Nations Bible

Ezra 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Addeen Ciinca'aa Deebitee Ijaarante

1Israa'elooti qachoota ifiititti galanee, ji'i torbeesso'oo yennaa geye, kolbaan marti Yerusaalem keessatti wolitti qabante. 2Achiin duuba ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, hayyooti akka isaa, Zarubaabeliin ilmi She'altii'eliitii fi obboleeyyan isaa, akkuma seera Muusee nama Waaqaa keessatti barreenfatte, kennansa gubamu irratti dhikeessiisaaf, addee ciinca'aa ta Waaqa Israa'elii ijaariisa jalqabane. 3Isaan kolbaa adaala sanii waan sodaataneef, addee ciinca'aa san hundee isi'ii ta durii irratti deebisanee ijaaranee, kennansa gubamu addee ciinca'aa san irratti ganamaa fi galgala Mootii Waan Maraatiif dhikeessane. 4Achiin duuba kennansa gubamu ka guyyaa guyya'aaf barbaachisu dhikeessiisaan, akkuma laakkossa barreeffameetitti jila gose'ee jilifatane. 5Kanaan duuballe kennansa gubamu ka guyyaa maraa, ciincaa baatii ji'aa, ciincaa jila woyyittii Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu fi kennansa fedhii ifiitiin nami Mootii Waan Maraatiif kennulle dhikeessane. 6Hundeen Galma Waaqaa keyamuu dhaddulle, isaan ji'a torbeesso'ootitti guyyaa qaraa ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisa jalqabane.

Galmi Waaqaa Deebi'ee Ijaarame

7Kolbaan worra dhakaa bocuu fi worra muka bocuufiille beesee kennite; akkasuma akka ajaja Qiirosii mooticha Faaresiititti jigeessa hindheensa Libaanosii haga Yophe'eetitti abbaayaa irra akka fidanuuf, namoota Sidooniitii fi Xiiroosiitiifille sagalee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa kennane. 8Gara Yerusaalemii addee Galmi Waaqaa dur jiru sanitti deebi'anee woggaa lammeesso'oo, ji'a lammeesso'ootitti, ilmi She'altii'elii Zerubaabel, ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, kolbaan dhibiille, hayyootii fi Lewwooti, worri boojuu irraa gara Yerusaalemii deebi'e martinuu hujii jalqabane. Hujii ijaarsa Galma Waaqaa irra deddeemanee akka toowatanu, Lewwoota woggaa diddamaatii fi woggaa diddamaa olii mara filatane. 9Iyaasuun ilmaan ifiitii fi obboleeyyan ifii, Qadmii'elii fi ilmaan Qadmii'elii ta sanyii Hodaawiya'aa, ilmaan Henaadaadiitii fi ilmaan isaanii, obboleeyyan isaaniille woliin, Lewwooti marti worra Galma Waaqaa ijaaru toowatiisaaf wolitti dabalamanee itti gaafatamummaa fudhatane.

10Worri ijaaru hundee Galma Mootii Waan Maraa yennaa keyane, akkuma mootichi Israa'elii Daawiti ajajetti, hayyooti woyaa hayyummaa ifii uffatanee, tultullaalle qabatanee, Lewwooti ilmaan Asaafii sibiila qilillisu qabatanee, Waaqa leellifatiisaaf, addee addee ifii qabatane. 11Isaan faaru'uun,

«Waaqi dansa'a;

jaalalli isaa ka bara baraa

ka inni Israa'eliif qabu

haga bara baraa ti» jedhanee,

Mootii Waan Maraa leellifatanee galateeffatane.

Hundeen Galma Mootii Waan Maraa waan dhaabateef, kolbaan marti gammaddee, qoonqoo ifii ol qabattee Mootii Waan Maraa leellifatte. 12Maanguddooti hayyootaa, Lewwootaatii fi sooreyyiin maati'ii worri Galma Mootii Waan Maraa ka durii dhagganeeranu marti, yennaa hundee Galma Mootii Waan Maraa kana dhaggane, qoonqoo guddo'oon bowane; namooti dhibiin hedduun ammoo qoonqoo ifii ol qabatanee gammadaan ilillisane. 13Namooti qoonqoo guddisanee ol qabatanee waan hogisaneef, nami tokkolle ililleettii gammadaatii fi qoonqoo bowiisaa dande'ee gargar hin baafanne. Qoonqoolle fago'otti dhage'ante.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Rebuilding the Altar and Temple Foundation

  • The returned exiles restored sacrificial worship on the temple mount before beginning major construction. Under Zerubbabel and the priest Jeshua, they rebuilt the altar on its original site to resume daily offerings and celebrate the Feast of Tabernacles before laying the temple foundation.Sources: the Bible text itself · Zerubbabel · Joshua
  • To secure timber for the rebuilding effort, the community paid masons and carpenters, and sent food, drink, and oil to Tyre and Sidon to transport cedar logs from Lebanon by sea to the port of Joppa, as permitted by Cyrus, king of Persia.Sources: the Bible text itself · Lebanon · Joppa · Cyrus
  • Laying the foundation of the house of the Lord triggered intense, mixed reactions. While many shouted joyfully to the accompaniment of trumpets and cymbals, older priests, Levites, and family heads who remembered the first temple wept aloud.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 8
  • Great Sea · Today: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · verse 7
  • Joppa · Today: Jaffa · 32.054, 34.753 · verse 7
  • Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 7
  • Persia · 34.806, 48.516 · verse 7
  • Sidon · Today: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · verse 7
  • Tyre · 33.271, 35.196 · verse 7

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.