James 5
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ifi Eeggachiisa Dureeyyi'iif Kenname
1Amma isin dureeyyiille caqasa'a! Gaddi waan isinitti dhufaaruuf, wiiccifadha'aa bowa'a. 2Karri teessan alootteerti; woyaan teessanille bili'iin nyaatanteerti. 3Worqi'ii fi meetiin teessan ciilteerti; ciilli isaanii kun isin irratti dhugaa hin baya, akka ibiddaalle foon nafa keessanii hin nyaata. Guyyoota gara muumme'ee kana keessatti karra wolitti qabattaneertan. 4Caqasa'a! Worra fichaa keessan haamaa ooleef mindaan isin kaffaluu dhaddane isin irratti iyyiisatti jira; Goottaan Waan Mara Dade iyyansa isaanii dhage'eera. 5Isin qanani'ii fi gammadaan lafa irra leetaneertan; guyyaa itti qalantanuuf ifi gabbifattaneertan. 6Isin nama balchaa isin hin morminetti murtanee ijjeettaneertan.
Rakkinna Keessatti Ossatuu
7Obboleeyyan tiyya! Haga Goottaan deebi'ee dhufutti ossadha'a. Qonnaan bulaan tokko haga latti isaa bokkeya matoomaatii fi eege'ee dhaggattutti ossataa, midhaan gatii-qabeessa fichaan isaa kennu, akka inni eegatu ilaala'a. 8Isinille akkasuma ossadha'a! Guyyaan Goottaan dhufu waan dhikaatteef, gadhaa keessan jabeeffadha'a. 9Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin muranne wolitti hin gungumina'a! Kunoo yennaan abbaan mura'aa dhufu geetteerti.
10Obboleeyyan tiyya! Marroo rakkatiisaatii fi ossatiisaa, raagota maqaa Gootta'aatiin dubbatane akka fakkeennaatitti fudhadha'a! 11Worra ciniinnatee ossaa ture san, nuuti akka worra badhaadheetitti isaan ilaalla. Iyoob attam akka ciniinnatee osse dhageettaneertan; muummee irratti waan Goottaan godhe dhaggitaneertan; sababille Goottaan marara'aa fi gadhi-laafessa.
12Obboleeyyan tiyya! Waan mara caalaa hin kakatina'a! Ol-gubba'aan yookiin lafaan yookiin waan dhibiille'een hin kakatina'a! «Eetiin» teessan eeti, «Waawwoon» teessan waawwoo teetuu ti. Yoo akkas hin te'in, isinitti hin muranti.
Daadimata Dhugeeffanna'aa
13Odduu teessan nami rakkatiisatti jiru jiraa? Inni daadimatuu ti! Nami gammadeeru jiraa? Inni faaruu galataa faarfatuu ti. 14Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde'a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta'aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti. 15Daadimannaan dhugeeffanna'aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf. 16Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha'a, woliifille daadimadha'a! Daadimannaan nama balcha'aa hunnaametti'ii fi bu'aa qabeetti'i. 17Eliyaas namuma akka keennaatiiyyu; akka bokkeenni hin roonne yennaa jabeesse daadimate, woggaa sadii fi ji'a jaa lafa sanitti bokkeenni hin roonne. 18Yennaa inni deebi'ee daadimate ammoo, gubbaan bokkeya kennitee, lattille midhaan baache.
19Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami tokko dhugaa irraa goreeruun, nami dhibiin dhuga'atti yoo isa deebise, 20ka nama cubbaalessa cubbuu irraa deebisu, lubbuu nama cubbaalessaa du'a irraa fayyisee, cubbuu heddu'uufille akka inni araara dhaggatu akka godhe beekuu ti.

Did you know?
Wealth, patience, and prayer
- James 5 recalls Job’s perseverance and the outcome the Lord gave him. Easton's Bible Dictionary (1897) describes him as an Arabian patriarch who lived in the land of Uz and maintained his integrity amid sudden trials. It says God afterward granted him even greater prosperity than before, that he lived one hundred and forty years after the period of trial, and that he is an example of patience under severe calamity.Sources: the Bible text itself · Job
- James says Elijah was a man just like us. He prayed earnestly that it would not rain, and it did not rain on the land for three and a half years; he prayed again, and the heavens gave rain, and the earth yielded its crops. Easton's Bible Dictionary (1897) calls him the Tishbite, the “Elias” of the New Testament, and notes that he delivered a message from the Lord to Ahab.Sources: the Bible text itself · Elijah
- To encourage patience until the Lord’s coming, James points to the farmer who waits for the precious fruit of the soil and for the fall and spring rains, and he says the Judge is standing at the door. The same chapter warns that wages withheld from the workmen who mowed the fields are crying out, and that the harvesters’ cries have reached the ears of the Lord of Hosts.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org