Nations Bible

Judges 14

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Fuudha Samsoonii

1Gaafa tokko Samsoon gara qachaa Tiimna'aa dhaqee, achitti intala Filisxeemotaa takka dhagge. 2Inni gara manaa deebi'ee abba'aa fi haadha ifiitiin, «Qachaa Tiimna'aatitti intala Filisxeemotaa takka dhaggeera, na fuusisa'a» jedhe.

3Abba'aa fi haati isaa ammoo, «Ati worra Filisxeemotaa ka haqanqabaa hin qabannee keessaa niitii fuudhiisaaf ka dhaxxu, fira keeti keessa yookiin kolbaa teenna mara keessa durri hin jirtuu?» jedhanee gaafatane.

Inni ammoo abbaa ifiitiin, «Isiin ilatti waan na tolteef na fuusisa'a» jedhe.

4Yennaa san worri Israa'el bulchu worra Filisxeemotaa waan te'aneef, Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaa irratti lola kaasuu waan barbaadeef tun akka teete, worri isaa hin beenne.

5Tanaaf Samsoon abba'aa fi haadha ifii woliin gara qachaa Tiimna'aa gad bu'e; isaan addee woynii Tiimna'aa yennaa geyane, neenqi dardarri tokko dhangaa dhowaa dedhuma gara isaa dhufe. 6Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon Samsoon irratti bu'ee, innille harka duwwa'aan, akka ilmee re'e'eetitti neenqa san gargar kukkute. Inni ammoo waan tolche san abba'aa fi haadha ifiititti hin hinne.

7Achiin duuba dhaqee intala woliin dubbate; isiille jaalate. 8Guyyoota diqqa'aan duuba Samsoon isii fuudhiisaaf deebi'ee adoo dhaquu, neenqa ijjeese san ilaaliisaaf itti gore; reeffa neenqaa keessatti kinniisi itti qubatee, dammille keessa jiruun dhagge; 9inni damma san harkatti baafatee, nyaataa deeme. Inni gara abba'aa fi haadha ifii yennaa dhufe diqqaa isaa isaaniif kennee, isaanille nyaatane. Inni ammoo damma san reeffa neenqaa keessaa akka baase isaanitti hin hinne.

10Abbaan isaa gara intala sanii dhaqee, akkuma aadaa waajibaaf godhanutti, Samsooniif achitti jila qopheesse. 11Worri Filisxeemotaa yennaa isa dhaggane, akka isa woliin turanu bookarsitoota soddoma ergane. 12Samsoon isaaniin, «Hiibboo takka isinitti hiibbifadha; hiibboo tana guyyoota jilaa torba kana keessatti yoo naa hintane, woyaa quncee talba'aa irraa hujante soddomaa fi woyaa adduu soddoma isiniif hin kenna. 13Isin yoo naaf himuu dhaddane ammoo, woyaa quncee talba'aa irraa hujante soddomaa fi woyaa adduu soddoma naaf hin kennitan» jedhe.

Isaanille, «Hiibbifadhu me, hin dhageenna» jedhane.

14Innille

«Ka nyaatu keessaa wonni nyaatanu,

Jabaa keessalle'ee wonni mi'owu baye» jedhe.

Isaan haga guyyaa sadii hiibboo san himuu hin dandeenne.

15Guyyaa torbeesso'oo isaan haadha manaa Samsooniitiin, «Abbaa manaa keeti sossobadhuutii, hiibboo tana akka nuu himu godhi; yoo tana godhuu dhadde, si'ii fi mana abbaa keetii ibiddaan hin gunna; ada isin deega nutti buusiisaaf gara jilaa nu waantanee?» jedhane.

16Tanaaf haati manaa ta Samsoonii bowaa gara isaa dhikaattee, «Ada ati na jibbita; ati dhugumaan na hin jaalattu; ati kolbaa tiyyatti hiibboo hiibbifattee, hiikkaa isi'ii ammoo natti hin hinne» jette.

Innille, «Ilaa! Ani abbaa kiyyaa fi haadha tiyyattuu hin hinne; si'itti maaf hima ree?» jedhe. 17Isiin guyyaa jilaa torba san mara bootte; isiin waan isa rakkitteef, guyyaa torbeesso'oo hiikkaa hiibbo'oo isi'itti hime; isiille kolbaa ifii worra Filisxeemotaatitti hinte. 18Namooti qachaa keessaa, guyyaa torbeesso'oo, adoo aduun hin seenin Samsooniin,

«Damma caalaa ka mi'owu,

neenqa caala ka jabaatu maanti jira ree?» jedhane.

Samsoonille deebisee,

«Raada tiyyaan adoo qotuu dhaddanee jiraattane,

hiikkaa hiibboo tiyyaa hin dhaggattanuuyyu» jedhe.

19Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon Samsoon irratti bu'ee, Samsoon gara Ashiqalonii gad dhaqee, namoota soddoma ijjeesee, woyaa isaanii irraa mulqee, worra hiibboo himeef kenne. Saniin duuba guddoo aaree gara mana abbaa ifii deebi'e; 20haadha manaa isaalle bookarsitoota guyyaa fuudha isaa keessaa, jaala isaa heerumsiisane.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Samson's Marriage and Riddle at Timnah

  • Samson's desire to marry a woman from Timnah, a town located about twenty miles west of Jerusalem, alarmed his parents. While Israel lived under Philistine dominion, marriages to Philistines were technically not among those forbidden by the Mosaic laws concerning the seven native Canaanite nations.Sources: Samson · Timnah · the Bible text itself
  • To provide the thirty changes of clothing promised in his wedding riddle, Samson traveled to Ashkelon, one of the five principal Philistine cities situated on the Mediterranean coast about twelve miles north of Gaza.Sources: Ashkelon · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Ashkelon · Today: Tel Ashkelon · 31.664, 34.546 · verse 19

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.