Nations Bible

Isaiah 16

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Addii Dhabiisa Mo'aabii

1Isin worri Mo'aabii qachaa Shela'aa irraa, karaa goomole'eetiin bulchaa lafaa ka gaara Xiyoonii irratti dhaggamuuf, buruusota hoole'ee erga'a. 2Ijoolleen durraa ta Mo'aabii malkaa Aarnonii irratti akka sinbirroota mana ifii irraa ari'antee, asii fi achi hin joonjan.

3Worri Mo'aabii kolbaa Yihuda'aatiin, «Nutti gorsa'a; murtee nu'uuf kenna'a. Aduu saafowaa irraa gaaddisa nu'uuf te'a'a; nu worra isinitti baqatu dhossa'a; dabarsitaneelle nu hin kennina'a. 4Nu worri biyya Mo'aabii keessaa baqanne, odduu teessan qubannuu ti; worra nu balleessu jalalle'ee nu dhossa'a» hin jedhan.

Worri nama cunqursu lafa irraa hin bada; badiin hin jiraattu; worri nama miidhu lafa irraa hin bada. 5Achiin duuba jaalala bara baraatiin barcumaan mootumma'aa tokko hin dhaabama; sanyii Daawitii keessaa ka addatamu tokko, ka muraa dhuga'aa muruu fi ka waan sirrii te'elle dafee muummessu, irra hin tee'a.

6Kolbaan Yihuda'aa, «Kooriisa kolbaa Mo'aabii, bondhooriisa, ifi jajiisaa fi tuffii isi'ii dhageenneerra; kooriisi isi'ii ammoo gatii hin qabu» hin jetti.

7Tanaaf kolbaan Mo'aabii wiiccifattee hin bootti; isaan martinuu Mo'aabiif wiiccifatanee hin bowan; isaan sagalee dansaa qachaa Qir-Heresiitii yennaa qaabatane gaddanee hin bowan. 8Fichaan qachaa Heshiboonii keessa jiru, muki woyni'ii Siibmaa keessalle qooreera; woynii dansaa ta haga qachaa Yaazeriitii, haga goomole'eetii fi haga abbaaya'aan gamaa geette, bulchitooti gosa biyya adda addaa irra sirbaneeran. 9Tanaaf akkuma kolbaan qachaa Yaazerii muka woyni'ii Siibma'aatiif bootte, anille hin bowa. Ee, Heshiboon! Ee, Ele'aale! Midhaan muka keessaniitii fi midhaan keessan dhabannaan, ililleettiin yennaa midhaan galfattanuu waan hatteef, ani imimmaan dhangalaasee hin bowa. 10Gammadaa fi ililleettiin fichaa midhaan baasu keessaa dhabante; fichaa woyni'ii keessatti ka geleluu fi ilillisu hin jiru; ani gelelee waan balleesseef, nami woynii cunfu addee woynii itti cunfanu hin jiru. 11Tanaaf gadhaan kiyya Mo'aabiif, keessi kiyyalle Qir-Heresiif, akka qoonqoo kiraara guddichaa gaddaan gunguma. 12Kolbaan Mo'aabii gara addee waaqonfannaa ifii yoo ol baatelle, toluma elootti; daadimatiisaaf gara addee itti waaqonfattuu yennaa dhaxxulle, bu'aa hin qaddu.

13Wonni kun waan Mootiin Waan Maraa dur marroo Mo'aabiitiif dubbate. 14Amma ammoo Mootiin Waan Maraa, «Akka woggaa nama yenna'aaf qaxaramee hujuu, ulfinni Mo'aabiitii fi baceenni kolbaa isi'ii woggaa sad keessatti gad hin deebi'a; worri jiru'uun hafelle diqqa'aa fi dadhabaa hin te'a» jedha.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Moab's Plea and the Ruin of Its Vineyards

  • Moabite fugitives are urged to seek shelter by sending tribute lambs across the desert from Sela to Mount Zion in Jerusalem, where a righteous judge from the line of David rules in faithfulness.Sources: Sela · Zion · the Bible text itself
  • The chapter's lament focuses heavily on the loss of Moab's famous viticulture, mourning the ruined grapevines and silent winepresses of towns such as Sibmah, Heshbon, and Jazer.Sources: Sibmah · Heshbon · Jazer · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 1
  • Arnon · Today: Wadi Mujib · 31.466, 35.573 · verse 2
  • Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verses 2, 3, 4, 6, 7, 8, 11, 12, 13, 14
  • Salt Sea · Today: Dead Sea · 31.500, 35.500 · verse 8

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.