Nations Bible

Hebrews 13

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Tajaajila Waaqa Gammachiisu

1Yennaa mara akka obboleeyyanii wol jaaladha'a! 2Keessummaa fudhattanee keessummeessiisa hin dedhina'a; sababille akkas godhiisaan namooti gariin adoo hin beekin ergantoota Waaqaa fudhatanee keessummeessaneeran. 3Akka isaan woliin hidhantanee jirtanuutitti, worra hidhameeru yaadadha'a! Akka isaan woliin rakkatiisatti jirtanuutitti, worra rakkinna fudhatiisatti jiru yaadadha'a!

4Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti. 5Jaalala beese'ee irraa if qusadha'a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera. 6Maarre sodaa malee,

«Goottaan gargaaraa kiyya,

ani hin sodaadhu;

nami maan na godhuu dande'a ree?» hin jenna.

7Worra jecha Waaqaa isinitti dursee hime sooreyyii teessan qaabadha'a! Leetoo isaanii keessaa waan dhaggame ilaala'a, fakkeenna dhugeeffannaa isaaniille fudhadha'aatii hordofa'a. 8Yesuus Kiristoos kaleelle, adhaalle, haga bara baraalle sanuma! 9Barsiisa adda addaa, barsiisa orma te'e maraan hin booji'amina'a! Gadhaan keenna seera sagale'ee eeggatiisaan adoo hin te'in, badhaadha Waaqaatiin adoo jabaate dansa'a; worri seera sagale'ee eeggateeyyuu womaa hin dhagganne.

10Nuuti addee ciincaan itti ciinceffamu qanna; te'uu malee worri dunkaanii Yihudootaa san keessa tajaajilu akka addee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuuf hin eeyyamamu. 11Hayyichi guddichi Yihudootaa, dhiiga hori'ii ka araara cubbu'uu fidu qabatee addee woyyittii woyyootaa seena; foon horii sanii ammoo addee itti qubataneen alatti gubama. 12Akkasuma Yesuus dhiiga ifiitiin kolbaa woyyoonsiisaaf, karra qachaa gudda'aatiin alatti rakkate. 13Kowa'a nuutille addee quttumaatii baanee gara isaa dhandha; worra salphinna inni fudhatelle qoodannu teena. 14Nuuti qachaa guddicha dhufu eeggatiisatti jirra malee, qachaa guddicha hin banne lafa tana irratti hin qannu. 15Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa'a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu. 16Waan dansaa godhiisaa fi waan qaddanu worra dhibi'iin geyiisa hin dedhina'a! Woreegi akkasii Waaqa hin gammachiisa.

17Sooreyyii teessaniif ajajama'a; baallii isaaniitille'een jalatti bula'a; isaan baallii Waaqaan itti gaafatamanu waan qabanuuf, lubbuu teessan jabaatanee tissan; yoo isin isaaniif ajajantane, isaan kana gammadaan hujan; yoo akkas hin te'in, gaddaan hujan; kun isiniif dansa'aa moti.

18Nu'uuf daadimadha'a; nuuti karaa maraan waan dansaa hujiisaaf halchaa waan qannuuf, wodanaa qulqulluu akka qannu beenneerra. 19Irra caalaa akka ani dafee gara keessan deebi'ee dhufuuf akka daadimattanu, jabeessee isin kadhadha.

Daadimata Muumme'ee

20Waaqi Abbaan nageyaa, ka dhiiga gondooroo bara baraatiin, tissee hoole'ee guddicha, Goottaa keenna Yesuus du'aa kaase, 21fedhii isaa akka muummessitanuuf waan dansaa maraan isin hidhachiisu; waan isa gammachiisulle, karaa Yesuus Kiristoosiitiin nu keessatti hujuu ti. Ulfinni haga bara baraa Yesuus Kiristoosiif te'u! Ameen.

Nageya Dhaamiisa

22Obboleeyyan tiyya! Ergaan ani isiniif barreesse tun gabaadduu waan teeteef, dubbii gorsaa tana ossataan akka fudhattanu jabeessee isin kadhadha. 23Obboleessi keenna Ximootewoosille mana hidha'aatii akka hiikame akka beettanu fedha. Yoo inni dafee as dhufe, isa woliin dhufee isin dhagga. 24Sooreyyii teessanii fi kolbaa Waaqaa maratti nageya naa hima'a! Obboleeyyan biyya Ixaaliya'aatii dhutte nageya isinitti dhaanti. 25Badhaadhi Waaqaa isin mara woliin jiraatu! Ameen.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Exhortations for life together

  • The chapter recalls that the high priest brings the blood of animals into the Holy Place as a sacrifice for sin, while the bodies are burned outside the camp. It says Jesus also suffered outside the city gate to sanctify the people by his own blood. Readers are urged to go to him outside the camp, bearing the disgrace he bore, because they have no permanent city here but look for the city that is to come.Sources: the Bible text itself
  • The chapter ends with greetings from those from Italy. The name Italy was used differently in different periods; as Rome's power advanced, it came to designate the whole country south of the Alps. In the Roman period there was constant contact between Palestine and Italy.Sources: the Bible text itself · Italy
  • The chapter says that our brother Timothy has been released, and that the writer hopes to come with him if he arrives soon. A biographical note describes Timothy, or Timotheus—a name meaning honoring God—as a young disciple who accompanied Paul on many journeys. His mother Eunice and his grandmother Lois were noted for their piety, and his father was a Greek.Sources: the Bible text itself · Timotheus

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Holy Place · Today: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · verse 11
  • Italy · 41.892, 12.485 · verse 24

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.