Nations Bible

Judges 17

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Waaqota Dharaa Ka Miikaan Huje

1Biyya koobittii Efreemii keessaa, namichi «Miikaa» jedhamu tokko jiraayyu. 2Inni haadha ifiitiin, «Meetiin kumi tokkoo fi dhibbi tokko si duraa yennaa hatante, ati nama si duraa hate abaartuun dhage'eera; kunoo, meetiin sun harka kiyya jirti; ka fudhatelle ana» jedhe.

Haati isaalle, «Ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa si eebbisu» jetteen. 3Inni meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko san deebisee, haadha ifiitiif kenne; haati isaalle, «Abaarsi kiyya si ilma kiyya akka hin dhaqqanne, aninuu meetii tana Mootii Waan Maraatiif adda baasa; waaqota dharaa muka irraa bocamee, meeti'iin gonfamulle'eef hin teeti; tanaaf meetii tana deebisee si'ii hin kenna» jetteen. 4Maarre yennaa inni meetii san haadha ifiititti deebisee kenne, isiin meetii san irraa dhibba lama fuutee, namicha meetii bassu ka muka bocee waaqa dharaa hujee, meetii itti gonfutti kennite; fakkii sanille mana Miika'aa keessa keyane.

5Namichi «Miikaa» jedhamu kun galma waaqota ifii itti waaqonfatu qabaayyu; inni woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi fakkii waaqotaa hujee, ilmaan ifii keessaa tokko akka hayyuu isaaf te'u file. 6Yennaa san Israa'el keessa mootiin waan hin jirreef, nami martinuu waanuma fedhe godhaayyu.

7Yennaa san dargaggeessi sanyii Lewwi'ii, ka gosa Yihuda'aa te'e, biyya Yihuda'aa keessa ka qachaa Betlihemii keessa le'u tokko jiraayyu. 8Namichi kun qachaa Betlihemii biyya Yihuda'aa keessaa lakkisee addee dhibii itti le'u barbaadatiisaaf adoo deemuu, gara mana Miika'aa ka biyya koobittii Efreemii keessa dhufe. 9Miikaan, «Eessaa dhutte?» jedhee isa gaafate.

Innille deebisee, «Ani sanyii Lewwi'ii ti; biyya Yihuda'aa qachaa Betlihemii keessaa addee dhibii itti le'u barbaadatiisaaf dhufe» jedhe. 10Achiin duuba Miikaan isaan, «Na bira tee'i; abbaalle, hayyuulle naaf te'i. Ani wogga'atti meetii kudhan, sagale'ee fi woyaalle si'iif hin kenna» jedhe. 11Maarre dargaggeessichi sanyii Lewwi'ii sun, Miikaa woliin tee'iisaaf wolii galee, akka ilma isaa isaaf te'e. 12Miikaan dargaggeessicha Lewwicha san hayyuu godhate; innille mana Miika'aa tee'e. 13Miikaalle, «Nami sanyii Lewwi'ii hayyuu kiyya waan te'eef, Mootiin Waan Maraa waan dansaa akka naaf godhu hin beeka» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Micah's Domestic Shrine

  • Micah, a man from the hill country of Ephraim, set up a private shrine containing carved and cast silver images, an ephod, and household idols. He initially ordained one of his own sons as his priest before hiring a traveling Levite to manage his shrine.Sources: the Bible text itself · Micah
  • The narrative notes that there was no king in Israel during those days and everyone did what was right in their own eyes. This account serves to illustrate the lawlessness and religious confusion of the period before the monarchy.Sources: the Bible text itself · Micah
  • A wandering Levite from Bethlehem in Judah agreed to serve as Micah's priest in exchange for food, clothing, and an annual wage of ten shekels of silver.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Bethlehem · 31.704, 35.208 · verses 7, 8, 9

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.