Isaiah 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Nageya Bara baraa
1Ilmi Amosii Isaayaas marroo Yihuda'aatii fi Yerusaalemii waan asii gad jiru dhagge.
2Bara muumme'eetitti
gaarri Galmi Waaqaa irra jiru,
gaarota mara hin caalaa;
koobota mara caalaa ol hin ka'a.
Gosi biyya adda addaa marti
gara isaa hin yaati;
3kolbaan hedduun dhuttee,
«Xiyoon keessaa seerri,
Yerusaalem keessaalle'ee
jechi Mootii Waan Maraa waan bayuuf,
karaa ifii akka inni nu barsiisuuf,
nuutille daandii isaa irra akka ideennuuf,
kowa'a gara gaara Mootii Waan Maraa,
gara Galma Waaqa Yaaqoobii
ol baanaa!» hin jetti.
4Inni gosa biyya adda addaa oddu'utti
muraa kennee,
wolii gala dhaba kolbaa heddu'uulle
hin balleessa.
Isaan shallaagaa ifii tumanee qottoo,
eboo ifiille haantuu hin godhatan;
gosi biyya adda addaa
shallaaga'aan wolitti hin kaatu;
isaan deebi'anee lola hin baratanu.
5Ee, sanyii Yaaqoobii
kowa'a, ifa Mootii Waan Maraa keessa deddeebina!
Guyyaa Mootii Waan Maraa
6Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobii lakkitteerta; isaan moruu worra gara aduun baatuutiin guutamanee, akka worra Filisxeemotaa moran; orma woliin harka dhowan. 7Latti isaanii meeti'ii fi worqi'iin guutanteerti; karri isaanii haga hin qaddu; lafa isaanii keessa fardoon guutteerti; garreettaan isaanii ka fardaan harkifamu haga hin qabu. 8Latti isaanii waaqota dharaatiin guutanteerti; isaan waanuma harka ifiitiin hujanetti sagadan. 9Maarre, sanyiin namaa gad jetteerti; nami marti qaanoweera; Waaqa, isaaniif hin araaramin!
10Aarii Mootii Waan Maraatii fi hunnaa isaa guddoo duraa gara rassa'aa dhaqa'aatii, lafa keessatti dhokadha'a. 11Ilti nama kooruu lafa hin ilaalti; worri ifi saadu hin salphata; guyyaa san Mootii Waan Maraa qofatti ulfinnaan ol ol jedha. 12Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, worra kooruu fi ifi saadu irratti, 13hindheensa dhedheeraa Libaanoniitii fi qilxaa Baashaanii mara irratti, 14gaarota dhedheera'aa fi koobota ol kaate mara irratti, 15xelleephoo dhedheertu'uu fi dalleya dhaka'aa mara irratti, 16hoboloota gugurdoo Tarshiishiitii fi hoboloota mimmidhaaddu mara irratti guyyaa dhufu qaba. 17Ifi saaduun namaa hin baddi; koorri namaalle hin hafa; guyyaa san Mootii Waan Maraa qofatti ulfinnaan ol ol jedha. 18Waaqoti dharaa ijjumaa hin badan.
19Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya lafaa tachoosiisaaf ka'u, namooti aarii isaatii fi hunna isaa guddoo duraa gara goda rassa'aatii fi boolla lafaa hin baqatan. 20Guyyaa san namooti waaqota dharaa waaqonfatiisaaf, meeti'ii fi worqii irraa ka hujatane tuqa'aa fi cirrichoo duratti hin gatan. 21Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya lafaa tachoosiisaaf ka'u, namooti aarii isaatii fi hunna isaa guddoo duraa goda rassa'aatii fi dho'a rassa'aa keessa hin seenan.
22Nama du'u ka hafuurri isaa funnaanirra jirutti hin addatina'a; inni bu'aa hin qabu.
Did you know?
The Mountain of the Lord and the Day of Judgment
- Isaiah envisions a future where Mount Zion, the south-eastern hill of Jerusalem, becomes the central place of instruction for all nations. In this vision of universal peace, peoples abandon warfare, beating their swords into plowshares and their spears into pruning hooks.Sources: the Bible text itself · Zion · Jerusalem
- To illustrate human pride being brought low on the Day of the Lord, the prophet highlights regional symbols of stature and power, such as the lofty cedars of the Lebanon mountain range, the sturdy oaks of Bashan, and large trading vessels known as ships of Tarshish.Sources: the Bible text itself · Lebanon · Bashan · Tarshish
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 3
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 3
- East · Today: region around Amman · 31.955, 35.934 · verse 6
- Bashan · 32.781, 35.935 · verse 13
- Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 13
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org