Isaiah 37
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Hisqiyaas Akka Isaayaas Isa Gorsu Gaafate
1Mootichi Hisqiyaas tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; woyaa gaddeelle uffatee gara Galma Mootii Waan Maraa seene. 2Inni itti gaafatamaa mana mootumma'aa Eliyaaqim, barreessaa mana mootumma'aa Shebna'aa fi hayyootaa keessaa worra jaarsole'etti woyaa gaddaa uffisee, gara Isaayaasii raagicha ilma Amosii isaan erge. 3Isaan Isaayaasiin, «Mootichi Hisqiyaas, ‹Barri kun bara rakkinnaa, bara adabbi'iitii fi bara salphinnaa ti; akka dubartii deyiisa geettee hunna ittiin ciniinsifattee deettu dhadduu ti. 4Dubbii ajajaa loltootaa Rabshaaqeenii ta goottaan isaa mootiin Asoorii isa ergee, Waaqa jiraata'atti akka inni murgu godhe tana dhage'ee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isa hin adaba fa te'aa, worra hafeef daadimadhu› jedha» jedhane.
5Tajaajiltooti Hisqiyaasii mootichaa gara Isaayaasii yennaa dhufane, 6inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, goottaa keessaniin, ‹Dubbii tajaajiltooti mootii Asoorii na faanshessite waan dhageetteef hin sodaatin. 7Kunoo, ani ayyaana akka inni oduu dhage'ee gara biyya ifii deebi'u isa godhu isaaf hin kenna; achitti shallaaga'aan akka inni du'u hin godha› jedheera, jedha'aatii itti hima'a» jedhe.
Senaaheriib Ammalle Mooticha Yihuda'aatitti Roorrise
8Mootiin Asoorii qachaa Laakiishii lakkisee akka deeme, ajajaan loltoota Asoorii dhage'ee yennaa deebi'e, inni qachaa Liibna'aa loliisatti jiruun dhagge. 9Mootiin Itoophiya'aa Tiirhaaqaan akka isa loliisaaf dhufaaru Senaaheriib yennaa dhage'e, Hisqiyaasitti namoota ergee, 10«Ee Mootii Yihuda'aa Hisqiyaas! Waaqi ati itti addattu sun, ‹Yerusaalem harka mootii Asooriititti dabarfantee hin kennantu› jedhee si hin sobin. 11Kunoo, ati waan moototi Asoorii biyyoota mara godhane, akka isaan ijjumaa isaan balleessane dhageetteerta; ati hin baata seetaa? 12Kolbaa qachaa Gozaanii, kolbaa qachaa Kaaraaniitii fi kolbaa qachaa Rezeefii, akkasuma kolbaa Edenii ta Tel-Asaar keessa leetuu ta abbootiin tiyya ta durii balleessite, Waaqoti gosa biyya adda addaa isaan baasaneeranii ree? 13Moototi qachoota Haamaatii, Arphaadii, Sefarwaayimii, Henaatii fi Iiwaa meet ree?» jedhe.
Daadimata Hisqiyaasii
14Mootichi Hisqiyaas worra ergame irraa xalayaa fuudhee dubbise; achiin duuba gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee, xalayaa san Mootii Waan Maraa duratti diriirsee, 15isa daadimatee, 16«Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, Waaqa Israa'elii, ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduun gubbaa barcumaa mootumma'aa irra teetteertu, Waaqi mootota biyya lafaa maraa si qofa; ati lafaa fi ol-gubbaa daddeerta. 17Ee Mootii Waan Maraa, gurra keeti gara keenna deebifadhuu dhage'i; ila teetille banadhuutii ilaali; jecha Senaaheriib si Waaqa jiraataa arrassiisaaf erge dhage'i. 18Ee Mootiin Waan Maraa, moototi Asoorii gosa biyya adda addaatii fi lafa isaanii mara dhugumaan balleessaneeran; 19waaqota isaaniille ka dhaka'aa fi muka irraa harka namaatiin bocamanee hujamane gubanee balleessaneeran. 20Ammalle, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna! Mootummaan lafaa marti, Mootiin Waan Maraa Waaqi si qofa akka te'e akka beekanuuf, harka mootii Asoorii jalaa nu baasi» jedhe.
Ergaa Isaayaas Mooticha Hisqiyaasitti Erge
21Achiin duuba ilmi Amosii Isaayaas ergaa gara Hisqiyaasii ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani waan ati marroo Senaaheriibii mootii Asooriitiif daadimatte dhage'eera› jedha. 22Mootii Waan Maraa marroo isaatiif, ‹Ee Senaaheriib, kolbaan Yerusaalemii si tuffattee sitti murgiti; si'ii dheettuun kolbaan Yerusaalemii si duubaan sitti kolliti. 23Ka ati arrassitee fi ka ati faanshessite eennu? Ati eennu irratti barooddee ila teeti baache? Ana woyyicha Israa'elii irratti motii?› jedha 24Ati karaa ergantoota teetiitiin, Mootii Waan Maraa irratti murgitee, ‹Ani garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu heddu'uun gara qaccee gaarotaatitti, qaccee gaarota Libaanoniititti ol bayeera; qaccee gaarota sanii irraa hindheensa dhedheera'aa fi birbirsa dadansaa jijjisseera; gara gongomaa ciggaa addee ol kaate irra jiru keessa seeneera. 25Biyya ormaa keessatti boolla bisaanii qotee, bisaan achii uneera; faana miila kiyyaatiin lagoota Gibxi'ii mara gosseera› jette.
26«Mootiin Waan Maraa, ‹Waan amma te'e kana akka ani qopheesse, bara heddu'uun dura karoora akka baase, qachoota dalleya dhaka'aa qabanu akka ati butuchitu, tuulaa kosi'iille akka ati isaan gootu, akka ani godhe ati hin dhageennee? 27Kolbaan qachoota san keessa leetu hunna dhaddee, sodaattee qaanotteerti; akka biqiltuu diida keessaa yookiin akka marra lattu'uu, akka marra mana irratti latee, akka midhaan qilleensaan qooree te'aneeran.
28«‹Ani ammoo ka'aa fi teessoo teeti, bayaa fi gala keeti, aari'iin na irratti ka'iisa keeti beekeera. 29Ati aari'iin na irratti waan kaateef, kooriisa keetille waan dhage'eef, ani saganaa kiyya funnaan keetitti, bixaala kiyya afaan keetitti keyee, karuma dhutte si deebisa› jedha» jedhe.
30Isaayaas ammalle mooticha Hisqiyaasiin, «Tun beessisa si'iif hin teeti: ‹Baranaa fi bara dhufu midhaan haaga'ee hin nyaatta; woggaa sadeesso'oo ammoo midhaan facaattee hin haammatta yookiin muka woyni'ii dhaabbattee midhaan isi'ii hin nyaatta.
31«‹Sanyii Yihuda'aa keessaa worri miliqee hafe,
akka mukaa hidda gad yaafatee
midhaan hedduu hin buusa.
32Worri Yerusaalem keessatti baraaree hafanee fi
worri gaara Xiyoonii irratti lubbu'uun hafane hin dhufan;
hinaaffaan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee
tana hin gooti› jedhe.
33«Tanaaf Mootiin Waan Maraa marroo mootii Asoorii, ‹Inni qachaa kana hin seenu yookiin daaya as itti hin darbatu; wontee qabattee itti hin dhikaattu yookiin kushee itti hin ijaarratu. 34Inni karuma dhufe deebi'a malee, qachaa kana hin seenu. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. 35Ani ulfinna kiyyaa fi waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee, qachaa kana hin eega; hin hamburalle'e› jedheera» jedhe.
36Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa bayee, quttuma worra Asoorii keessatti, namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan ijjeese; boruyyaa ganama namooti yennaa ka'anu, nami marti du'eeruun dhaggane. 37Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib, addee quttumaa san lakkisee gara qachaa Nanawwe'ee deebi'ee achi le'e. 38Gaafa tokko inni galma seenee waaqa ifii ka «Nisroo» jedhamu waaqonfatiisatti adoo jiruu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer shallaaga'aan isa ijjeesanee, gara lafa Araaraatiititti baqatane; addee isaatitti ilmi isaa Esaar-hadon mootii te'e.

Did you know?
Hezekiah's Prayer and the Deliverance of Jerusalem
- When King Hezekiah received the threatening letter from the Assyrian king Sennacherib, he went up to the temple in Jerusalem and spread the document out before God in prayer. He emphasized that the deities of other conquered nations had fallen because they were merely human handiwork made of wood and stone, unlike the living God.Sources: the Bible text itself · Hezekiah
- The chapter mentions Tirhakah, king of Cush, who advanced to fight against Sennacherib. Cush and Egypt were unified under Ethiopian rulers during this period, presenting a substantial southern military power that contested Assyrian expansion.Sources: Tirhakah · Cush · the Bible text itself
- After the disaster that decimated his army outside Jerusalem, Sennacherib withdrew to his capital at Nineveh. While he was worshipping in the temple of his god Nisroch, his sons Adrammelech and Sharezer assassinated him.Sources: the Bible text itself · Sennacherib · Adrammelech
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Assyria · 36.359, 43.153 · verses 4, 6, 8, 10, 11, 18, 21, 33, 37, 38
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 8, 9, 10, 22, 32, 33
- Lachish · Today: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · verse 8
- Cush · Today: Cush 1 · 16.935, 33.751 · verse 9
- Eden · Today: Beth-eden · 36.701, 38.087 · verse 12
- Haran · Today: Harran · 36.864, 39.033 · verse 12
- Hamath · Today: Hama · 35.136, 36.750 · verse 13
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 22
- Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 24
- Mount Carmel · 32.672, 35.023 · verse 24
- Egypt · 30.129, 31.308 · verse 25
- Mount Zion · 31.772, 35.229 · verse 32
- Nineveh · 36.359, 43.153 · verse 37
- Ararat · Today: Urartu · 39.703, 44.300 · verse 38
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org