Nations Bible

Haggai 2

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Ulfinna Galma Waaqaa Ka Haareyaa

1Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a torbeesso'oo keessatti, guyyaa diddamii tokkeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin dubbatee, 2«Ilma She'altii'elii Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aa, ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'aatii fi kolbaa boojuu irraa deebiteen, 3‹Isin keessaa ulfinna Galma Waaqaa ka durii nami dhaggeeru jiraa? Amma inni maan isinitti fakkaata ree? Inni akka waan ijjumaa hin jirree tokkootii motii? 4Amma ammoo Zarubaabel, jabaadhu! Ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'a, jabaadhu! Kolbaan biyya keessa jirtanu marti, ani isin woliin waan jiruuf, jabaadha'aa ijaara'a!› jedhi. 5Biyya Gibxi'iitii yennaa baatane, ‹Ani isin woliin hin jiraadha› jedhee, akkuma waadaa isinii gale, ammalle Ayyaanni kiyya isin woliin waan jiruuf hin sodaatina'a.

6«Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Yennaa gabaadduu keessatti ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi lafa bisaan irra hin jirre ammalle hin tachoosa. 7Gosa biyya adda addaa duudii hin tachoosa; karri isaanii duudiille akka as dhuttu hin godha; ani Galma Waaqaa kana ulfinnaan hin guuta. 8Worqi'ii fi meetiin biyya lafaa duudiin tiyya. 9Ulfinni Galma Waaqaa haareya kanaa ka durii hin caala; anille achitti kolbaa tiyyaaf nageya guutuu hin kenna› jedha» jedhii itti himi.

Haageen Raagichi Hayyoota Gorse

10Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a sagaleesso'oo keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa, karaa Haagee raagichaatiin ammalle dubbatee, 11«Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Me waan seerri jedhu hayyoota gaafadha'a! 12Nami tokko foon woyyoome addee ciinca'aa irraa fuudhee woya'aan maree yoo qabate, maraan sunille daabboo yookiin ittoo, daadhii woyni'ii yookiin zayitii, yookiin sagalee dhibii yoo tuxxe, sagaleen tun duudiin tanaan hin woyyoontii?› jedha» jedhe.

Hayyooti deebisanee, «Waawwo'o» jedhane. 13Haageen ammalle, «Nami reeffa tuqiisaan battowe tokko, sagalee tana keessaa takkaa yoo tuqe, sagaleen tuqante sun hin battoottii?» jedhee isaan gaafate.

Hayyootille, «Ee, hin battootti!» jedhanee deebisane.

14Achiin duuba Haageen, «Kolbaan tun duudiin akkuma san; tanaaf hujii isaan hujjanuu fi wonni isaan addee ciinca'aa irratti dhiyeessanu ka battowe; tana Mootii Waan Maraatitti dubbate» jedhe.

Mootiin Waan Maraa Eebbisiisaaf Waadaa Gale

15Mootiin Waan Maraa, «Waan isin irratti te'e hin hubattanuu? Galma Waaqaa deebittanee ijaariisa adoo hin jalqabin dura, 16midhaan kiiloo dhibba lama dhaggatiisaaf, gara tuulaa midhaanii dhaxxane, ammoo midhaan kiiloo dhibba tokko qofa dhaggatane; daadhii woyni'ii litirii dhibba tokko dhaggatiisaaf addee midhaan woyni'ii itti cunfanu dhaxxane, ammoo daadhii woyni'ii litirii afurtama qofa dhaggattane. 17Ani isinii fi waan isin itti eloottane mara gugguufaa, dhukkuba midhaanii ka adda addaatii fi dhakaa bokkeyaatiin dhowe; isin ammoo ammalle cubbuu irraa hin deebine. 18Ji'a sagaleesso'oo keessatti adha guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, guyyaa hundeen Galma Waaqaa hundeeffamee jalqaba'aatii me hubadha'a. 19Midhaan sanyi'ii gootaraa keessa yoo hin jiraatin, muki woyni'ii, muki harru'uu, muki roomaaniitii fi muki ejersaa yoo haga ammaa midhaan hin buusin, ani guyyaa adhaatii jalqabee isin hin eebbisa» jedhe.

Waadaa Mootiin Waan Maraa Zarubaabeliif Gale

20Ji'uma san keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yennaa lammeesso'oo Haage'etti dubbatee, 21«Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aatiin, ‹Ani ol-gubba'aa fi lafa hin tachoosa; 22barcumaa moototaa garagaggalcha; hunna mootummoota gosa biyya adda addaa hin balleessa; worra garreettaa fardaan harkifamu oofuu fi garreettaa isaanii garagaggalcha; fardoon isaanii hin dhumatti; abbootiin fardo'oolle wol hin ijjeetti; 23Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, si tajaajilaa kiyya ilma She'atii'elii Zarubaabel filadhee akka chaappaa kiyya ka qube'ee si godhadha› jedha» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Promise of Future Glory

  • When the foundation of the second temple was laid after the return from Babylon, older members of the community could still remember the magnificence of the original temple destroyed by Nebuchadnezzar. In response to their discouragement at the modest new structure, Haggai declared that the future glory of this house would surpass its former splendor.Sources: the Bible text itself · Zerubbabel · Haggai
  • Haggai consulted the priests on questions of ritual law to illustrate a moral point. According to their rulings, holiness was not easily transmitted through indirect contact, whereas ceremonial defilement—such as from touching a corpse—spread immediately, mirroring how their past neglect had affected their offerings and harvests.Sources: the Bible text itself
  • The restoration of the community was led by two key figures: Zerubbabel son of Shealtiel, who served as the civil governor, and Joshua son of Jehozadak, the high priest. At the end of the chapter, Haggai addresses Zerubbabel with the royal imagery of a signet ring, symbolizing divine authority and choice.Sources: the Bible text itself · Zerubbabel · Joshua

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Egypt · 30.129, 31.308 · verse 5

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.