Hosea 14
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Eebba Dhaggatiisaaf Cubbuu Irraa Deebi'iisa
1Ee kolbaa Israa'elii, cubbuun teessan waan isin gufachiitteef, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebi'a'a. 2Jechoota kana isaan jedhiisaaf, fudhadha'aatii gara Mootii Waan Maraa deebi'a'a'a: «Cubbuu teenna mara nuu araaram! Galata dansaa afaan keennaa akka dhikeessinu, mararti'iin nu fudhadhu. 3Asoor nu baasuu hin dande'u; fardoo lolaa irra hin teennu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne si'iin marartii waan dhaggattuuf, nuuti ijjumaa deebinee waan harki keenna hujeen, ‹Waaqota keenna› hin jennu» jedha'aan.
Mootiin Waan Maraa Jiruu Haareya Israa'eliif Kenniisaaf Waadaa Gale
4Mootiin Waan Maraa,
«Ani dhukkuba na irraa isaan fageessu irraa
isaan hin fayyisa;
aariin tiyya isaan irraa waan deebiteef,
ani akkasumaan isaan hin jaaladha.
5Ani Israa'eliif
akka tiifu'uu hin te'a.
Isaan akka daraara'aa hin baqan;
akka hindheensa Libaanonii hidda gad hin naqatan.
6Isaan quunxoo haareya hin baasan.
Akka muka ejersaa hin miidhagan;
fooleen isaanii akka hindheensa Libaanonii hin teeti.
7Isaan deebi'anee gaaddisa kiyya jala hin boqatan.
Akka midhaanii hin latan;
akka muka woyni'ii hin daraaran;
akka daadhii woynii biyya Libaanonii gurra hin horatan.
8Ee kolbaan Efreemii,
waaqota dharaa biraa
ani maan qaba ree?
Ka deebii isiniif kennu,
ka isin kunuunsu ana.
Ani akka muka yennaa mara bisiluu ti;
eebbifam keessan na biraa dhufa» jedha.
9Nami qaroon waan kana hin hubata;
nami woy hubatu waan kana hin qalbeeffata;
karaan Mootii Waan Maraa qajeela'a;
balchooleen irra ideeman;
finqiltooti ammoo keessatti gufatan.
Did you know?
A Call to Repentance and Promise of Restoration
- The final chapter of Hosea uses rich agricultural imagery to depict national renewal, repeatedly citing Lebanon. Lebanon is the celebrated mountain range north of Israel, famed in antiquity for its majestic cedar forests, fragrant flora, and prized wine.Sources: the Bible text itself · Lebanon
- The name Ephraim is traditionally associated with fruitfulness. The chapter plays on this meaning when God tells the northern kingdom that genuine fruit and flourishing come from him rather than from crafted idols or foreign treaties.Sources: the Bible text itself · Ephraim
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org