Nations Bible

Hebrews 9

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Waaqonfannaa Lafa Irraatii Fi Ol-Gubba'aa

1Gondooroon duraa seera waaqonfanna'aatii fi Galma Waaqaa ka lafaa qaddi. 2Dunkaaniin kolloo lama qaddu qopheeffanteertiiyyu. Kolloon balbalatti aantu ta wonni ifa irra keyanu, xarapheessa'aa fi daabboon Waaqa dura dhikaattu keessa jirtu, «Addee Woyyittii» jedhanti. 3Gollaa lammeesso'ootiin gara duubaa addeen jirtu ta keessaa, «Addee Irra Caalaa Woyyittii» jedhanti. 4Achi keessa addeen ciinca'aa, ta worqi'iin hujantee hixaanni irratti aarfamuu fi Saanduqi Gondooro'oo ka worqi'iin gonfameeru jiran; Saanduqa Gondooro'oo tana keessa okkoteen worqi'iin hujanteertu ta sagaleen mannaa jedhantu keessa jirtu, uleen Aaronii ta lattee fi dhakaan baxxichi lamaan ka ajaji kudhan irratti barreeffame jiran. 5Saanduqa Gondooro'oo irra dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu ta ulfinnaa, ta qadaaddaa addee araarri cubbu'uu kennamuu, koola ifiitiin golliteertu jirti; amma ammoo marroo waan kana maraa tokko tokkoon dubbatiisaaf hin dandeennu.

6Wonni mara akkasitti qopheeffameen duuba, hayyooti tajaajila ifii muummessiisaaf, yennaa mara gara kolloo dunkaani'ii ta balbalatti aantuu seenan. 7Kolloo gara boro'oo Hayyicha Guddaa calla'atti seena; innille wogga'atti yennaa tokko callaa seena; inni cubbuu ifiitii fi cubbuu kolbaan wollaalaan huje maraaf, dhiiga dhikeessu adoo hin qabatin hin seenu. 8Dunkaaniin qaraa haga jirtu karaan gara addee woyyittii woyyootaa geessu, ammalle akka hin banamin Ayyaanni Woyyichi akkasiin mudhisa. 9Kunille fakkeenna yennaa ammaa ti; kenna'aa fi woreegaan akka kanaan dhikaatanu wodanaa nama waaqonfatuu qulqulleessiisaaf ijjumaa hin dande'anu. 10Wonni kun mara marroo nyaataatii fi uni'ii, marroo aadaa ifi qulleessiisa adda addaa waan te'eef, seera foonii ka haga yennaan seera haareyaa dhuttutti huju.

11Kiristoos ammoo waan dadansaa dhufaaruuf Hayyicha Guddaa te'ee mudhateera; dunkaaniin inni seene guddo'oo fi guutu'u; dunkaaniin tun ta harka namaatiin hin hujaminii fi ta dada tana keessaa hin te'in. 12Kiristoos woreega dhikeessiisaaf dhiiga re'e'eetii fi dardaraa qabatee adoo hin te'in, takkumaan yennaa maraaf dhiiga ifii qabatee, addee woyyittii woyyoota seene; akkasiin wodama bara baraa akka dhagganu nu'uuf godhe. 13Dhiigii re'e'eetii fi dardaraa, daadhaan goronsa ciinceffameelle namoota battowane irratti facaasuun, battummaa foon isaanii irraa isaan ka qulleessu yoo te'e, 14dhiigi Kiristoosii ka karaa Ayyaana bara baraatiin, woreega fokkoo hin qanne godhee, Waaqaaf ifi dhikeesse, Waaqa jiraataa akka Waaqonsinuuf, hujii du'atti geessitu irraa attam attam irra caalaa wodanaa keenna qulleessa ree!

15Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te'ee du'e. 16Yoo dhaamati dhaalaa jiraate, du'a nama dhaamatuu san mirkaneeffatiis barbaachisa'a. 17Dhaamati dhaalaa gaafa namichi dhaala kenne sun du'e callaa hujii irra oola malee, adoo inni jiruu hujii irra ooluu hin dande'u. 18Tanaaf Gondooroon duraatuu dhiigaan malee hujii irra hin oolle. 19Muuseen ajaja Seeraa tokko tokkoon kolbaa maraaf himeen duuba, dhiiga dardaraatii fi re'e'ee bisaan woliin fuudhee, baala muka hisoophiitii fi rifeensa hoole'ee diima'aan, Kitaaba Seeraatii fi kolbaa maratti fiffixaa, 20«Dhiigi gondooro'oo ka akka eeggattanuuf Waaqi isin ajaje kana» jedhe. 21Akkasuma dunkaani'ii fi meya waaqonfanna'aaf tajaajilu maratti diiga fiffixe. 22Dhugumaan akka Seera Muuse'eetitti waan diqqoo malee, wonni maraa dhiigaan qulleeffama; adoo dhiigi hin dhangala'in araarri cubbu'uu hin jiru.

Woreegamiis Kiristoosii Cubbuu Balleessa

23Wonni fakkeenna waan ol-gubba'aa te'e mara, waan kana maraan qulloomiis barbaachisa'aayyu; wonni ol-gubbaa jiru maraa ammoo ifiifuu woreega kana caaluun qulleeffama. 24Kiristoos Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame, ka fakkeenna dunkaanii dhugitti'ii te'e hin seenne; inni amma nu'uuf Waaqa duratti mudhatiisaaf jedhee ol-gubbaa seene. 25Hayyichi guddichi Yihudootaa dhiiga ka isaa hin te'in qabatee, wogguma wogga'aan addee woyyittii Woyyoota seenaa ture; Kiristoos ammoo yennaa hedduu woreega godhee ifi dhikeessiisaaf hin seenne. 26Adoo akkas te'ee, haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee, sila Kiristoos yennaa hedduu rakkinna fudhatiisa qabaayyu. Amma ammoo bara muumme'eetitti, ifi woreegiisaan cubbuu balleessiisaaf, takkumaan yennaa maraaf mudhateera. 27Nami mara akka du'uu fi achiin duuba mura'aaf akka dhikaatu murtayeera. 28Kiristoos cubbuu nama heddu'uu ba'atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba'atiisaaf adoo hin te'in, worra dharra'aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Earthly Sanctuary

  • This chapter describes the first covenant's earthly sanctuary as a tabernacle divided into two rooms. According to Easton's Bible Dictionary (1897), the outer room, the Holy Place, was twenty cubits long and ten cubits high and wide. It had no opening for daylight, so only the golden lampstand lit it.Sources: the Bible text itself · Holy Place
  • A veil of the most costly materials and the brightest colors separated the Holy Place from the Most Holy Place. Priests entered the first room regularly to carry out their duties, but only the high priest entered the inner room, and only once a year, never without blood offered for himself and for sins the people had committed in ignorance.Sources: Holy Place · the Bible text itself
  • This chapter places the golden altar of incense in the Most Holy Place, together with the gold-covered ark, which held a gold jar of manna, Aaron's staff that had budded, and the stone tablets of the covenant. Easton's Bible Dictionary (1897), by contrast, locates that altar in the Holy Place, with the table of showbread. Aaron, whose staff is mentioned here, was Moses' elder brother and the eldest son of Amram and Jochebed.Sources: the Bible text itself · Holy Place · Aaron

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Holy Place · Today: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · verses 2, 8, 12, 25
  • Most Holy Place · Today: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · verses 3, 7

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.