Nations Bible

Isaiah 7

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Ergaa Mooticha Ahaaziif Dhutte

1Bara akaakoon Uziya'aa ilmi Yotaamii Ahaaz, Yihudaa irratti mootii te'e, mootiin Sooriya'aa Resiinii fi mootiin Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan, Yerusaalem loliisaaf itti duulane; ammoo isii injifatiisa hin dandeenne.

2Worri Sooriya'aatii fi worri Efreemii akka wolii galane, mootiin Yihuda'aa Ahaaz yennaa dhage'e, akkuma muki badda'aa qilleensaan raafamu, gadhaan isaatii fi gadhaan kolbaa isaa raafame.

3Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Isaayaasiin, «Atii fi ilmi keeti She'aariyaashub, Ahaaziin wol dhaggiisaaf, gara dhuma anguree gatiitti'ii ka karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu dhaqiitii, 4isaan, ‹Ifi eeggadhu; cadhisi; hin sodaatin. Aarii Resiiniitiin, aarii Sooriya'aatii fi aarii ilma Remaaliya'aa ta akka jirma lamaan ibidda irraa hafanee aaranuutiin, gadhaan keeti hin sheephisin› jedhiin. 5Worri Sooriya'aa, worri Efreemiitii fi ilmi Remaaliya'aa si balleessiisaaf mala dhowanee, 6‹Kowa'a, biyya Yihuda'aa qabannee bittinneessinee qoodanna. Ilma Xaabe'eliille irratti mootii goona› jedhan.

7«Ani Goottaan, Mootiin Waan Maraa ammoo, ‹Malli isaanii kun hin te'u; hin muummowulle'e. 8Mataan Sooriya'aa Damaasqoo, mataan Damaasqo'oo Resiin waan te'eef, woggoota jaatamii shan keessatti Israa'el bittinnoottee, kolbaa biyya tokkoo te'iis isi'ii hin hafa. 9Mataan Israa'elii Samaariya'a; mataan Samaariya'aalle ilma Remaaliya'aa ti.

«‹Addi'iin yoo hin jabaatin, ijjumaa dhaabbatiisa hin dandeettanu› jedha» jedhe.

Beessisa Marroo Amaanu'elii

10Ammalle Mootiin Waan Maraa Ahaaziin, 11«Qilee qile'een jalaatii yookiin gubbaa ol-gubba'aatii beessisa akka si'iif kennu ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti gaafadhu» jedhe.

12Ahaaz ammoo deebisee, «Ani hin gaafadhu; Mootii Waan Maraa haga hin ilaalu» jedhe.

13Achiin duuba Isaayaas, «Ee sanyii Daawitii, dhage'a'a! Ossa namaa haga ilaaliis isin hanqatee, Mootii Waan Maraa kiyyalle haga ilaaltanii? 14Tanaaf Mootiin Waan Maraa ifiifuu beessisa isiniif hin kenna; kunoo, durri duudduun ulfoottee, ilma hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu'el› jettee hin waanti. 15Inni waan hantuu jibbiisa, waan dansaa filatiisa yennaa beeketti, dhadha'aa fi damma hin nyaata. 16Mucaan kun waan hantuu jibbiisa, waan dansaa filatiisa adoo hin beekiniin dura, latti mootota lamaan ati sodaattuu hin onti.

17«Mootii Asoorii si irratti kakkaasiisaan, guyyaa Israa'el Yihudaa irraa gargar baateen jalqabee, bara rakkinnaa ka te'ee hin beenne, Mootiin Waan Maraa si irratti, kolbaa teetii fi sanyii abbootii teeti ta durii irratti hin fida.

18«Guyyaa san Mootiin Waan Maraa laga Gibxi'ii ka fago'oo irraa tiiticha, lafa Asoorii irraa kinniisa siiqu'uun sitti hin waama. 19Isaan marti dhufanee dhooqa lafaa keessa, baqaqa rassa'aa keessa, haxanxarii qore'ee mara irraa fi addee boolla bisaanii maratti hin qubatan.

20«Guyyaa san Mootiin Waan Maraa, haaduu laga Efraaxiisiitiin gamaa kireeffate, mootii Asooriitiin, rifeensa keessan ka mata'aatii fi ka nafaa, areeda keessanille hin haada.

21«Guyyaa san nami tokko goronsa tokkoo fi hoolee lama qofa hin qabaata; 22isaan waan mirganuuf, inni dhadhaa hin nyaata. Worri lafa sanitti hafu marti dhadha'aa fi damma hin nyaatan.

23«Guyyaa san addeen muki woyni'ii kum jiru, ta gatiin isi'iille meetii kuma geettu qumi'uudu'uu fi qore'een guutanti. 24Latti sun qore'ee fi qumi'uudu'uun waan guutantuuf, namooti guube'ee fi daaya qabatanee achi hin dhaqanu. 25Qumi'uudu'uu fi qoree sodaatiisaan gara Koobota dur qotto'oon qotantuu haganaa achi hin dhaqanu; kooboti sun addee loonii tikatanuu fi addee hooleen burraaxxu hin teeti» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Sign of Immanuel and the Threat to Judah

  • During the reign of King Ahaz of Judah, King Rezin of Aram (Syria) and King Pekah of Israel formed an alliance to besiege Jerusalem and install a puppet ruler. Isaiah urged Ahaz not to fear them, describing the two hostile kings as mere smoldering stubs of firewood.Sources: the Bible text itself · Ahaz · Rezin · Pekah
  • Isaiah and his son Shear-jashub were directed to meet Ahaz near the aqueduct of the upper pool on the road to the Launderer's Field. Located west of Jerusalem, this open area was used by workers to wash and dry cloth outside the city walls.Sources: the Bible text itself · Field · Isaiah
  • Although Ahaz sought military assistance from Assyria against his northern neighbors, Isaiah warned that relying on foreign empires would ultimately bring Assyrian devastation upon the land of Judah.Sources: the Bible text itself · Ahaz

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 6
  • Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verses 1, 2, 4, 5, 8
  • Upper Pool · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 3
  • Damascus · 33.511, 36.306 · verse 8
  • Samaria · 32.276, 35.195 · verse 9
  • Assyria · 36.359, 43.153 · verses 17, 18, 20
  • Egypt · 30.129, 31.308 · verse 18
  • Nile · Today: Nile River · 31.465, 30.367 · verse 18
  • Euphrates · Today: Euphrates River · 31.004, 47.442 · verse 20

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.