Isaiah 47
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Jinnana Baabilonii
1«Ee durrittii Baabilonii,
gad bu'iitii bukuu irra tee'i.
Ee durrittii Baabilonii,
barcumaa mootummaa teetii irraa ka'iitii, lafa irra tee'i;
ati haganaa achi,
‹Bosoqqee yookiin shaggittii› hin jedhantu.
2Shaashii teeti ta hagooggatte ifi irraa fuudhiitii,
daakuu fudhadhuutii midhaan daaki;
woyaa teeti ifi irraa shooqadhuu
sarbaa teeti mudhisaa,
laga gamatti bu'i.
3Qullaa jirtuun kolbaan si hin dhaggiti;
nafi hilaa keeti hin mudhata;
Ani haluu hin baya; nama tokkolle hin hamburu» jedhe.
4Ka nu wodu Woyyicha Israa'elii,
maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
5Mootiin Waan Maraa Baabiloniin,
«Ee intala Baabilonii,
dhaqiitii, cadhisii dukkana keessa tee'i.
Haganaa achi, ‹Giittii mootummoota› jedhantee hin waammantu.
6Ani kolbaa tiyyatti aaree,
akka batti'iititti isaan laakkowee
harka keetitti dabarsee isaan kenne.
Ati isaaniif hin mararre;
ati worra dulloomettuu,
waanjoo ulfaattuu itti feete.
7Ati, ‹Ani haga bara baraa giittii hin te'a› jette malee,
waan tolchite hin qaabanne;
muummee waan saniille hin beenne.
8«Ee ati ta qananummaa jaalattu!
Ta bidhaa malee teettu,
gadhaa keeti keessatti,
‹Ana malee nami dhibiin hin jiru;
ani ijjumaa haadha hiyyeessaa hin te'u;
yookiin ijoolleen tiyyalle na duraa hin duutu› ta jettu dhage'i!
9Ati xano'oo fi falfala hedduu qabaatulle,
duuti ijoolle'eetii fi haadha hiyyeessaa te'iis,
wonni lamaan kun dedhuma guyyaa tokkotti sitti hin dhufan.
10Ati hammeenna keetitti addattee,
‹Nami na dhaggu hin jiru› jette;
Qarumma'aa fi beekkumsi keeti si dokonkorsee,
gadhaa keeti keessatti,
‹Ani anuma; ana malee nami dhibiin hin jiru› jette.
11Wonni hantuun ati xano'oon ifi irraa fageessiisa hin dandeenne
sitti hin dhutti;
balaan ati ifi irraa dhooggatiisa hin dandeenne
sitti hin dhufa;
badiin ati hin beennelle dedhuma sitti hin dhutti.
12«Xano'oo fi falfala keeti
ka ijoollummaa teetiin jalqadde, itti fufi.
Akka wotoo si'iif hin milkootti
yookiin diinota keeti sodaachisiisaaf
si hin qarqaaran fa'a.
13Gorsa bacaa dhage'iis si dadhassiiseera;
worri gubbaa qorqoru,
ka ji'uma ji'aan urjii ilaalee
waan gara duraa te'u himu,
gara duraa dhufee
waan sitti dhufu jalaa si baasuu ti.
14Kunoo, isaan akka huuraa ti;
ibiddi isaan hin nyaata.
Isaan hunna bobe'a ibiddaa san jalaa
ifi baasuu hin dande'anu;
kashilli nami o'ifatu hin hafu yookiin
ibiddi bira tee'anee o'ifatanulle hin jiraatu.
15Daldaltooti teeti ta ati ijoollummaa teeti irraa jalqaddee,
woliin elootte akkasuma.
Tokko tokkoon isaanii dokonkora ifiitiin deeman;
nami si baasu tokkolle hin jiru» jedha.

Did you know?
The Fall of Babylon
- Babylon is personified as a pampered queen and royal daughter who is abruptly humiliated. Instead of sitting securely on a throne in luxury, she is commanded to sit in the dust and perform the menial labor of an enslaved worker, grinding flour with millstones.Sources: the Bible text itself
- The chapter highlights Babylon's reliance on occult practices and stargazing. The prophet challenges the city's astrologers, sorcerers, and monthly omen-casters to step forward, declaring that their arts will be completely burned up like stubble and unable to prevent sudden ruin.Sources: the Bible text itself
- Babylon, situated along the Euphrates River in Chaldea, had been allowed to rule over God's people as an instrument of judgment. However, the text rebukes the empire for showing no mercy, noting that it placed heavy yokes even upon the elderly.Sources: Babylon · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org