Nations Bible

Ezekiel 7

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Badiin Israa'elii dhikaatte

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Goottaan Mootiin Waan Maraa marroo lafa Israa'eliitiif, ‹Lafa Israa'elii duudii irratti badiin dhikaatteerti. 3Ee kolbaa Israa'elii! Kunoo, badiin teessan dhikaatteerti; ani aarii tiyya isin irratti hin dhangalaasa; akkuma ideensa keessaniititti isinitti hin mura; battummaa teessan maraaf isin hin adaba. 4Marroo ideensa keessaniitii fi marroo battummaa odduu teessan jirtuutiif, ani isin hin adaba malee, isin hin hilu yookiin isiniif hin mararu› jedha. Achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan» jedhe.

5Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Badiin, badii irratti isinitti dhufaarti. 6Muummeen dhutteerti! Dhutteerti! Isin irratti kaateerti; kunoo, dhutteerti. 7Ee, isin worra lafa keessa leetanu, badiin teessan dhutteerti; yennaan dhutteerti; guyyaan sun guyyaa raafamaa ti malee, guyyaa gaara irratti firinxiixanuu moti.

8«Ani ammuma mufii tiyya isin irratti hin dhangalaasa; aarii tiyyalle isin irratti hin baafadha; akka ideensa keessaniititti isinitti hin mura. Hujii battittii teessan maraafille isin hin adaba. 9Marroo ideensa keessaniitii fi marroo battummaa odduu teessan jirtuutiif, ani isin hin adaba malee, isin hin hilu yookiin isiniif hin mararu. Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa ka adabu akka te'e hin beettan.

10«Guyyaan sun kunoo ti! Kunoo, dhufeera! Badiin teessan dhutteerti. Hunnaan nama irratti ka'iis guddateera; koorrille bacateera. 11Hunnaan nama irratti ka'iis guddattee, ulee hammeennaa teeteerti. Isaan keessaa yookiin gumii isaanii keessaa, qabeenna isaanii keessaa, waanuma gatii qabu keessalle'ee ka hafu tokkolle hin jiru. 12Kunoo yennaan dhutteerti; guyyaan geyeera; mufiin tiyya gumii isaanii mara irratti waan dhufaartuuf, ka bitatu hin firinxiixin; ka gurguratulle hin gaddin. 13Mudhiin marroo gumii maraa waan hin jijjiiraneef, ka gurguratee fi ka bitate haga jiru'uun jiranu, ka gurgurate lafa gurgurate san deebifatiisaaf hin dande'u. Sababa yakkaa isaaniitiif, isaan keessaa nami lubbuu ifii hamburatuu dande'u tokkolle hin jiru. 14Mufiin tiyya gumii mara irra waan jirtuuf, tultullaa afuufanee waan mara qopheeffatanulle, nami gara lolaa dhaqu tokkolle hin jiru.

Addabbii Marroo Cubbuu Israa'elii

15«Alaan shallaagaan, keessaan dhukkubaa fi beelatti jira; worri qacha'aan ala jiru shallaaga'aan dhumata; worri qachaa keessaalle dhukkubaa fi beelaan hin dhumata. 16Isaan keessaa worri miliqee hafe, sababa yakkaa ifiitiif, akka saphaliisa dhooqa keessaa, gaara irraa hin aadaan. 17Harki marti hin laashowa; jilbi marti hin lelleqa. 18Woyaa gaddaa hin uffatan; wonni hantuun nami dhaggee bararaqu isaan hin liqinsiti; mataan isaanii hin haadama. Isaan marti hin qaanowan. 19Isaan meetii ifii karaa irratti hin gatan; worqiin isaaniille akka waan batti'iititti hin laakkowanti. Guyyaa mufii ana Mootii Waan Maraa meeti'ii fi worqiin isaanii isaan baasuu hin dande'anu. Akka isaan yakkaa hujanu waan isaanitti te'aneef, nyaatanee ittiin hin quufanu yookiin gadhaa ifii ittiin hin guutatanu. 20Isaan seesa ittiin kooranu saniin, waaqota dharaa diqachiisa'aa fi waan battii hujataneeran; tanaaf waan kana mara waan battii isaanitti hin godha.

21«Seesa isaanii ormi akka saamu, hamaaleyyiin lafa san irraalle akka booji'anu harka isaaniititti dabarsee hin kenna. Isaanille seesa san hin batteessan. 22Ani fuula kiyya isaan irraa hin deebifadha; isaanille karra tiyya hin batteessan. Saantuun itti tintee hin batteessiti.

23«Latti dhiiga dhangalaasiisaan waan guutanteef, qachaalle hunnaan nama irratti ka'iisaan waan guutameef, wodaroo sibiilaa qopheeffadhu. 24Gosa biyya adda addaa keessaa worra irra caalaa hamaaleyyii fidee, qabeenna mana isaanii akka saamanu hin godha. Koora worra hunnaameyyi'ii hin balleessa; addeen woyyittiin isaanii marti hin battootti. 25Muddam yennaa dhufu, isaan nageya hin barbaaddan; garuu hin dhaggatanu. 26Badiin, badii irratti, oduulle, oduu irratti hin dhutti. Isaan raagaa irraa mudhii hin barbaadan; barsiisi seeraa hayyicha irraa, gorsi jaarsolee irraa hin bada. 27Mootichi hin bowa; qondaalli ijjumaa addii hin kutata; harki kolbaa lafa sanii hin romma. Ani akkuma ideensa isaaniititti isaan hin adaba; akkuma muraa isaaniititti isaanitti hin mura. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Imminent End and the Futility of Wealth

  • Ezekiel, whose prophetic ministry began around 592 BC, delivers an urgent announcement of unavoidable judgment reaching all four corners of the land of Israel.Sources: Prophecies of Ezekiel · the Bible text itself
  • The prophecy depicts economic collapse during the impending siege, noting that buyers and sellers will find commerce meaningless and that people will toss their silver and gold into the streets because wealth cannot satisfy starvation or buy deliverance.Sources: the Bible text itself
  • The chapter outlines a total breakdown of community leadership, warning that guidance will vanish simultaneously from prophets, priests, elders, and royal rulers.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 23

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.