Nations Bible

Hosea 9

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Adabbii Israa'el Dhaqqaddu

1Ee Israa'el, ati Waaqa keeti irratti akka sagaagaltu'uu teeteerta; addee eeddumme'ee maratti gatii sagaagaltootaa waan jaalatteef, hin firinxiixin; akka gosi biyya adda addaa ilillittu hin ilillisin. 2Eeddummee keessatti midhaan, addee woynii itti cunfanu keessalle'etti woyniin hin dhaggantu; daadhiin woyni'ii haarettille hin jiraattu. 3Isaan lafa Mootii Waan Maraa keessa hin turanu; kolbaan Efreemii gara biyya Gibxi'ii hin deebiti; biyya Asoorii keessalle'etti sagalee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in hin nyaatti. 4Isaan dhibaayyuu daadhii woyni'ii Mootii Waan Maraatiif hin dhibaasanu; ciincaan isaanii isa hin gammachiittu; ciincaan akkasii sun isaaniif akka sagalee haqaqo'oo ti; ka sagalee san nyaatu marti batticha hin te'a; sagaleen tun isaanuma qofaaf hin teeti; Galma Waaqaa keessatti ciincaa te'iisa hin dandeettu. 5Guyyaa jila teessan ta beekkantee irratti, guyyaa jila Mootii Waan Maraa irratti, maan godhu'uu jirtan ree? 6Isaan badii jalaa bayanelle, Gibxi isaan wolitti hin qaddi; qachaa Memfiisiititti hin awwaalaman. Qabeenna isaanii ka meeti'ii raaqi irra hin dacha'a; dunkaanii isaaniille qoreettiin irra hin yaati.

7Guyyaan adabbi'ii dhufeera; guyyaan mura'aa dhikaateera; Israa'el tana beettuu ti. Cubbuun teessan bacaa, yakkaan teessanille guddoo waan teeteef, raagichi akka gowwa'aa, nami ayyaana Waaqaatiin guutame akka maraata'aa laakkowameera. 8Raagichi, Waaqa kiyya woliin nama kolbaa Efreemii eegu; te'uu malee karaa isaa mara irratti tiyyoon, mana Waaqa isaa keessalle'etti diinummaan isa eeddi. 9Akkuma bara qachaa Giibe'aatitti te'e, isaan battummaa keessa lixane; Waaqi hammeenna isaanii hin qaabata; cubbuu isaaniitiif isaan hin adaba.

Sababa Cubbu'uutiif Waan Israa'elitti Dhufe

10Mootiin Waan Maraa, «Ani yennaa Israa'el dhagge, akka nama goomolee keessatti unkuruura woyni'ii dhaggee ti; ani yennaa abbootii teessan dhagge, akka nama midhaan qaraa muka harru'uu irratti dhaggee ti. Isaan ammoo yennaa gara Ba'aal Phe'orii dhufane, waaqa dharaa fokkisiisaa saniif adda ifi baasane; akkuma waaqa dharaa ka jaalatanuu san battoolee te'ane. 11Ulfinni Efreemii akka sinbirre'ee ka'ee hin bada; deyiis, ulfoyiis, gadha'atti hafiis hin jiraattu. 12Isaan yoo ijoollee guddifatanelle, ijoolleen isaanii tokkolle adoo hin hafin hin dhumatan. Yennaa ani isaan biraa deeme isaaniif aanne'e! 13Ani kolbaa Efreemii akka qachaa Xiiroosii addee dansaa jiranuun dhagge. Amma ammoo kolbaan Efreemii ijoollee ifii worra qaluuf dhikeessite» jedha. 14Ee Mootii Waan Maraa, isaaniif kenni! Ati maan isaaniif kennita? Gadaamessa ulfi irraa bayuu fi harma gogaa isaaniif kenni.

Israa'el Irratti Muraa Mootii Waan Maraa

15Mootiin Waan Maraa, «Sababa hammeenna isaanii ka Giilgal keessaatiif, ani achitti isaan jibbe; sababa hujii cubbittii isaaniitiif, ani mana kiyya keessaa oofee isaan hin baasa. Ani haganaa achi isaan hin jaaladhu; sooressitooti isaanii marti finqiltoota. 16Kolbaan Efreemii dhowante; hiddi isaanii goge; isaan midhaanille hin buusanu. Isaan yoo ijoollee uumatanelle, ani ijoollee isaan jaalatanu isaan duraa hin ijjeesa» jedha.

Raagichi Marroo Israa'elii Dubbata

17Waan isaan isaaf hin ajajaminiif, Waaqi kiyya isaan hin gata. Isaan gosa biyya adda addaa odduu worra daaqu hin te'an.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Judgment and the Loss of Fruitfulness

  • Hosea recalls two notorious failures in Israel's history: the worship of Baal-peor, where the Israelites joined in the worship of the Moabite deity, and the days of Gibeah, an atrocity recorded in Judges 19–20 that brought disaster upon the tribe of Benjamin.Sources: the Bible text itself · Baal-peor · Gibeah
  • The chapter warns of exile in Assyria and flight to Egypt, stating that Memphis (Hebrew Moph), the ancient capital of Lower Egypt, would become the burial ground of the displaced people.Sources: the Bible text itself · Memphis · Egypt · Assyria
  • The name Ephraim signifies double fruitfulness, based on Joseph's second son born in Egypt. Hosea highlights a tragic reversal of this heritage, announcing that Ephraim's root is withered and that the nation will no longer bear fruit.Sources: the Bible text itself · Ephraim

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Assyria · 36.359, 43.153 · verses 3, 6
  • Egypt · 30.129, 31.308 · verses 3, 6
  • Memphis · 29.849, 31.253 · verse 6
  • Tyre · 33.271, 35.196 · verse 13

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.