James 3
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Arraba Leenjisuu
1Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami hedduun barsiisota hin te'ina'a. Sababille nuuti worri barsiisota teene worra kaan caalaa muraa akka fudhannu hin beettan. 2Nuuti martinuu dokonkora hedduu goona; nami dubbii ifiitiin hin dokonkorre, nama nafa ifii duudii toowatuu dande'u, nama miju'u.
3Fardi akka nu'uuf ajajamu bixaala afaan keessa keenna; gara feene isa geessina. 4Me hoboloo guddittii ilaala'a! Hoboloon guddoon adoo guddo'ootuu, qilleensa jabaalle'een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa. 5Akkasuma, arrabille qoqoodama nafaa keessaa waan diqqaa tokko adoo te'eeruu, waan gugurdo'oon ifi jaja. Gongomaan guddaan ibidda diqqaa tokkoon attam akka gubatu hubadha'a! 6Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu'utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qilee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le'ii teennaa duudii hin guba; ifille'eef ibidda qile'eetiin gubata.
7Nami bineensota adda addaa, sinbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande'a; leenjiseeralle'e. 8Nami arraba leenjisuu dande'u ammoo hin jiru; inni hadhaa du'aatiin ka guutamee fi hamaa hin toowatanne.
9Nuuti arrabaan Waaqa Abbaa keenna galateessina, isumaanuu namoota fakkeenna Waaqaatiin dadamane abaarra. 10Afaanuma tokkocha keessaa galataa fi abaarsi baya; obboleeyyan tiyya! Kun te'uu hin malle. 11Maddi tokkochi bisaan mi'owuu fi hadhowu hin maddaa? 12Obboleeyyan tiyya! Muki harru'uu midhaan ejersaa, muki woyni'iille midhaan harru'uu buusuu hin dande'aa? Akkasuma maddi horaa bisaan nami unu madduu hin dande'u.
Qarummaa Ol-gubba'aatii Fi Lafaa
13Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le'ii ifii dansa'aan, waan ifi gadi qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti. 14Gadhaa keessan keessatti hinaaffaa hadhoottu'uu fi ifi jaalachuu yoo qabaattane ammoo, ifi hin jajina'a! Dhugaa irralle'etti soba hin dubbatina'a! 15Qarummaan akkasii tun ta lafaa, ta ayyaantummaa hin qannee fi ta durriisaa ti malee, ta ol-gubbaa irraa dhuttee moti. 16Addee hinaaffa'aa fi ifi jaalatiis jirtutti hoga'aa fi waan hantuu maratti jira.
17Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti'i; akkasuma nageellitti'i, qajeeltu'u, ifi kennitu'u, mararti'ii fi midhaan dansa'aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre. 18Worri nageya buusu, nageya facaasee, midhaan balchumma'aa wolitti qabata.

Did you know?
The Tongue and Wisdom from Above
- The chapter opens by urging that not many should become teachers, since those who teach will be judged more strictly. It adds that everyone stumbles in many ways, and that anyone never at fault in what he says would be a perfect person, able to control the whole body.Sources: the Bible text itself
- The chapter compares the tongue to small things with large effects: bits in horses’ mouths guide the whole animal, and a very small rudder steers a large ship driven by strong winds. A small spark, it adds, sets a great forest ablaze. The tongue is called a small part of the body that boasts of great things, a fire no one can tame, even though people tame animals, birds, reptiles, and sea creatures.Sources: the Bible text itself
- The same mouth, the chapter says, both blesses the Lord and Father and curses people made in God’s likeness, and it says this should not be. It asks whether fresh and salt water can flow from the same spring, whether a fig tree can grow olives, or a grapevine bear figs. Wisdom from above is described as pure, peace-loving, gentle, and full of mercy, while jealousy and selfish ambition are linked with disorder and with wisdom called earthly, unspiritual, and demonic.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org