Hosea 6
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Cubbuu Faaci'ata Dhaba Kolbaa Israa'elii
1Kolbaan, «Kowa'a, gara Mootii Waan Maraa deebinaa! Isattuu nu kukkutee, isattuu nu fayyisa; isattuu nu madeessee, isattuu madaa teennaa hidha. 2Guyyaa lamaan duuba inni jiruu haareya nu keessa hin keya; akka fuula isaa dura leenu guyyaa sadiin duuba nu hin kaasa. 3Kowa'a, Mootii Waan Maraa beennuu ti; isa beekiisaaf wodhaanuu ti. Inni akka boruu dayya'uu hin mudhata; akka bokkeya gannaa, akka bokkeya furmaataa ka lafa jiisuu gara keenna hin dhufa» hin jetti.
4Mootiin Waan Maraa, «Ee Efreem, ani maan si godhu ree? Ee Yihuda'a, ani maan si godhu ree? Jaalalli keessan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa ganamaa ka dafee baduu ti. 5Tanaaf, ani karaa raagota tiyyaatiin isin kukkutee, jecha kiyyaan isin ijjeese. Muraan tiyyalle akka balaqqeetti'ii isin irratti balaqqitte. 6Ani ciincaa caalaa jaalala bara baraa, kennansa gubamu caalaa ana Waaqa beekiisa keessan barbaada.
7«Isaan akkuma Addaamii gondooroo diigane. 8Giil'aad qachaa namoota hamootaa, ka dhiigaan battowe. 9Worri nama saamu akkuma riphee nama eegu, hayyootille goli'iin akkasuma godhan; isaan karaa Sheekem geessu irratti nama ijjeesaa, yakkaa fokkisiittuu hujan. 10Ani Israa'el keessatti waan nafa nama shuguggeessu dhaggeera; Efreem achitti sagaagalee Israa'el battootte.
11«Kolbaa tiyya boojuu irraa yennaa deebisu, ee kolbaa Yihuda'aa, isinille yennaa itti haammantanu murteesseera.

Did you know?
Fleeting Loyalty and True Devotion
- In Hosea 6:6, the prophet proclaims that God values mercy and the knowledge of God above ritual animal sacrifices and burnt offerings, emphasizing heartfelt covenant faithfulness over mere religious formalities.Sources: the Bible text itself
- The prophetic text compares the loyalty of Ephraim and Judah to morning mist and vanishing dew; Ephraim, originally named after Joseph's son for double fruitfulness, is frequently used in the book to address the northern kingdom of Israel.Sources: the Bible text itself · Ephraim
- The chapter condemns lawlessness in Gilead, a mountainous region located east of the Jordan River, and accuses corrupt bands of priests of committing violent ambushes on travelers along the road toward Shechem.Sources: the Bible text itself · Gilead
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Shechem · Today: Tell Balatah · 32.214, 35.282 · verse 9
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org