gara goomole'ee gula rassaa Rimooniititti baqatane, loltooti Israa'elii karaa irratti namoota kuma shan isaan keessaa ijjeesane; haga Giidomiititti ari'anee namoota kuma lama dabalanee ijjeesane. 46Guyyaa san loltooti Beniyaaminii worri jajjabaan shallaagaa hidhatane kum diddamii shan dhumatane.
47Namooti dhibbi jaa ammoo, deebi'anee gara goomole'ee gula rassaa Rimooniititti baqatanee, achitti ji'a afur turane. 48Israa'elooti gara lafa worra Beniyaaminii duubatti deebi'anee, namoota, hori'ii fi waan qachaa keessatti dhaggane mara shallaaga'aan ijjeesane; qachoota itti dhufane maralle ibiddaan gubane.

Did you know?
The War Against Benjamin
- The phrase 'from Dan to Beersheba' describes the full extent of the Promised Land from north to south, a distance of roughly 144 miles (230 km). The assembly gathered at Mizpah, a hilltop town located a few miles northwest of Jerusalem that regularly served as a meeting place during major national crises.Sources: Beersheba · Mizpah · the Bible text itself
- The text notes that Phinehas, son of Eleazar and grandson of Aaron, ministered before the Ark of the Covenant at Bethel when Israel inquired of God. This detail indicates that the civil war at Gibeah took place relatively early in the period of the judges, within two generations of the Exodus.Sources: Phinehas (Levite) · Eleazar · Aaron · Bethel (of Palestine)
- After devastating losses that nearly wiped out the tribe of Benjamin, only 600 surviving warriors managed to escape. They fled to the Rock of Rimmon, a steep hilltop site on the edge of the hill country, where they held out for four months.Sources: Rimmon · Gibeah · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Dan · Today: Tel Dan · 33.249, 35.652 · verse 1
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 1
- Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 1
- Maareh-geba · Today: within 2 km of Tel el Ful · 31.823, 35.231 · verse 33
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org