Hebrews 7
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Hayyicha Malkiisedeq
1Malkiisedeqiin kun mootii Saalemiitii fi hayyicha Waaqa Ol Aana'aa ti; inni yennaa Abrahaam mootota injifatee deebi'u kara'atti wolde'ee isa eebbise. 2Abrahaam waan duudii keessaa, kudhan keessaa tokko baasee kenneef; hiikkaan maqaa Malkiisedeqii tokkeessoon, «Mootii balchumma'aa ti», akkasuma «Mootii Saalemii» jechuun «Mootii nageyaa» jechu'u. 3Malkiisedeq abbaa, haadha, yookiin hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenna isaalle jalqabaa fi dhuma hin qabu; akka Ilma Waaqaa haga bara baraa hayyuu te'ee jiraata.
4Abbaan sanyii teennaa Abrahaam waan booji'e keessaa, kudhan keessaa tokko eega isaaf kenne, nami kun attam guddaa akka te'e ilaala'a! 5Worri sanyii Lewwi'ii te'anee hujii hayyumma'aatitti ramadamanu, sanyii Abrahaamii te'anulle kolbaa ifii irraa jechuun obboleeyyan ifii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatanu seerrii hin ajaja. 6Malkiisedeq ammoo sanyii Lewwi'ii te'uu dhabulle, Abrahaamii waadaan galameef irraa kudhan keessaa tokko fudhatee, isa eebbise. 7Diqqaan gudda'aan eebbifamiis mama hin qabu. 8Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko worri fudhatu worra du'a'a; karaa kaaniin ammoo kudhan keessaa tokko ka fudhatu, hayyicha jiraataa akka te'e ka dhugaan hinteef Malkiisedeq. 9Lewwiin kudhan keessaa tokko fuudhuuyyu, yennaa san karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessaa tokko baaseera» jedhiisaaf hin dande'ama. 10Sababille yennaa Malkiisedeq Abrahaamiin wolde'e, Lewwiin gudeeda Abrahaamii abbaa ifii keessa jiraayyu.
11Karaa hayyummaa Lewwi'iitiin seerri kolba'aaf kenname; karaa hayyummaa Lewwootaa kanaan guutummaan adoo dhaggantee jiraatte, muudaa hayyummaa Aaronii adoo hin te'in, hayyichi biraa ka muudaa hayyummaa Malkiisedeqii qabu dhufiis sila hin barbaachisuuyyu. 12Yennaa hayyummaan jijjiirantu seerrille jijjiiramuu qaba. 13Goottaan keenna ka marroo isaatiif amma dubbatamu kun ka gosa dhibii keessaa ti; gosa tana keessaa addee ciinca'aa dhiyaatee nami tajaajileeru tokkolle hin jiru. 14Goottaan keenna gosa Yihuda'aa keessaa dhalatiis ka beekkame; te'uu malee Muuseen yennaa marroo hayyootaa dubbate, waan gosa Yihuda'aa womaa hin dubbanne.
Kiristoos Hayyicha Akka Malkiisedeqii ti
15Hayyichi biraa ka akka Malkiisedeqii gaafa ka'u, wonni kun caalaa ifa teeti. 16Inni karaa aada'aa fi seera sanyi'iitiin adoo hin te'in, karaa hunna jireenna isaa ka dhuma hin qanneetiin hayyuu te'e. 17Marroo isaatiif barreeffama Woyyicha keessatti,
«Akkuma hayyummaa
Malkiisedeqii,
ati haga bara baraa hayyuu hin teeta»
jedhamee dhugaan bayameeraaf.
18Ajaji duraa dadhaba'aa fi ka wo hin baane waan te'eef diigameera. 19Seera Muuse'eetiin wonni tokkolle guutuu te'iisaaf hin dandeenne; amma ammoo addiin caaltuun ta ittiin gara Waaqaa dhikaannu nu'uuf kennanteerti.
20Hayyummaan tun kakuu Waaqaatiin malee hin teene; worri duraan hayyoota te'ane kakuu malee te'ane. 21Yesuus ammoo kakuu Waaqaatiin hayyuu te'e; marroo isaatiif Barreeffama Woyyicha keessatti,
«Waaqi, ‹Ati haga bara baraa hayyu'u› jedhee kakateera,
inni yaada ifii hin jijjiiratu» jedhantee barreeffanteerti.
22Sababa kakuu tanaatiin Yesuus gondooroo caaltu'uuf wobii te'eera.
23Hayyooti duraa hujii hayyummaa ifii akka itti hin fufne duuti waan dhooggituuf, laakkossi isaanii heddu'u. 24Yesuus ammoo haga bara baraa waan jiraatuuf, hayyummaan isaa hin jijjiirantu. 25Tanaaf inni isaaniif gaafatiisaaf yennaa duudii waan jiraatuuf, worra karaa isaatiin gara Waaqaa dhiyaatu ijjumaa fayyisiisaaf hin dande'a.
26Yoona Hayyicha Guddaa: Woyyicha, ka komii hin qanne, qulqulluu, ka cubbaalleyyii irraa gargar baye, ka ol-gubba'aan irra ol aaneeru ka waan nu'uuf barbaachisu mara godhu nu'uuf barbaachisa. 27Inni akka hayyoota gugurdoo dhibi'i, dursee cubbuu ifiitiif, achiin duuba cubbuu kolba'aatiif guyyuma guyya'aan woreega dhiyeessiis hin barbaachisuuf; yennaa ifi woreega tolchee dhikeesse, takkumaan yennaa maraaf muummesseera. 28Seerri Muuse'ee worra dadhabaa hayyoota gugurdoo godhee muuda; jechi kaku'uu ka Seera Muuse'eetiin duuba dhufe ammoo, haga bara baraa guutuu ka te'e Ilma Waaqaa muudeera.

Did you know?
Melchizedek and a priesthood without end
- The story of Melchizedek is limited to his meeting with Abraham in Genesis; the Old Testament mentions him again only in Psalm 110. Hebrews explains his name as “king of righteousness,” and “king of Salem” as “king of peace.” Salem, a name meaning peace, is commonly supposed to be another name for Jerusalem.Sources: Melchisedec · Salem · the Bible text itself
- Hebrews argues that Melchizedek was greater than Abraham: Abraham gave him a tenth of the plunder, and Melchizedek blessed the man who held the promises. Levi, Jacob’s third son and ancestor of the priests who later collected the tenth, was not yet born; the letter says that, so to speak, he paid that tenth while still in Abraham.Sources: the Bible text itself · Levi (patriarch) · Melchisedec
- The priests whom the law commanded to collect the tenth belonged to the line of Aaron, the eldest son of Amram and of Jochebed, a daughter of Levi. Hebrews contrasts that hereditary order with Jesus, whom the letter says descended from Judah, a tribe about which Moses said nothing concerning priests.Sources: Aaron · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org