Nations Bible

Isaiah 39

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Ergantoota Baabilon Irraa Dhutte

1Yennaa san mootiin Baabilonii ilmi Baladaanii Merodaak-Baladaan, Hisqiyaas dhibamee akka fayye dhage'ee, xalaya'aa fi kennansa isaaf erge. 2Hisqiyaas ergantoota san gammadaan fudhatee, karra mana karri mootumma'aa keessatti kuufame keessa jirtu mara meetii, worqii, uddowaa adda addaa, fiqiree gatii guddo'oo, mana meya woraanaa ka karra mana mootumma'aatii fi karra mootummaa isaa keessatti dhaggantu mara tokkolle adoo hin hamburin isaanitti mudhise. 3Achiin duuba raagichi Isaayaas gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqee, «Worri kun maan si'iin jedhane? Isaan eessaa dhufane?» jedhee gaafate;

Hisqiyaas deebisee, «Isaan biyya fago'oo Baabilon irraa dhufane» jedhe.

4Maarre Isaayaas, «Isaan mana mootumma'aa keeti keessatti maan dhaggane?» jedheen.

Hisqiyaas deebisee, «Isaan waan mana mootumma'aa kiyya keessaa mara dhagganeeran; karra tiyya keessaa wonni ani isaanitti hin mudhisin tokkolle hin jiru» jedhe.

5Achiin duuba Isaayaas mootichaan, «Jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee dhage'i! 6Mootiin Waan Maraa, ‹Karri mana mootummaa teeti keessaatii fi karri abbootiin teeti ta durii haga adhaa wolitti qabatte marti gara biyya Baabilonii guyyaan fudhatamanu hin dhufa; wonni tokkolle si'iif hin hafu. 7Ilmaan teeti ta uumattu keessaa gariin gara biyya Baabilonii hin fudhataman; mana mootummaa mootii Baabilonii keessatti guneessota te'anee hin tajaajilan› jedha» jedhe. 8Achiin duuba Mootichi Hisqiyaas, «Haga ani jiru nageennii fi gabbiin hin te'a» jedhee waan yaadateef, Isaayaasiin «Jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dansa'a» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Envoys from Babylon

  • Merodach-baladan, the son of Baladan, was a Chaldean ruler who became king in Babylon along the Euphrates River. When he heard of King Hezekiah's illness and recovery, he sent emissaries carrying letters and a gift to Jerusalem.Sources: Merodach-baladan · Baladan · Babylon · the Bible text itself
  • Hezekiah welcomed the Babylonian envoys and showed them all his royal storehouses, including silver, gold, spices, precious oil, and his entire armory. Following this display, the prophet Isaiah confronted the king and foretold that these treasures and royal descendants would eventually be carried away to Babylon.Sources: Hezekiah · Isaiah · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Babylon · 32.543, 44.422 · verses 1, 3, 6, 7

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.